ABOn Waajjira isaa Muummee Gullalleetti leenjii kennu itti fufeera
๐๐๐๐ซ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐๐ง ๐๐๐๐ ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐๐๐) ๐ง ๐๐๐๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐ ๐๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐๐ฅ๐ฅ๐๐๐ญ๐ญ๐ข, ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐ฎ๐ซ๐๐ โ๐๐๐ง๐ ๐๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ, ๐๐ง๐ง๐๐๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐๐ข ๐๐๐ ๐ ๐๐๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎโ ๐ฃ๐๐๐ก๐ฎ ๐ฃ๐๐ฅ๐๐ญ๐ญ๐ข, ๐ฅ๐๐๐ง๐ฃ๐ข๐ข ๐ก๐ฎ๐ง๐๐-๐ ๐๐ฅ๐๐๐ฌ๐ฌ๐ ๐ค๐๐ค๐โ๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐, ๐ฌ๐ข๐ฌ๐ขโ๐๐๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐๐ข ๐๐๐ง๐๐๐๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐ก๐จ๐จ๐ ๐ ๐๐ง๐ฌ๐๐ ๐๐ข๐ฆ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ฑ๐ข๐ฒ๐ฒ๐๐๐๐๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ช๐จ๐ง๐๐๐๐ฅ๐จ๐ญ๐๐ ๐ข๐ฌ๐๐๐ ๐ฅ๐๐๐ง๐ฃ๐ข๐ข ๐ ๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐ฅ๐๐ฆ๐๐ ๐ค๐๐ง๐ง๐๐๐ซ๐.
Leenjii guyyoota lamaaf kenname irratti, miseensota isaa dhimmoota ilaalchaa, gaggeessummaa fi taliigummaa ilaalchisee hubannoo isaanii gabbisu irratti akkasumas dandeettii fi buโa-qabeessummaan miseensota isaa mulโata dhaabaa akka galiin gahaniif, sirna jaarmiyaa isaanii akka amanamummaan tiksanii fi akka qajeeltummaan uummata isaaniif dalaganiif leenjiin gahummaa isaanii daran cimsu kenneera.
Kaayyoon leenjichaa miseensota ABO kan sirna fi aadaa jaarmiyichaa hubatan qofa osoo hin taane, kan gahuumsaan hojii keessatti tajaajilu dandaโan, qajeeltummaa qabaatan, aantummaa uummataa qabaatan, warra seeera naamusaatiin masakamanii dandeettii gaggeessummaa fi taliigummaa sirnaan gabbifatan ijaaruu dha. Dabalataan leenjichi miseensonni dhaabaa obsaa, murannoo fi cichoomina horatanii haala ulfaataa keessatti illee dandamachuun akka kaayyoo isaanii fiixan baasan gargaara.
Leenjiin hunda galeessi Mata dure โAangessuu, Onnachiisuu fi Gaggeessuuโ jedhu irratti qondaalotaaf hagayya 09 hanga10, 2025 tti Waajjira Muummee ABO Gullalleetti kenname kun milkiin goolabameera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *