Oromiyaa Godinoota adda addaa keessatti haleellaa Dirooniin lubbuu namaa darbaa jira.
Haleellaa Xayyaara Nam-maleeyyii (Drone) Godinoota Oromiyaa bakka garagaraatti raawwatameen Lammiilee nagaan 100 ol taโan ajjeesamuu odeessi ummata keessaa baโaa jiru ifa godha.
Mootummaan Bilxiginnaa guyyaa harโaa dabalatee erga Roobii darbeetii maqaa WBO haleeluu jedhuun xayyaara nam-maleeyyii (Drone) fayyadamuudhaan haleellaa ummata nagaa irratti raawwatee fi raawwataa jiruun yo xiqqaate guyyoota shan gidduutti lammiileen 100 ol taโan akka ajjeesaman odeessi ummata irraa dhagaโamaa jiru ni hubachiisa.
Guyyaa harโaa Onkoloolessa 23,2022 Lixa Shaggar Ona Jalduu Cobiitti mootummaan Bilxiginnaa haleellaa diroonii raawwateen yo xiqqaate ummatni siviiliin namootni 8 ol taโan ajjeesamuu maddeen naannoo sanii gabaasaniiru.
Giddu-gala Oromiyaa Baha Shaggar Ona Boosat, Fantaallee, Lixa Shaggar Gindabarat, Mettaa Walqixxee, Baha Wallaggaa Nuunnuu Qumbaa fi bakkoota ammaaf maqaan isaanii ifa hin baโin jiran keessatti hanga guyyaa harโaatti haleellaan xiyyaaraa diroonii dabalatu akka raawwatamee fi namootni hedduun akka lubbuu dhaban, qabeenyi akka barbadaawe maddeen oduu adda addaa gabaasuu irratti argaman.
Onkoloolessa 19,2022 Ona Mettaa Walqixxee keessatti haleellaa diroonii mootummaan Bilxiginnaa fudhateen yo xiqqaate ummatni nagaan 14 ol taโu battalumatti yoo lubbuu dhaban, kanneen reeffi isaanii adda hin baafamin jiraachuullee jiraattotni naannoo SBOf ibsaniiru. Manneenii fi qabeenyi tarkaanfii kanaan daareffamanis hedduu akka taโan ibsameera.
Ummatni keenya hanga isaaf dandaโametti naannoo shakkii itti qabuu fi iddoo lolli jira jedhee sodaatutti baayโatee argamuu, walitti qabamee taaโuu fi sossohuu irraa akka if qusatu dhaamsa keenya dabarsina.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *