๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐ง๐š๐ ๐š๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐ง๐ž; ๐ ๐ฎ๐๐๐ข๐ง๐š ๐ก๐š๐ง๐ช๐š๐ญ๐ญ๐ž๐ž ๐Ÿ๐ข ๐ฎ๐ฆ๐ซ๐ข๐ข ๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž ๐ ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ ๐š๐๐š๐๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ฎ ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š!

๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐ง๐š๐ ๐š๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐ง๐ž; ๐ ๐ฎ๐๐๐ข๐ง๐š ๐ก๐š๐ง๐ช๐š๐ญ๐ญ๐ž๐ž ๐Ÿ๐ข ๐ฎ๐ฆ๐ซ๐ข๐ข ๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž ๐ ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ ๐š๐๐š๐๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ฎ ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š!

Itoophiyaa Biyya Nagaan Irraa Fagaate!

๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐ง๐š๐ ๐š๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐ง๐ž; ๐ ๐ฎ๐๐๐ข๐ง๐š ๐ก๐š๐ง๐ช๐š๐ญ๐ญ๐ž๐ž ๐Ÿ๐ข ๐ฎ๐ฆ๐ซ๐ข๐ข ๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž ๐ ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ ๐š๐๐š๐๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ฎ ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š!

Tibba kana waaโ€™een nagaa biyyoota addunyaa kanaa dhaabbata dhimma kana jala buโ€™uu fi qoratee wagga waggaan ifa godhuun Itoophiyaa ilaalchisee gabaasni baase eenyummaa Itoophiyaa fi iddoo isheen jirtu kan mulโ€™isee dha.

Itoophiyaan gaafa humna afaan qawween ummatoota cabsitee of jala galchuun boca ammaa kana qabattee kaastee hanga umrii jireenya ishee harโ€™aatti nagaa hin arganne. Biyyi kun nagaa akka dheebottee fi hawwitetti hafte malee nagaan badhaatee akka biyyoota kaanii sabatiinsa argattee hin beektu.

Itoophiyaa keessaa nagaan baduu fi nagaa dheebotaa hafuu isheef sababootni jiran hedduu dha. Inni hundee fi ijoon akkaataa itti biyyattiin ijaaramtee fi boca ammaa qabattee dha. Biyyi kun fedhaa fi jaalala sabaa fi sab-lammoota keessatti argamaniin akka hin ijaaramin, ummatootnis tokkummaa humnaa malee fedha isaaniin walitti dhufanii biyya waloo akka hin tolfatin beekamaa dha. Biyya kolonii humna afaan qawwee fi weeraraan hundeeffamte waan taateef, tokkummaan jira jedhamus kana irratti kan hundaaโ€™ee dha. Kana waan taโ€™eef, hundeen nagaa dhabuu as irraa kan maddee dha. Dhimmi kun dhimma ijoo kan hanga harโ€™aatti illee Itoophiyaa nagaa dhabsiisee, sabatiinsa dhorkatee ummatoota illee qabbana dhorkatuun gatii kaffalaa akka jiraatan taasisee dha.

Haala kaleessa turee fi harโ€™as jiruun, sirna cunqursaa fi ukkaamsaa kaleessa diriiree fi harโ€™as sanuma hordofamuu fi jajjabeeffamuun, Itoophiyaan gonkumaa akka hawwitee fi dharraatetti hafti malee nagaa fi qabbana akkasumas sabatiinsa argachuu hin dandeessu.

Haala nageenya biyyoota addunyaa wagga waggaan gabaasa kan dhiheessu dhaabbatni Global Peace Indes (GPI) jedhamu biyyoota addunyaa 163 irratti qorannoo geggeessuun dhiheenya kana akka ifa godhetti, Itoophiyaa tarree gadaanaa irra kaaโ€™uudhaan biyyattiin nagaa kan hin qabne, lolli kan keessatti hammaatee fi goolama siyaasaa keessatti kuftee jiraachuu ishee mulโ€™ise.

Biyyi gaafa hundeeffamtee kaastee hanga harโ€™aatti nagaa hin argatinii fi guddinni irraa fagaate kun, jaarraa 21ffaa kana keessa illee mirga sabootaa beekuu diduun, sirna hacuuccaa fi cunqursaa diriirfameen dhiittaa mirgootaa ulfaataan dhala namaa hiraarsaa, duguuggaa sanyii geggeessaa, yakkoota hedduu raawwataa bara jireenya ishee lakkaaโ€™ataa jirti.

Humna afaan qawween ummatoota cabsitee sirna gabrummaa ishee jala galfatuun Abisiiniyaa irraa gara Itoophiyaatti kan of moggaafte Itoophiyaan, bara mootii H/Sillaasee, bara Dargii, achi irraas bara mootummaa wayyaanee/EPRDF fi hanga bara bittaa mootummaa Badhaadhinaa (PP) harโ€™aa kanaatti sirnuma cunqursaa, saaminsaa fi hacuuccaa hordofamuun biyyattiin biyya dhalli namaa keessatti hiraaree fi dhumate, biyya ummatootni keessatti mirga dhablee taโ€™anii fi gaaffiin isaanii deebii itti waakkatame; biyya mana hidhaa sabootaa taatee akka jiraattuu fi itti fuftu godhamee jira.

Bittoota Itoophiyaa arfan walduraa duubaan dhufaniin gaaffiin polotikaa ummatootni akka Oromoo faa qaban deebiโ€™uu waakkatamuun, ijaarsi sirna dimokraasii fi deemsi polotikaa hunda hammatee fi rakkoolee biyyattiif haqaan fala soqu gadhaabatuu fi diriiruu hanqatuun Itoophiyaan lolaan akka jiraattu, jeequmsa siyaasaan akka raafamtuu fi eegee addunyaa akka taatu godhe. Kana irraa lammiileen miliyoonotaan lubbuu dhabanii, nagaa fi qabbanaan biyya ofii irra jiraachuus hanqatanii akka godaananii fi baqatan taasiseera. Seenaa gaddisiisaan, godaannisni fokkisaan kun hanga bara mootummaa PP ammaatti illee mallattoo Itoophiyaan ittiin beekamtu taโ€™anii jiran.

Haala nageenya biyyootaa irratti dhaabbatni Global Peace Index gabaasa waggaa bara 2025 kana ifa godheen biyyoota Afrikaa 44 keessaa Itoophiyaan 36ffaa irratti kan argamtu tahuu hubachiisuun, biyyattii keessatti rakkinootni jiran hangam walxaxaa fi hidda gadi jabeeffate taโ€™uu kan mulโ€™isee dha.

Tarree sadarkaa nageenya biyyoota addunyaa agarsiisu kan qopheessu dhaabbatni Institute for Economics and Peace (IEP) jedhamu, tarreeffama nageenya biyyoolessaa, nageenya biyyoota addunyaa ilaaluudhaaf wanneen mulโ€™isan agarsiiftuulee 23 gargaaramuun haala nageenyaa fi tasgabbii biyyootaa kan galmeessu yoo taโ€™u, ulaagaadhuma kanaan nagaa fi sabatiinsa dhabuun sadarkaa Itoophiyaan irra jirtu qabatamaan kaaโ€™eera.

Sabatiinsa siyaasaa dhibeen hammacamuu, lola babalโ€™ateen nagaan dhibee dhumaatiin heddummaatuu, guddinni dhibamuun qaalaโ€™iinsa jireenyaa ulfaataa uumameen hawaasni jiraachuu dadhabuu irraa Itoophiyaan mootummaa Badhaadhinaan bulaa jirtu kan yeroo kamii caalaatti muddamsuu hamaa keessatti kuftee argamti.

Haalaa fi sadarkaa nageenya biyyootaa kan gabaasu dhaabbatni kun, ulaagaalee lafa kaaโ€™ee fi kana irras dhaabbatee sadarkaa biyyootaa kan ibsu yoo taโ€™u, nageenyi hawaasummaa, walitti buโ€™iinsi biyya keessaa fi alaa akkasumas ijaarsi loltummaa geggeeffamu ulaagaalee isaan ijoo taโ€™uu ibsa isaan hubachiisa.

Qabxiileen kunniin dhibdeelee jajjaboo Itoophiyaa keessaa mulโ€™atanii fi Itoophiyaa irras darbee naannoottis kan mulโ€™atan dhibdeelee jajjaboo taโ€™uun falamsiisaa miti.

Jeequmsi siyaasaa fi guutuu biyyattii keessatti lolootni geggeeffaman jireenya hawaasummaa jeeqee mancaatii dinagdee hordofsiisuun gaagaโ€™ama ummatatti dhalcheera. Harโ€™a booraโ€™iinsa siyaasaa fi babalโ€™atuu waraanaan jeequmsi hawaasummaa mulโ€™ateera. Itoophiyaan keessa isheetti nagaa hin qabne sababoota adda addaan olloota ishee waliinis nagaa amansiisaa fi waarawaa hin qabdu.

Mootummaan PP akkuma mootummootaa fi sirnoota darbanii gaaffii polotikaa ummata Oromoo fi kan saboota kaanii humna afaan qawween furuuf, ummata sodaachisee afaan qabatee akka taaโ€™u taasisuuf, aangoo seeraan ala qabate humna waraanaan tikfataa jiraachuuf waraana ijaarratuutti fuulleffatee jira. Ijoollee umriin loltummaaf hin gaโ€™in dabalatee dargaggootaa hanga qonnaan bultootaa ariโ€™ee qabuun loltummaaf leenjifataa jira. Raayyaa Ittisa Biyyaa, Milishaa, Farra Riphee Lolaa, Gaachana Sirnaa fi kkf maqaa itti tarrisuun humna waraanaa ijaarrataa jira. Caalaatti biyyattii dirree lolaa godhaa, ummatoota mirga sarbee itti roorrisaa, dhiittaa mirgootaa hamaa dhaqqabsiisaa jira. Deemsii fi tarkaanfiin mootummaa Badhaadhinaa kun biyyi lolaan ijaaramtee fi lolaan as geesse kun, ammas gaaffii jiruuf furmaata siyaasaa kennuu dhiiftee cunqursaa fi ukkaamsaan, lolaan akka jiraattu taasisee jira.

Haalli Itoophiyaa keessaa ulfaataa akka taโ€™e, dhiittaan mirga dhala namaa sadarkaa hamaatti cabaa akka jiru, biyyattiin waraanaan qabamtee muddamuu caalaayyuu lolli kun lubbuu ummataa gaagaโ€™aa akka jiruu fi nagaa fi sabatiinsi biyyattii irraa fagaatuu ibsa dhaabbileen mirga dhala namaa idil addunyaa fi kan naannoo yeroo yeroon baasan irraa hubatuun ni dandaโ€™ama. Ibsoota Human Rights Watch fi Amnesty International faa baasan irraa waa hedduutu hubatama.

Addatti Waajjirri Ministeera Ala Amerikaa gabaasa dhiittaa mirga dhala namaa biyyootaa kan bara 2024 dhiheenya baase keessatti Itoophiyaa ilaalchisee gabaasa balโ€™aa dhiittaa mirga dhala namaa mootummaan Itoophiyaa paartii PPn hoogganamu raawwatu baasuun haalli biyyattii keessa jiru yaaddessaa fi furmaata kan barbaadu taโ€™uu hubachiise. Addatti Oromiyaa keessatti ajjechaan, hidhaan, ukkaamsanii balโ€™eessuu fi waliigalatti sarbamiinsi mirgootaa hamaan waraana mootummichaa fi caasaalee mootummaan raawwataman balโ€™aa fi yaaddessoo taโ€™uu agarsiiseera.

Mootummaan Amerikaa fi dhaabbattootni garagaraa loloota deemaa jiran dabalatee dhibdeeleen siyaasaa jiran karaa nagaa fi mariin gudunfaa akka argatan yaada dhiheessaa kan turanii fi jiran taโ€™u illee, mootummaan Badhaadhinaa akkuma abboota isaa darbanii dhugaatti rakkoo jiru furuuf fedha dhabuu irraa tattaaffiin godhaman milkoomina hin argamsiisne. Kun ammoo lollii fi jeequmsi siyaasaa akka babalโ€™atee itti fufu godhee, nagaa fi sabatiinsa biyyattii irraa balโ€™eessuun, ummatootas rakkoo rakkoo caalu keessa galchee jira.

Akka gabaasa dhaabbata Global Peace Indesitti, haala lolaa Tigraayi keessatti uumame dabalatee tasgabbii dhabuun naannolee Oromiyaa fi Amaara keessatti uumaman buqqaatii jimlaaf, rakkinoota namoomaaf, akkasumas rakkoon nageenyaa balโ€™aan akka jiraatu taasisuu ibsee, kun ammoo nageenyaa fi tasgabbii biyyattii haalaan hubuu hubachiise.

Walitti buโ€™iinsa ykn loloota hidhannoon geggeeffamaniin alatti, tasgabbii dhabuun siyaasa Itoophiyaa sadarkaan nageenya ishee gadaanaa akka taโ€™uuf wantoota taasisan keessaa isa tokko taโ€™uu ifa gochuudhaan, dhibdeelee jiran furuudhaaf marii fi carraaqqileen taasifamanis gad-aanaa taโ€™uu mirkaneesse.

Dhaabbatni Global Peace Index, mootummaan Itoophiyaa garaagarummaa keessoo toโ€™achuu, walitti buโ€™iinsa naannolee furuu fi tasgabbii waaraa mirkaneessuu dadhabuu isaatiin biyyattiin yaaddoo walitti buโ€™iinsaa hamaatiif akka saaxilamtu ishee taasisaa jira jechuun haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiruu fi maalummaa mootummaa PP ifoomsee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, Impaayerri Itoophiyaa madda rakkoo nageenyaa fi tasgabbii godinichaa tahaa harโ€™a gahuu, keessoo isheettis nagaa waaraa amansiisaa argattee akka hin beekin Adoolessa 08, 2025 xumura walgahii Gumii Sabaa irratti ibsa baaseen ifa gochuun isaa kan yaadatamuu dha.

Kanaaf sababni ammoo ilaalcha farra dimokraasii mootummootni dhufaa-darbaa Itoophiyaa bulchan ittiin masakamaa yoona gahan taโ€™uu kan hubachiise ABOn, kunis mirga waloo kan hiree ofii ofiin murteeffatuu ummatootaa kabajuu irra afaan qawweetiin ukkaamsuutti amanuu irraa akka taโ€™e ifoomse.

Adeemsa faallaa dimokraasii fi faallaa mirgoota labsii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tahe kana irraa dhaabbatamee rakkoon siyaasaa biyyattii karaa nagaa fi adeemsa heeraatiin akka furmaata waaraa argatuuf, nagaa fi sabatiinsi hawwamu godinichatti akka dhugoomuuf mootummootaa fi qaamota adda addaaf yaamicha dhiheessuun kan yaadatamuu dha. ABOn kaleessas dhibdee siyaasaa Itoophiyaaf furmaata akeekaa ture; harโ€™as yaada furmaataa harkaa qaba.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO