Abdii Cooligaa Dargaggoota Oromoo Du’aaf Kaadhimu

Abdii Cooligaa Dargaggoota Oromoo Du’aaf Kaadhimu

Bulchiinsi biyyattii, gaggeessaan gaaraa hanga godaa barnootaan kan aangome muraasa ta’uu irraa, humni barate kun aangoo kana na harkaa fudhata sodaa jedhuun dargaggoota adamsu.

Abdii Cooligaa Dargaggoota Oromoo Du’aaf Kaadhimu

Nyaataa fi dhugaatii uumamni kamuu ni barbaada. Lubbuun turuuf waan isa dandeessisu hanga humnaa fi hiree Waaqni isaa laatee socho’uun dirqama uumamaa ti. Of sooruu fi of oolchuun fedhii uumama maraa ti. Akkuma kana ilmi namaas soorataa fi dhugaatiif bakka jireenyaa gaarii ta’e barbaada.

Namuu biyya abbaa isaa irra jireenya bareedaa fi hawwataa jiraachuuf ni hawwa. Sanaa as ammoo hundaa olitti dhalli namaa kamuu lubbuun jiraachuun isaa akka mirkanaa’uuf fedhaa fi hawwii olaanaa qaba. Kana dhugoomfachuufis hojjeta. Abdii lubbuun jiraachuu isaa erga argatee, jiruu bareedaa dhamdhamuu, haala gaarii ta’e keessa turuuf ilmi namaa kamuu fedhii qaba. Kun fedha ilma namaa qofa utuu hin taane, uumamni hundi kan barbaaduu dha.

Ilmi namaa kamuu of jiraachisuuf ni carraaqqata. Biyyi isaa jaal’atuu fi biyyoo isaa leellisu gadhiisee deemuu kan barbaadus hin jiru. Inumaa Oromiyaa dachee magariituu, biyya jannata akkanaa keessaa baqachuun fedhii ilmaan ishee ti jechuun namatti ulfaata. Biyya isaa kana irra jiraachuuf garuu namuu nagaa barbaada; mirgi lubbuun jiraachuu isaa akka kabajamu fedha. Hojjetee bu’aa dadhabbii isaatii of sooruun fedha ilma namaa ti. Namni kamuu qaama biraa irraa soorata argachuuf fedha hin qabu. Hanga dandeettii isaatii hojjetee of jireessuutu isa gammachiisa.

Kun hafee hojiin isaa dafqa qofa, kan inni hojjete karaa adda addaa saamama yoo ta’e falli inni qabu jiraa?  Ilmaan Oromoo kanatu mudate. Bahanii galuu dadhaban; hojjetatanii jiraachuuf mirga dhaban. Qabeenya isaaniitti fayyadamuuf abbummaa mulqaman. Yeroo abdii waa hundaa kutan, abdii coolageen jiraachuu hifatanii baqaaf of saaxiluuf dirqamu.

Jireenya baqaa keessa du’a, beela, gidiraa, hidhaa biyya hambaa fi dadhabbiin hammaataan jiraachuu utuu beekanii jireenya kana irra san wayya jechuun xurree/qa’aa qal’oo imala baqaa keessaa abdii taasifachuun godaanuuf murteessu.

Ilmaan Oromoo godaansaaf of kennan kunniin humna dargaggoo, kan caccabsee hojjetu, kan hiyyummaa qolachuu danda’u turan. Ilmaan biyyoo abbaa isaanii qotatanii biyyattii misoomsuuf, rakkisaa isaanii awwaaluuf irree fi aangoo qabu turan. Hojjechuuf wantootni danqaa garagaraa qaama mootummaa irraa oggaa itti bobba’uun abdii isaan kutachiisan, biyya jaal’atan dirqamaan dhabu. Biyya dhabuu qofa osoo hin taane, lubbuu isaanii dhabuuttis jiran.

Waa’een baqaa fi godaannisi godaansa keessaa ammallee kan alagaan nuu hin beekne, kan ummatni biyya dimokiraasii keessa jiru nuu hin hubanne ta’ee itti fufeera. Wantootni baqaaf ilmaan Oromoo kaadhiman yoo xiqqaate ijoon har’a wantoota kudhanii ol tarressuutu danda’ama. Kunneen irra caalaan kan bulchiinsi ammaa dhiibbaan itti fidee dha.

Biyya Itoophiyaa keessatti dargaggoon abdii hin qabu. Egeree ifaa fi mul’ata argaa tolu hin qabu. Hawwii hojjetanii milkaa’uu qabaachuun hafee, abdiin lubbuun jiraachuu isaanii baay’ee xiqqaa fi murta’aa ta’eera.  

Har’a abdii lubbuun jiraachuu oggaa dhabanitti, wayta dargaggeessi irree jirma fakkaatu baatu abdii egeree dhabee molgaa dhabu maatiin guutummaan abdii kutachuuf dirqamaniiru. Waa’ee jiraanyaa yaaduun seenaa ta’uuf deema. Oromiyaa keessatti har’a qotachuun, aramachuun, daldalachuun hin danda’amu. Kunuu hafee waanuma dargaggeessa ta’aniif qofa yakkamaa jedhamaniiru. Inumaa dargaggoota baratanii fi qajeellootti waa hubatan taanaan ammoo yakkamtoota hamoo jedhamu.

Bulchiinsi biyyattii, gaggeessaan gaaraa hanga godaa barnootaan kan aangome muraasa ta’uu irraa, humni barate kun aangoo kana na harkaa fudhata sodaa jedhuun dargaggoota adamsu. Biyyattii keessatti waan ilmi namaa kamuu itti hin dammaqin, rakkoo olaanaan bor dhufuuf jiru Oromiyaan nama egeree dhabaa jiraachuu ishee ti.

Dargaggootni humna biyyaa ta’an akka diinaatti fudhatamuun, humni barate kan biyyattii jijjiiruuf haamilee fi giidoo/dandeettii qaban mirga qe’ee dhaloota isaanii irra jiraachuu dhorkatamuun, abdiin egeree bareedaa biyyattiin qabaachuu malte  tuujjuba buuseera.

Har’a abdiin hin jiru. Akka dargaggeessaattis, akka jaarsaa fi jaartiitti abdiin jireenyaa badeera. Namuu abdii nan jiraadhaa of keessaa dhabee jireenya har’aa qofa akka jiraatu taasifameera. Inni hiree fi xiqqoo qabeenya qabu ammoo keessaa baqachuuf dirqamaa jira. Rakkoo fi gidiraan furmaata dhabe kun hanga yoomiitti itti fufa? Gidiraan kun yoom haa dhaabbatu? Furmaatni isaa hoo yoom haa dhufu? Qaamni furmaataaf dirmatu eenyu  haa ta’u?

Rakkoo daldalaan wal qabatu,

Waggoota bulchiinsa Wayyaanee keessa mirgi sochii fi mirgi hojii daangaa ta’us hanga tokko ni jira ture. Inumaayyuu qaama hojjetatu, kan qotatuu fi kan daldalatu qaamni saamu hin turre; jiraatus kan ammaan kan walmadaalu miti. Bara kana garuu bulchiisni mootummaa PP qiyaamaa argamee fi dhaga’amee hin beekne ummatatti fide. Tooftaan saamichaa hanguma qaala’insi ol ba’aa deemu ummatatti dabalaa bula. Gibira, qaraxa, gatii kottee, nyaata milishaa, uffata milishaa, buusaa gonofaa, Hidha Abbayyaa, Baankii Siinqee fi kanneen kana fafakkaatan hedduun gosoota saamichaa hojii irra oolaa jiranii dha. Harka qalleessi dukkaana xiqqoo tokko har’a yoo bane, bor barii koreen gibiraa dura mana isaatti duudan. Gibirri suuqiitti dachaa sadiin tilmaamamu dur itti murtaa’e. Namichi daldala dukkaana xiqqoon of fooyyessuu yaalu gibira waan kaffalu yoo dhabu dirqamee cufee gala. Daandiin ittiin waa carraaqqatee jireenya hammaataa kana mo’achuuf tattaafatu duraa cufama.

Shamarran Yunivarsiitii irraa eebbifamanii dorgomanis carraa hojii yoo dhaban waan qaban maatiin gurguree mana ciree ykn mana bunaa xiqqoo banuuf. Borumtaa isaa warri gibiraa dur irraan yaa’an.

Dargaggootni humna utuu qabanii, haamilee dhabanii, waan nyaannus dhabnee hin duunu jedhanii harkatti baatanii uffatas ta’u saamunaa daandii irratti akka hin gurgurre ni ugguramu; akka horiitti ari’amu. Mana keessattis gibira mataa isaanii ol ta’utu itti dhufa.

Baadiyyaa bakkoota sochiin waraanaa jirutti ammoo inumaa waayeen hojiiyyuu hin yaadamu. Qonnaan bulaan boqqolloos ta’u bisingaa yoo facaase, shaneef qote jedhamuun caragama. Ilma guddifatee akka ilmi qonna isa hin gargaarre, dargaggeessa kan fakkaatu Oromiyaa keessatti adamsamee hidhamuu fi ajjeefamuun akka labsiitti dhoksaan hojii irra erga oolee waggoota lakkoobsiseera.

Kanneen hidhaa fi ajjeechaa irraa oofkalan ammoo dirqamaan waraana akka deeman taasifamu. Waraanattis dhaqanii lubbuu akka dhaban godhamu. Oomishi qonnaa gatii akka hin qabaanne taasisuun, bara kana guutummaa midhaanii gatii gadi ajjeesuun qonnaan bulaan akka rakkatuu fi gadoo ta’u taasifameera.

Barruu kana keessatti waantota tuttuqaman dhugummaa isaa mirkaneeffachuuf qe’ee dhaloota keessanii tokko tokkoon iyyaafachuu dandeessu. Waggoota bulchiinsa PP kana keessa qonnaan bulaan adda duree fi sooressa ture rakkatee, hanga midhaan nyaataa of dadhabuutti adeemaa jira. Icciitiin rakkina qonnaan bulaa duuba jiru rakkoo sirna bulchiinsaa ti.

Qabeenyi olaanaan ummatni qabu lafa. Lafa kana ammoo qotee gibira kaffaluun dirqama. Ta’us gibirri galii qonnaan bulaa giddu-galeessa godhuu qaba ture. Inumaa gibirri mataa miilla hin qabne, qonnaan bulaan dhaqaa gala kaffalu, bahaa gala mootummaaf hiixatu ummata rakkiseera. Ummatni lafatti gibira kaffalaa, dirqamaan biqilaatti akka kaffalu gaafatamaa jira.

Baadiyyaa keessatti bushaa’ee horsiifatee gurguree ittiin jiraachuuf danqaan isa mudata. Bushaa’ee gabaa yoo geesse, gurgurates tahu yo bite kellaa seensifnaan qaraxa dirqama mura. Sanuu qaraxi gaafatamu mataa qonnaan bulaa kan cabsu, gatii humnaa olii ti.

Kun hundi akka ilmi namaa hojiin ala ta’u, gidiraan hammeenyaa akka wal furee wal guuree dargaggootas hamilee kutachiisu taasiseera.

Adeemsota kana baqachuuf, utuu biyya abbaa isaanii jaal’atanii, waan barataniin qe’ee isaanii jijjiiruuf fedhaa fi hawwii olaanaa osoo qabanii manaa bahu. Gaafa manaa bahan abdii duroomuu qabaatanii utuu hin taane, lubbuu isaanii baraarfachuu, waraanaan du’uu baqachuu, humnoota mootummaa harkatti ajjeefamuu baqa irbaata qurxummii ta’uuf dirqamu.

Ilmaan biyyaa baratanii sammuu biyya jijjiiruu qaban, gaafa waan barataniin biyya jijjiiruu fi maatii jijjiiruun hafee ofii isaanii fayyaduu dadhaban jireenya abdii kutachiisaa tarii baqaan yoo milkaa’e abdii qal’oo garbicha biyya ormaa ta’uun of sooruu keessa jiru abjootanii qe’ee isaanii gadi dhiisanii ba’u.

Ija imimmaaniin garaan isaanii utuu raafamtuu, onneen isaanii utuu dhikkifattuu baqaaf of dirqamsiisu. Ilmaan Oromoo akka kanaan baqachuuf dirqamaniin caasaan mootummaa karaa dalgaa duroomuu warra hawwetu biyyaa baqata jechuun yoo ibsu ittuu madaa irratti ashaboo naquu dha.

Madaa dargaggoota Oromoo tuttuquun hin barbaachisu. Dargaggootni Oromoo fala oggaa dhaban, hojjetachuun hafee lubbuun jiraachuun isaanii baay’ee carraan isaa wayta dhiphatu baqaaf of laatu.

Jireenya baqaa keessattis rasaasa biyya ormaan waadamuu, feetu afaan qurxummii bu’uu, feetus reeffa isaaniiyyuu galaana Diimaaf kennuun as buutee dhabamuuf dirqamu. Haalli tibbana walitti fufiinsaan baqattootni Oromoo keessumsiisaa jiran kana irraa madda.

Rakkina fuulota hundaa, gidiraa fi dhiphina, hidhamuu, ajjeefamuu darbees baqaa fi buqqaatii akkasumas waraana babal’isuun jireenya lammiileetti busheessee kan jiru imaammata dogoggoraa sirni mootummaa Badhaadhinaa hordofuu dha. Rakkinoota kana keessaa bahuuf, mirga isaa waliigalaaf ammallee ummatni jabaatee qabsaa’uun dirqama.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO