Roorroo fi Cunqursaan gaafa itti hammaate, Ummatni Furmaataaf Cabsee karaatti ba’a.

Roorroo fi Cunqursaan gaafa itti hammaate, Ummatni Furmaataaf Cabsee karaatti ba’a.

Roorroon gaafata hammaate ummatni furmaata barbaachaaf karaatti ba’uuf dirqama

Roorroo fi Cunqursaan gaafa itti hammaate, Ummatni Furmaataaf Cabsee karaatti ba’a.

Ummatni roorroo fi cunqursaa baatee barabaraan jiraatu hin jiru. Roorroon hammaatuun, saamichii fi gidiraan babal’atuun ummata diddaaf karaatti baasa malee, umrii isaa guutuu sirna cunqursaa fi saaminsaa, mootummaa hattuu fi dhiitee isa bulchu jala isa hin jiraachisu. Ummatni nagaa dhabe, hojjetatee jiraachuu hanqate, mirga dhablee ta’ee gadoon jiraatu, kabajaa namummaa mulqamee salphifamu, mirga lubbuun jiraachuu waakkatamee akka bineensaatti bakkuma halletti ajjeefamuu fi hiraarfamu mootummaa kanaan isa gahe jala akka salphatetti hin jiraatu.

Sirna cunqursaa, mootummaa saamtuu fi malaanmaltummaan guutame, ummata nan bulcha jedhuuf dantaa hin qabne, siyaasa isaa tarkaanfachiisuuf shira xaxuu fi nagada siyaasaa geggeessuuf ummatni mataa gadi qabee aangoo irratti isa tiksu hin jiru. Saamicha bal’aa maqaa adda addaatiin mootummaa ummata waan afaanitti deebifatu hin qabne irratti adeemsisu, ummatni harka maratee hanga dhumaatti taa’ee ilaalaan abjuu dha.

Gaafa namaa gamte sossohuun, dallaa cunqursaa fi shiraa cabsanii ba’uun waan hin oolle. Ragaan seenaa ummatoota addunyaa kanaa biyyootaa fi baroota garagaraa keessatti mul’ataa turee fi haga dhihoottuu mul’ataa jiru kanuma namaa mirkaneessa. Roorroo fi cunqursaan, ukkaamsaa fi gadi qabaan, saamichii fi hammeenyi malaanmaltummaan guutame, guddinaa fi jireenya wayya’aa hanqifamuu irraa ummatootni sagalee isaanii humna afaan qawwee caalu abbootii irree fi saamtota irratti kaasanii salphisuun aangoo irraa darbataniiru. Kun kaleessas ta’eera; har’as ta’aa jira. Ummatni Oromoo qaama warraaqsa ummatoota addunyaa kana keessatti mootummoota abbaa irree fi cunqursitoota irratti geggeessanii milkaa’anii ta’ee, seenaa hojjechuudhaan mootummaa wayyaanee/TPLF/EPRDF salphinaan geggeesseera. Warraaqsi sun milkaa’ee Oromoon waan wareegama olaanaa itti kafale harkaan hin ga’atin malee fakkii warraaqsaa olaanaa ture. Warraaqsi sun butamuun har’a Oromoo gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuun hin haalamu.

Ummatni gaafa ka’e galaana. Humna galaanaa kana dura dhaabbatee kan ittisuu danda’u ammoo tokkollee hin jiru. Galaanni kun roorrisaa fi cunqursaa, saamtuu fi hattuu kan ummataaf hin taane hunda haxaa’ee darba. Humni humna ummata galaana ta’ee ka’ee dura dhaabbatuu danda’u hin jiru. Rasaasni dhukaafamu, ajjechaa fi hidhaan geggeeffamu, ukkaamsaan babal’ifamuu fi sodaachisni adda addaa geggeeffamu ummata roorroo fi cunqursaa, hammeenyaa fi shira mootummaa abbaa irree fi waliin dhooftuu dadhabee ka’e gonkumaa dhaabuu hin danda’u. Waraanni bobbaafamu, baay’inni poolisii, caasaalee nageenyaa fi humna tikaa, lafoo fi qilleensa irraan bobbaafamu ummata mirga isaa kabajsiifachuuf, mootummaa isaaf hin taane of irraa kaasuuf akka galaanaatti karaatti yaa’e dhaabuu hin danda’u. Biyya Neeppaal keessatti as dhihoo kan ta’e seenaa warraaqsa ummatootaa mootummaa jibbamaa irratti ka’anii darban keessaa isa jabaa fi humna qabeessa. Diddaan ummataa kun salphina salphinaa olii angawoota mootummaa roorroo fi gidiraa ummataatti qoosaa turanitti fidee addunyaa raajeffachiise.

Ummatni Neeppaal, keessaa huu dargaggootni biyyattii sochii warraaqsaa kana keessatti adda durummaan hiriiruudhaan magaalaa guddittii biyyattii keessatti, addatti teessoo mootummaa hunda irra dhangala’uun mootummaa isaan cunqurse, isaan saame, malaanmaltuummaan dhuubamee jiruu fi jireenya isaanitti hadheesse, qaala’iinsa jireenyaa mudate tasgabbeessuu fi jijjiirama argamsiisuu hanqate salphinaan of irraa darban.

Muummichi Ministeeraa biyyattii aangoo yoo gadhiisu, aangawootni kaan galaana ummataa kanaan liqimfamanii bakka jiranitti marfamuun karaa ba’an dhabanii gargaarsa helekoopteraan qilleensa irraan akka mi’aatti fe’amanii lubbuun baafaman. Ministeerri Dinagdee biyyattii humna ummataa kana osoo baqatuu laga bishaaniin guute seenus, dargaggootni Neeppaal dhaqqabanii laga keessatti osoo tumanii salphisanii mul’ate.

Kun hundi aangoo isaanii malee, malaanmaltummaan saamicha geggeessan faana dhahuu malee, sagalee, gidiraa fi rakkoo ummataa dhaggeeffatanii jiruu fi jireenya isaa wayyeessuuf hojjechuu dhabuu isaanii irraa kan itti dhufee dha. Warraaqsicha dhaabuuf ykn humna dhorkuuf mootummaan Neeppaal dursee tarkaanfilee adda addaa kan akka miidiyaalee hawaasaa kutuu, qoqqobbii yeroo kaa’uu, sochii ummataa daangessuuf tarkaanfilee adda addaa fudhatuun ammoo caalaattuu warraaqsichi akka finiinu taasise malee humna hin dhorkine. Warraaqsa kanaan ummatni Neeppaal, addatti dargaggootni mootummicha of irraa diiguun, sirni ykn mootummaa haaraan rakkoo isaaniif furmaata argamsiisu akka gadi dhaabatuuf karaa soquu irratti argamu.

Bara 2022 asitti kan Neeppaal ammaa dabalatee warraaqsotni jajjaboon afur mootummoota aangoo isaanii malee kan ummata bulchaniif dantaa hin qabne irratti geggeeffamuun jijjiirama argamsiisuun galmaa’aniiru. Bara 2022 keessa   kan geggeeffame sochii ummataa biyya Sirilaankaa keessatti geggeeffame, waggaa darbe bara 2024 keessa warraaqsa ummataa Baangilaadeesh keessatti  adeemsisame, baruma kana 2025 keessa biyya Indoneshiyaa keessatti kan geggeeffamee fi isa as dhihoo 2025 ji’a kana keessa warraaqsa ummataa jijjiirama buqqaasaa fide biyya Neeppaal keessatti adeemsisame akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Kun hundi kan agarsiisu ummatni gaafa roorroo dadhabate, cunqursaan itti hammaattee fi gara itti deebi’u wayta dhabu furmaataaf sossohuun isaa kan hin hafne ta’uu isaa ti.  

Har’a impaayera Itoophiyaa sirna mootummaa Badhaadhinaan (PP)n bulaa jirtu keessatti haalotni fakkaatoo fi ulfaatoon ummatoota biyyoota Shirilaankaa, Baangilaadeesh, Indoneeshiyaa, Neeppaalii fi kanneen biroo karaatti baasan dachaa dachaan caalan mul’ataa jiran. Itoophiyaa keessatti ummatoota karaatti kan baasan haalotni isaan dirqan lakkoobsi isaanii baay’ee dha.

Roorroo fi cunqursaa, dhiittaa mirgootaa, saamicha bifa adda addaan geggeeffamu, malaanmaltummaa caasaalee bulchiinsaa mootummaa PP keessatti hidda gadi jabeeffate, qaala’iinsa jireenyaa lammiilee jireenya itti busheesse, hunda caalaa ammoo jeequmsa siyaasaa hammaatee fi kanaan walqabatees guutuu biyyattii keessatti waraanni babal’atuun lolootni geggeeffaman nagaa fi qabbanni akka dhibu gochuun, lubbuu dhala namaa, dinagdee biyyaa nyaataa jira. Nagaa waraanaan akka dhabamu godhee, mootummaan shakkii fi bir’uu keessa of galchuun lammiilee nagaa maqaa adda addaa itti maxxansee jimlaan hidhaatti guuruu, mirga sarbuu fi inumaayyuu ajjechaa raawwatuu babal’ise. Kanaan mirgi dhala namaa haalaan cabeera. Ukkaamsaa bal’aatu jira.

Oromiyaa keessatti yakkootni mootummaan Badhaadhinaa ykn PP ummata Oromoo irratti raawwatu tarrifamee hin dhumu. Waggootni torban darban kun ummata Oromoof baroota hamoo akka sabaatti salphatee fi jumlaan itti ajjeefamee dha. Waggootni kun ummata Oromoof baroota roorroo, gidiraa fi mirga dhablee ta’ee hiraaree dha. Bara manni hidhaa mana jireenyaa isaaf ta’ee dha. Carraan ilma Oromoo PP jalatti salphifamuu, hidhamuu fi ajjeefamuu dha.

Sirna maqaa isaatiin daldalamu kana jalatti ummatni Oromoo akka sabaatti salphate. Nagaa dhabe. Qe’ee fi qabeenya isaa irratti dhumate. Biyya isaa keessatti godaansaa fi baqi isa mudate. Daangaan biyya isaa karaa hundaan sarbamee weerara isa irratti deemuun lubbuu isaa kumaantamaan dhabeera. Miliyoonotaan buqqa’eera. Kun hanga guyyaa har’aatti deemaa jira. Waraanni mootummaa PP, milishaa fi poolisiin, tiki isaa ummata Oromoo, dargaggoota biyyaa magaalaa fi baadiyaa keessatti maqaa adda addaa itti maxxansee adamsee ajjeesa. Hidhattootni naannolee daangaa Oromiyaa akka barbaadan cabsanii seenuun ilmaan Oromoo ajjeesaa, qalaa, miliyoonaan Oromoo buqqisaa, lafa isaas irraa fudhataa yakka irratti yakka raawwataa oolu. Kun bara bittaa mootummaa Badhaadhinaa kana keessa Oromootti dhufe.

Har’a Oromoon jiruu fi jireenyatti hin jiru. Rakkoo fi gidiraan isaa baay’ee fi olaanaa dha. Kan himamu garuu mootummichi mootummaa Oromoo ti kan jedhuu dha. Dhibbantaa shan kan hin guutne murni hagoon himamsa afaanii mootummaan kun mootummaa Oromoo ti jedhu kanaan wayta jiraataa jiran, miliyoonotni Oromoo garuu akka baalaa harca’aa jira; jireenyaa bahee miidhameera. Oromoon kanaan hiraaraa jira.

Ummatootni kaan akkuma Oromoo roorroo fi cunqursaa sirna kana jalatti keessummeessaa jiran hedduu dha. Akka biyyaatti mirgi dhala namaa cabaa jira. Saamichi gibiraa fi baasii adda addaa dhahatee adeemu mana hunda keessa jira. Malaanmaltummaan, bulchiinsi gaariin dhibamuun iddoo hundaa mul’ata. Qaala’iinsi jireenyaa lammiilee cufa boochisaa jira. Hidhaa fi ajjechaan bakka maraa dhaga’ama. Nagaan dhibee lolli danatuun waan mul’ataa jiruu dha. Nagaan ba’anii galuun rakkisaa ta’aa jira. Kunniin hundi biyyattii muddanii jiran.

Kanaaf roorroo fi cunqursaan, gidiraa fi dhiphinni sirna PP jalatti Itoophiyaa keessaa mul’atu daangaan oli. Ummatni gaafa isaaf game akkuma ummata Neeppaal akka galaanaatti karaatti yaa’uun waan hafu miti. Ummatni ukkaamamee taa’u kun gaafa isaaf gamte futtaafachuun hin oolu. Furmaataaf warraaquun waan hin hafnee dha.

Mootummaa furmaataaf hin sossoone, caasaalee ukkaamsaa ijaarratetti amanee iyyaa fi boo’icha lammiileetti dugda gate, dhibdee polotikaa jiruuf furmaata siyaasaa hin laatne, hireen mootummaa Neeppaal mudate isa waan hin mudatneef hin jiru. Mootummaan PP kana qalbifatuu qaba. Roorroo fi cunqursaan gaafa itti hammaate, ummatni furmaataaf cabsee karaatti ba’a. Kun haqa!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO