Jiraattuu Godina Shaggar Kibba-lixaa Aadde Kokabee Jedhamtu Mana Hidhaa keessatti Lubbuun ishee dabarte.

Mana hidhaa keessatti du’an

Aadde Kokabee

Oduun guyyaa har’aa ba’e akka ibsutti, jiraattuu Godina Shaggar Kibba-lixaa Ona Qarsaa Maallimaa kan taate Aadde Kokabeen, guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 14,2022 mana hidhaa keessatti ajjeesamte.

Aadde Kokabeen Fulbaana 15,2022 ganama Abbaa Warraa ishee Obbo Kifilee Jaankaa hojjetaa onichaa ta’e maqaa “Shanee wajjin hidhata qabda” jedhuun caasaan sirna Bilxiginnaa Ona Qarsaa Maallimaa duraa hidhee jiruuf nyaata geessaa osoo jirtuu, humnootni tikaa mootummaa iddoo addaa Waarkaa jedhamutti konkolaataa keessaa buusanii “Shaneedhaaf qaltee geessaa jirta” ittiin jechuun akka malee rifaasisanii mana hidhaatti darban jechuun maddeen oduu gabaasa baasaniin ifa godhaniiru.

Hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa tarkaanfiin maatii kana irratti fudhatan isaan ga’uu hanqatee qe’ee isaanii dabalatee manneen namoota 6 akka barbadeessanis ibsameera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO