Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa Duโaan Boqote Miseensa buleessa ABO fi nama kaayyoo itti amaneef amanamaa taโe Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa, dhukkubsatee waldhaanamaa erga turee booda, irraa fayyuu dadhabuun Gurraandhala 17, 2025 duโaan boqotee jira. Godina Lixa Shaggar naannoo magaalaa Gudaritti kan dhalate Jaal Jigsaan, umrii isaa ijoollummaa irraa qabee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti
Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa Duโaan Boqote
Miseensa buleessa ABO fi nama kaayyoo itti amaneef amanamaa taโe Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa, dhukkubsatee waldhaanamaa erga turee booda, irraa fayyuu dadhabuun Gurraandhala 17, 2025 duโaan boqotee jira.
Godina Lixa Shaggar naannoo magaalaa Gudaritti kan dhalate Jaal Jigsaan, umrii isaa ijoollummaa irraa qabee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti hiriiree dirqama isaa baโataa turuu kan himu seenaan isaa, Waldaa Maccaa fi Tuulamaattis miseensomuun hojii eegumsa waajjira waldichaa irrattis bobbaโuun qooda laataa turuu ifa godha.
Bara mootummaan wayyaanee/EPRDF, Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti roorrisaa turee fi waajjira waldichaa irrattis saamicha geggeessaa ture, Jaal Jigsaan saamicha qabeenya waldichaa irratti taasisamaa ture ittisuu keessatti qooda jabaa akka gumaache seenaa isaa irraa hubachuun ni dandaโama.
Jaal Jigsaan hidhattoota mootummaa wayyaanee/EPRDF qabeenya Waldaa Maccaa fi Tuulamaa saamuuf itti dhufan waan ittiseef jecha, kanaanis yakkamaa taโee murtoon dabaa hidhaan waggoota saddeetii (8) itti muramuun gidirsamaa akka ture seenaan isaa ni ibsa.
Jaal Jigsaa Abdiisaa hidhaa yeroo dheeraa irraa erga baโeen booda, dirree qabsoo Kibba Oromiyaatti leenjii dabballummaa erga fudhateen booda, Godinoota Bahaa, Lixaa fi Kaaba Shaggar keessatti dirqama dhaaba isaa ABO irraa itti kenname haala gaariidhaan raawwataa, qabsoo finiinsuu keessatti qooda jabaa akka taphate seenaan isaa ibsee mulโisa.
Jaal Jigsaan dirqama irra osoo jiruu yeroo lammaffaadhaaf harka mootummaa wayyaanee/EPRDF buโuudhaan murteen hidhaa waggoota 14 itti muramee manneen hidhaa Qaallittii, Qiliinxoo fi Baatuutti erga dararamaa turee booda, qabsoo fi warraaqsa bara 2018 TPLF karaa irraa kaaseen booda, hidhaa irraa baโe.
Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa erga hoogganni ABO gara biyyaa deebiโee fi ABOn ifatti sochoโuu jalqabee Waajjira Muummee Gullalleetti hojii eegumsaatti bobbaโuun cinaatti, ijaarsa jaarmiyaattis bobbaโee qooda kennaa tureera.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n duโaan boqotuu miseensa isaa Jaal Jigsaa Abdiisaatti gadda itti dhagaโame ibsaa, maatii, firoottanii fi jaallan qabsoo hundaaf jajjabina hawwa.
Qabsaโaan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *