Gumaan Goototaa Milkaaโ€™uu Qabsoo Bilisummaa Oromoon Baafama!

๐˜ผ๐™ข๐™–๐™ฃ๐™ฉ๐™ž๐™ž๐™™๐™๐™–๐™–๐™ฃ ๐™œ๐™–๐™ง๐™œ๐™–๐™ง ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™ง๐™ช๐™ ๐™ช๐™ฉ๐™ช๐™ช๐™› ๐™จ๐™๐™ž๐™ง๐™– ๐™™๐™ž๐™ž๐™ฃ๐™ค๐™ฉ๐™–๐™–๐™ฃ ๐™ญ๐™–๐™ญ๐™–๐™ข๐™š ๐™™๐™ž๐™™๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™‚๐™ช๐™ง๐™ข๐™ช๐™ช ๐™๐™ค๐™ ๐™ ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™– ๐™›๐™ž ๐˜ฝ๐™ž๐™ก๐™ž๐™จ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™– ๐™Ž๐™–๐™—๐™– ๐™ž๐™จ๐™–๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฌ๐™–๐™–๐™™๐™–๐™– ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™จ๐™š๐™š๐™ฃ๐™–๐™ฃ ๐™ž๐™ง๐™ง๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™ž ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™˜๐™ž๐™˜๐™๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™๐™–๐™™๐™๐™–๐™– ๐™™๐™ชโ€™๐™–๐™– ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™ช๐™ฃ๐™–๐™ฉ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™—๐™ค๐™ค๐™กโ€™๐™– ๐™ฉ๐™ค๐™ ๐™ ๐™ค๐™ฉ๐™ฉ๐™ž ๐™–๐™ฌ๐™ฌ๐™–๐™–๐™ก๐™–๐™ข๐™ช๐™ช ๐™ž๐™จ๐™–๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™ฉ๐™ž.

Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Ilaalchisee Dhaamsa ABO

Gumaan Goototaa Milkaaโ€™uu Qabsoo Bilisummaa Oromoon Baafama!

Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Ilaalchisee Dhaamsa ABO

Miseensotaa fi deggertoota ABO, qabsaawotaa fi sab-boontota ilmaan Oromoo hundaa, waliigalatti ummata Oromoo balโ€™aa, baga Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo kan bara kanaa 2026โ€™n isin gahe, nuun gahe jenna.

Guyyaan Goototaa Ebli 15, guyyaa goototni lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabnee fi kennaa hundaa olii mararfatnaan alatti, harqoota gabrummaa caabsuuf, kabajaa sabummaa deebisuuf, Bilisummaa argamsiisuuf, biyya dhabne mulโ€™isuuf, mirga Oromoof osoo falmanii lubbuu isaanii dabarsanii kennan kan itti yaadatnu waan taโ€™eef, guyyaa ulfaataa fi kabajamaa dha.

Bu’aa bayii qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qabsaawotni qaqqaaliin kufanii qabsoo fuul-duratti tarkaanfachiisaniiru. Xurree qabsoo dhiigaan tattaraaranii dabraniiru. Sabummaa Oromoo dhabama irraa hambisuuf, Oromiyaa harโ€™a lafa irra jirtu argamsiisuuf, waliigalatti mirgootaa fi injifannoolee harโ€™a Oromoon gonfate fiduuf, goototni ilmaan sabaa, ilmaan biyyaa, qarayyoon, kutatoo fi muratoon kumaatama hedduun maqaa isaanii waamanii fixuun hin danda’amne qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti hiriiranii wareegama lubbuu qaalii baasaniiru. 

Hoogganoota dhaabichaa irraa hanga miseensotaa fi deeggartootaatti, seenaa boonsaa hojjetanii kanneen saba isaanii bilisummaa gonfachiisuuf lubbuu isaanii aarsaa godhan kumaa fi kitila dha. Kunneen hundi akka urjiitti galmee seenaa keessaa ifaa jiraatu. Bara baraanis dhalootaan yaadatamu.

Wareegamni ๐’๐ก๐ข๐ง๐ข๐ ๐ ๐š๐š bara 1980 seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti kan iddoo olaanaa qabuu fi yaadannoo addaa sammuu qabsaawotaa fi ummata keenyaa keessatti hambisee darbee dha.

Guyyaa san qabsaawota angafootaa fi hoogganoota olโ€™aanoo ABO kan Hayyu-Duree fi Itti Aanaan keessatti argaman namoota 10 tahantu haala akkaan rifaasisaa taheen wal faana bakka tokkotti wareegame.

Wareegama sana hunda caalaa kabajamaa fi yaadatamaa kan taasise akkaataa Jaallan keenya sun murannoo olโ€™aanaadhaan itti wareegamanii dha. ๐˜ผ๐™ข๐™–๐™ฃ๐™ฉ๐™ž๐™ž๐™™๐™๐™–๐™–๐™ฃ ๐™œ๐™–๐™ง๐™œ๐™–๐™ง ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™ง๐™ช๐™ ๐™ช๐™ฉ๐™ช๐™ช๐™› ๐™จ๐™๐™ž๐™ง๐™– ๐™™๐™ž๐™ž๐™ฃ๐™ค๐™ฉ๐™–๐™–๐™ฃ ๐™ญ๐™–๐™ญ๐™–๐™ข๐™š ๐™™๐™ž๐™™๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™‚๐™ช๐™ง๐™ข๐™ช๐™ช ๐™๐™ค๐™ ๐™ ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™– ๐™›๐™ž ๐˜ฝ๐™ž๐™ก๐™ž๐™จ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™– ๐™Ž๐™–๐™—๐™– ๐™ž๐™จ๐™–๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฌ๐™–๐™–๐™™๐™–๐™– ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™จ๐™š๐™š๐™ฃ๐™–๐™ฃ ๐™ž๐™ง๐™ง๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™ž ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™˜๐™ž๐™˜๐™๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™๐™–๐™™๐™๐™–๐™– ๐™™๐™ชโ€™๐™–๐™– ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™ช๐™ฃ๐™–๐™ฉ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™—๐™ค๐™ค๐™กโ€™๐™– ๐™ฉ๐™ค๐™ ๐™ ๐™ค๐™ฉ๐™ฉ๐™ž ๐™–๐™ฌ๐™ฌ๐™–๐™–๐™ก๐™–๐™ข๐™ช๐™ช ๐™ž๐™จ๐™–๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™ฉ๐™ž. Kun Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo tahee bara baraan akka yaadatamuuf sababa tahe.

Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo tahee akka yaadatamu ABOn wayta murteessetti, miseensota dhaabaa wareegaman ittiin yaadatuu qofaaf akka hin taane deddeebisnee wal yaadachiisna. Ilmaan Oromoo kanneen ummata Oromoo gabroomfatuuf itti duulan osoo ittisanii kufan, roorroo fi hacuuccaan itti hammaatuu irraa sirna bittaa alagaa bifa garagaraan osoo faccisanii lubbuu isaanii kennan, kanneen gabrummaan booda, bakkoota adda addaatti ummata Oromoo irraa waanjoo gabrummaa kaasuun akka sabaatti mirgi qabu kabajameefii jiraatuu qabaatti amanuun sirna gabroomfataa irratti osoo qabsaโ€™anii wareegaman marti akka ittiin yaadatamaniif  Ebli 15 Guyyaa Goototaa tahee akka yaadatamu murteesse.

Ummatni Oromoo Biyyaa fi Bilisummaa isaatiif jecha wareegamni baase guddoo ulfaataa tahuun hin falamsiisu. Gabrummaa jalatti miidhaan dorgomaa hin qabne irra gahuu fi wareegamni itti heddummaatus waldhaansoo qabuu hin dhaabne. Sababa sirna cunqursaa fi cunqurfamuu diddaaf, Bilisummaa isaaf wareegama baasuu itti fufee jira.

Ilmaan Oromoo hedduun qabsoo bilisummaatiif qaamaa hir’atanii, hedduunis maatii fi qabeenya isaanii itti dhabaa jiru. Xiqqaa guddaan Oromoo, murnootni hawaasaa cufti sababaa kaayyoo qabsoo kanaaf aarsaa lubbuu olaanaa, hanga dhabamuu maatiitti gatii kafalan, wareegamtootni kaayyoo marti isaaniituu galmee seenaa keessaa ifanii mulโ€™atan. Gumaa isaanii kan baasus milkaaโ€™uu kaayyoo isaan irratti wareegama lubbuu baasanii dha.   

Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtootaa wayta kabajannu wareegamtoota  keenya yaadataa, irbuu keenyas haaromsatuun kaayyoo isaan irratti wareegaman galiin gaโ€™uuf qabsaawotni, miseensotnii fi deggertootni ABO rakkinoota haalotni maddisiisan kamiif iyyuu osoo hin jilbeenfatin jabaattanii hojii qabsoo akka itti fuftan ABOn dhaamsa isaa isiniif haaromsa.

Ilmaan Oromoo gaaffii haqaa saba Oromoo kan bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaatti amanan hundi, akka waliigalaatti ammoo ummatni Oromoo galma gahiinsa qabsoo bilisummaa Oromoo dhugoomsinee wareegama gootota keenyaatti firii gochuudhaan gumaa isaanii Bilisummaadhaan baasuuf bakka jirru hundaa hojii qabsoo haa finiinsinuun dhaamsa keenya.

Kabajaa Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo baranaa (2026) kan adda godhu wayta ABOn qabsoo karaa nagaa geggeessaa jiru keessatti yeroo duraatiif filannoo marsaa 7ffaa Itoophiyaa keessatti geggeeffamuuf jiru irraa qooda fudhatuuf murteessee sossohaa jiru keessatti. Murtii kanaanis saba keenyaaf nagaa argamsiisuuf, daandii kanaanis kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo kan wareegamtootni ilmaan Oromoo kumaa kitilli irratti kitimaman osoo hin sharafin milkeessuuf carraaqqii olaanaa haala godhaa jiru keessatti. 

Hojii dhaabaa kana milkeessuuf miseensotni, qabsaawotnii fi deggertootni ABO kan duraanii caalaatti jabaattanii hojjechuu, didhaalee mudatan kamuu irra aanuuf qophaaโ€™uu fi karaa hundumaan dhaaba keessaniif jirra jechuun awwaachuun amma jenna.

Waliigalatti ummatni Oromoo balโ€™aan nagaa waaraa argachuuf, bilisummaa dhugaa gonfachuuf, mirga hiree murteeffannaa fi abbaa biyyummaa mirkaneeffachuuf, dimokraasii fi walqixxummaaf akkasumas guddina waloof, dhaaba keessan kan ilmaan keessan keessatti hiriiruun mirga keessaniif osoo falmanii gatii lubbuu qaalii itti kafalan ABO akka filattan hiree kanaan yaamicha keenya isinii dabarsina.

ABO filachuun, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo kan goototni ilmaan saba keenyaa bakkaan gaโ€™uuf osoo warraaqanii irraa kufan milkeessuu waan taโ€™eef, ABO filadhaan dhaamsa keenya.

Ebli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ti!

Goototni Wareegamtootni Oromoo Bara Baraan Ni Yaadatamu!, Ni Faarfamu!

Kabajaa fi Ulfinni Wareegamtoota keenyaaf!

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 14, 2026

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO