Itoophiyaa keessatti maatiin daa’imman isaaniif nyaata beeyladaa kennaa jiru, akkasumas daa’imman nyaata akka hin gaafanne sa’atii dheeraa akka rafan taasisaa jiru jedha gabaasni Ameerikaa.

Itoophiyaa keessatti maatiin daa’imman isaaniif nyaata beeyladaa kennaa jiru, akkasumas daa’imman nyaata akka hin gaafanne sa’atii dheeraa akka rafan taasisaa jiru jedha gabaasni Ameerikaa.

Gabaasa waggaa kan bara 2024 Mootummaa Amerikaa

Itoophiyaa keessatti maatiin daa’imman isaaniif nyaata beeyladaa kennaa jiru, akkasumas daa’imman nyaata akka hin gaafanne sa’atii dheeraa akka rafan taasisaa jiru jedha gabaasni Ameerikaa.

Biyya waa’ee badhaadhummaa lallabaa ooltu Itoophiyaa keessatti beelli hangam ulfaataa akka jiru, dararaan waraanaan gahu ulfaataa fi yaaddeessaa ta’uu gabaasa bal’aa Ministeerri Dhimma alaa Ameerikaa baase hubachiise.

Qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisuun wagga waggaan gabaasa bal’aa kan kennitu Ameerikaan, Oromiyaa keessatti dararaan guddaan waraana mootummaa paartii Badhaadhinaan qaqqabuu ibsitee jirti. Ajjeechaawwan hedduun qaama caasaa nageenyaa jedhamanii mootummaan gurma’aniin kan raawwataman ta’uus gabaasa kana keessatti cimsamee ka’ameera.

Gabaasni kun karaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kan bahe yoo ta’u, gabaasa qabiinsa namoomaa bara 2024 kan ilaallatuu dha. Bara jedhame kana keessa dararaan humnoota waraanaa mootummaa caasaa waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Milishaa, Foolisii fi addatti Koree Nageenyaa kanneen jedhamaniin gahuu isaaf ragaa bal’aan jiraachuu hubachiise. Gabaasni kun madda wabii taasifachuun gabaasa dhaabbilee mirgoota namoomaa akka Amneestii Intarnaashinaal, Human Rights Watch, Koomishinii Mirgoota Namoomaa Gamtaa Mootummootaa, Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Rooyitarsii dabalatee miidiyaalee walabaa maqaa eereera.

Akka gabaasni Ameerikaa kun jedhutti sarbamiinsi mirga namoomaa waraana mootummaan qofa osoo hin taane, humnoota Amaaraa Faannoo jedhamaniin illee Oromiyaa keessatti dhaqqabeera.

Ameerikaan qorannaa dhaabbilee walabaa kanneen irraa walitti guurradhe jechuun gabaasa bal’aa baafte kanaan; Itoophiyaa kessatti yakkootni ajjeechaa seeraan alaa, hiraarsaa, hidhaa jumlaa, ugguraan nama hidhanii dhoksuu, dhiibbaan mirgoota yaada ofii ibsachuu fi gurmaa’uu irra jiru akka itti fufetti jiraachuu fi kunis egeree mirga dimokiraasii biyyattiif sodaachisaa ta’uu akeekte.

Akka Ameerikaan jettutti waraana mootummaa fi humnoota Faannoo jedhamaniin Oromiyaa keessatti dararaan akkaan guddaa jedhamu gahaa jira. Ajjeechaan namoota nagaa, maanguddoota humna hin qabne, dubartii fi ijoollee dabalatee hawwaasa meesha maleeyyii irra dhaqqabuu gabaasa kanatu hubachiise. Ajjeechaan alattis qe’ee irraa ummata buqqaasuun akka malee hammaateera jedha.

Rakkoo waraanaan dhaqqabaa jiruuf balaa loltootaan ajjeefamuu, qe’ee irraa buqqaa’uu ummataaf sababaan rakkoo waraanni biyyattii nagaan furmaata argachuu dhabuu akka ta’es gabaasicha keessatti xuqameera.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa isaa keessatti humnoonni waraana mootummaa ajjeechaa jumlaa kana Dirooniin illee akka raawwatan ibseera. Haleellaa Diroonii mootummaan fayyadamuun hawaasni nagaan jumlaan ajjeefamuu isaa akeeka.

Ajjeechaawwan eeraman keessatti kan magaalaa Maraawiitti mudate xuqameera. Ajjeechaa kana US gabaasa Amneestii Internaashinaal waabeffachuun “Loltoonni Itoophiyaa jiraattota manaa fi dukkaana isaanii keessa turan marsanii karaatti baasanii namoota shantama ajjeesanii akka turan” mirkaneessee jira. Ragaa gabaasa kanaas namoota bakka sana turanii fi suuraa Saatelaayitii irraa mirkanaa’uu ibseera.  

Gabaasi kun, Amajjii 2023 haga Amajjii 2024tti xinnaatu akka Itoophiyaatti namootni 1351 ajjeefamuu ibse. Bara 2023 haleellaa diroonii mootummaan raawwateenis jiraattonni 248 ajjeefamuu, manneen barnootaa, hospitaalotnii fi bu’uraaleen misoomaa manca’uu isaaniis gabaasa kana keessatti eerameera.

Oromiyaa bakka rakkoon nageenyaa jira jedhamutti waraanni mootummaa tarkaanfii gara jabinaan guutame fudhatu kan jedhu gabaasni Ameerikaa irraa bahe kun; ajjeechaalee rifaasisoo dha jedhaman kanaaf caasaa Koree Nageenyaa jedhaman gabaasa kana keessatti himateera.

Yakka ajjeechaa caasaan Koree Nageenyaa Oromiyaa keessatti raawwatuuf gabaasni Ameerikaa kun kanaan dura oduu Rooyitarsiin qindaa’e akka ragaatti itti gargaaramee jira.

Koree Nageenyaa kan jedhaman kun ummata hiraarsuu, gidirsuu, hidhuu fi yakka naasisaa raawwachuun kan beekaman ta’uu caqase. Garajabummaan kan beekaman ta’uu ibse.

Caasaan Koree Nageenyaa jedhaman kunneen Oromiyaa keessatti miseensa hawaasaa gosa xiqqaa ta’an, hoogganoota paartii siyaasaa, hordoftoota amantii dhiibbaa uumu jedhaman irratti fuulleffachuun ajjeechaa raawwatu jedha. Adamoo Koree Nageenyaa keessa kan seenu qaama dhiibbaa uumuu fi hawaasa dammaksuu danda’u jedhaman akka ta’an gabaasichi ni ibsa.

Ajjeechaan Jaal Battee Urgeessaas sababaa kanaan ta’uu kan eeru yoo ta’u, dhimma ajjeechaa isaaf gabaasni Ameerikaa kun Koree Nageenyaa kanneen jedhaman kana gaafatamaa taasiseera. Erga ajjeesanii boodas waa’een ajjeechaa Jaal Battee qorannaa gahaa akka hin arganne humna mootummaa Itoophiyaan danqamuu isaa gabaasichatu ibse.

Kana malees ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu gabaasicha keessatti kan xuqame yoo ta’u, Abbootiin Gadaa kunneen kanneen ummata ijaaran ta’uu isaaniif caasaa kanaan jumlaan ajjeefamuu ibse.

Yakki sarbamiinsa mirga naamoomaa Itoophiyaa keessaa Oromiyaa qofa osoo hin taane Tigraayi, Amaaraa fi Affaar keessattis hidda gadi fageeffachuu isaa gabaasichi ni saaxila.

Akka Gabaasa Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis kanatti, miseensotni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Loltoonni Eertiraa fi Amaaraa yakka sarbamiinsa mirga namoomaa hamaa raawwachuu kan keessatti eerame murtee Ministeera Dhimmi Alaa Yuunaayitid Isteetis  kan bara 2023 eeruun, lola gama lamaanii Tigraayi, Amaaraa fi Affaar keessatti mudateen, gareen lameenuu yakkoota sarbamiinsa mirga namaa raawwataniiru jechuun hubachiiseera.

Naannoolee rakkoon sarbamiinsa mirga namoomaa keessatti adeemaa jiru kanatti gargaarsi namoomaa danqaa malee dhaqqabuu hin dandeenye jedha. Ta’e jedhamee gargaarsi namoomaa hawaasa rakkate bira akka hin geenye taasifameera kan jedhu gabaasichi, haalli Itoophiyaa hangam yaaddessaa ta’uu ibse.

Biyyattii keessatti beelli akka meeshaa waraanaatti dhimmi itti bahamuu kan hubachiisu gabaasni Ameerikaa kun, lammiileen biyyattii waan nyaataa dhabuun hanga nyaata beeyladaa daa’imman nyaachisanitti gahuu isaanii hima. Kana malees daa’imman nyaata gaafatanii akka hin rakkifneef yeroo dheeraa akka rafan dirqisiisaa jiru jedha. Akka gabaasichi Biiroo Fayyaa Tigraayi waabeeffatee ibsetti, maatiiwwan dhibbeentaa 60 (60%) ol ta’an, lola bara 2020 haga 2022 ture dura beelaaf saaxilamuu hime.

Ilma namaa gidirsuu, as buutee dhabamsiisuu fi dararaa jallinaan guute geessisuu keessatti qaamoleen mootummaa jalatti gurmaa’an adda durummaan gabaasa kana keessatti eeramaniiru. Caasaalee nageenyaa jedhamuun kanneen mootummaan ijaaraman yakka jiraattota hiraarsuu, fakkeenyaaf feestaaliin ukkaamsanii hiraarsuu, shiboon reebuu, fi nyaata fi bishaan dhowwachuu raawwataa akka turanis gabaasichi eereera. Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gudeeddii fi ajjeechaa seer-malee dabalatee yakkootni kun naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamaa akka turan gabaaseera.

Yakki hammaataan Oromiyaa keessatti ummata nagaa irra gahaa jira kan jedhu gabaasni bal’aan kun; naannicha keessaa ilmi namaa butamee eessa akka jiru kan hin beekamne baay’ee ta’uu ibsa.

Dararaa hanga kanaaf namootni saaxilamoo ta’an kanneen ija mootummaa keessa bu’an Gaggeessitoota, Gaazexeessitoota, Rogeeyyii Miidiyaa, Hoogganootaa fi namoota Qaroo Oromoon qaba jedhamu ta’uu hima.

Oromiyaan waggoota 7 oliif waraanaan bulaa jiraachuun hubatamaa dha. Waggoota hanga kana labsii tokkoon alatti labsii yeroo muddamaa (komaand post) dhokataa ta’een gaggeeffamaa akka jirtu namuu ni beeka. Gabaasicha keessatti kan eerameen labsiin yeroo muddamaa Hagayya 2023 labsame ka’us namootni yeroo labsii kana to’annoo jala oolfaman garuu hanga ammaa manneetii hidhaa jiru jedhe. Namootni kunis yeroo hedduu bakkoota ifa hin taane kan akka manneen barnootaa, mankuusaa fi kaan keessa beekamtii mana murtii male hidhamu jechuun gabaasicha keessatti eerame.

Manni murtii namootni kunneen akka hiikamaniif ajajus poolisiin yakkoota biraan isaan himachuun manneetii hidhaa birootti isaan dabarsaa ture jedhee, akka fakkeenyaatti, Hoogganootni ABO torba waggoota afuriif akkasiin hidhamaa turanii Fulbaana 2024 lakkifamuu eere.

Gabaasichi tarkaanfii hamaan walabummaa Pireesii irratti fudhatamaa akka jirus ibsuun; sochiin miidiyaa rakkoo keessa jiraachuu irraa kan ka’e gaazexeessitootni sodaachifamaa jiraachuu, hidhamuu ykn biyyaa baqataa jiraachuu akeeke. Kanaafis gabaasa gartuun falmituu mirga gaazexeessitootaa (CPJ) erga 2020 as Itoophiyaatti gaazexeessitootni 54 biyyaa baqachuu ifoomse akka ragaatti eere jira.

Dhimmoota kanaan wal qabatee kan eerame biraan waa’ee Gaazexeessaa lammii Faransaay Antoonii Gaaliindoo bara 2023 Gurraandhala keessa qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa haasofsiisuu isaaf to’annoo jala ooluu ibseera. Biyyattii keessatti mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu ugguramee jira jedha. Sababa kanaan ta’uun isaa kan hin oolleen qondaalli ABO Jaal Battee Urgeessaa ajjeefamee hanga ammaa qorannaan waa’ee isaa ilaalchisu laatamuu dhabuu cimsee qeeqeera.

Dhimmi hojjettootaas gabaasa kana keessatti kan eerame yoo ta’u, lammiileen biyyattii gatii dafqa isaanii sirnaan hin argatan jedha. Akka gabaasichaatti “Heerri biyyattii hojjettootni mirga isaanii kabachiisuuf mirga gurmaa’uu akka qaban ibsus, kun garuu ammaa murtaa’aa ta’uu, kaffaltiinis gadi bu’aa ta’uu fi kunuunsi hojjettootaaf kennamus xiqqaa dha jedhee jira. Inumaa hojjettootni Indaastirii keessaa hojjetan kaffaltii baay’ee gadi bu’aa ta’een haala lubbuu isaanii balaaf saaxilu keessa ta’anii hojjetu jedha. Mirga isaanii gaafachuuf uggura yaadaa jala jiru jechuun cimsee ibseera.

Baqattootni biyyoota biroo biyyattii keessa jiran walitti bu’iinsa hawaasa naannoo fi baqattoota gidduutti uumamuun balaa jala akka jiranis gabaasichi eeree jira. Haala kanaaf naannoo Gambeellaa akka fakkeenyaatti kaaseera.

Yakka sarbamiinsa namoomaa Itoophiyaa keessatti humnoota waraanaa mootummaan raawwatamuuf gaafatamni dhibuun haala kana ittuu hammeesse jedha. Mootummaan qaamota sarbama mirga namoomaa raawwatan seeraaf dhiheessuu dhabuun isaa ammoo yakkichaaf akka haguuggii kenneetti gabaasa qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa kan bara 2024 karaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaan bahe kanaan caqafamee jira.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO