๐’๐ข๐ซ๐ง๐ข ๐†๐ž๐ ๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐Œ๐จโ€™๐ข๐›๐จ๐จ๐ง ๐๐š๐ช๐ช๐š๐ฅ๐š๐š ๐ก๐š๐ซโ€™๐š ๐Ž๐ง๐ค๐จ๐ฅ๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐Ÿ๐Ÿ’,๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ ๐ฆ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐๐š๐ช๐š๐ฆ๐ญ๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข ๐ซ๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ž๐ž๐ซ๐š

Sirni Awwaalchaa Jaal Mo’iboon Baqqalaa raawwatameera.

๐’๐ข๐ซ๐ง๐ข ๐†๐ž๐ ๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐Œ๐จโ€™๐ข๐›๐จ๐จ๐ง ๐๐š๐ช๐ช๐š๐ฅ๐š๐š ๐ก๐š๐ซโ€™๐š ๐Ž๐ง๐ค๐จ๐ฅ๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐Ÿ๐Ÿ’,๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ ๐ฆ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐๐š๐ช๐š๐ฆ๐ญ๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข ๐ซ๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ž๐ž๐ซ๐š

Bakka Oromootni hedduun qaamota hawaasa garagaraa irraa taโ€™an argamanitti sirni awwaalchaa miseensa GS-ABO Jaal Moโ€™iboon Baqqalaa guyyaa harโ€™aa kana Onkoloolessa 14,2022 magaalaa Naqamteetti geggeessameera.

Jaal Moโ€™iboon Baqqalaa Onkoloolessa 12,2022 galgala qarqara magaalaa Finfinnee fi Buraayyuu gidduu naannoo mana isaa iddoo Saansuusii jedhamutti qaamota hidhataniin rasaasaan dhawamee yerooma sana hospitaala geessamus irraa hafuu dadhabee, yeroo gabaabduun booda lubbuun isaa dabarte.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ibsa gaddaa Onkoloolessa 13,2022 baaseen, Moโ€™iboon Baqqalaa dargaggeessa qaroo fi miseensa GS-ABO, jireenya isaa guutuu qabsoo Oromootiif kenne taโ€™uu addeesse.

Sirna ADWUI/EPRDF keessa mana hidhaa Maโ€™aakalawiitti waggoota hedduuf hidhamee dararamaa turuu yaadachiisuun, sirna ammaa jalattis baatileef hidhamee dararaa cimaan irra gahuu erga hubachiiseen booda, matiin isaas humnoota nageenyaa mootummaatiin gidirfamaa fi sodaachifamaa takka turan hubachiiseera.

Wareegamuu dargaggoo qaroo fi qaama hoggana isaa kanaan ABOtti gadda cimaatu itti dhagahama kan jedhe ibsi ABO kun, Maatii isaa, jaallan isaa fi ummata Oromoo balโ€™aaf jajjabina hawweera.

Bifuma walfakkaatuun paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO)n ibsa gaddaa Onkoloolessa 13,2022 baaseen, ajeechaa hoogganaa ol’aanaa ABO, Moโ€™iboon Baqqalaa irra gahetti gadda cimaa itti dhagaโ€™ame ibsee, maatii, firootaa fi jaallewwan qabsoo isaatiif jajjabina hawwee jira.

Hooggansa dhaaba siyaasaa dabalatee ajjeechaan namoota nagaa irratti gaggeeffamu yaaddoo cimaa kan uume taโ€™uu kan ibse KFOn ibsa isaa kanaan, qaamni seeraa dhimma kana saffisaan akaa qoratee ummataaf ifa godhus gaafateera.

Hawaasni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa karaa miidiyaalee hawaasaa fi kkfn ajjeefamuu miseensa GS-ABO Jaal Moโ€™iboon Baqqalaatti gadda itti dhagaโ€™ame ibsataa, seenaa fi hojii qabsoo inni haga gaafa wareegamuutti keessatti dabarse himaa fi mulโ€™isuu irratti argaman.

Qabsaโ€™aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO