Ummatni keenya kana beekee, yeroo qaamni isaa gam-tokko dhiigu, duโu taaโee ilaaluu dhiisee, waliin kaโee gamtaan sirna kana dura dhaabbachuu fi of irraa falmachuu qaba.

Kan Raawwatamaa Jiru Yakka Waraanaa fi Duguuggaa Sanyii ti.
- Onkoloolessa 20,2022 Godina Shaggar Lixaa Ona Mettaa Walqixxee magaalaa Minaareetti ummatni nagaan 70 ol yeroo tokkotti haleellaa xayyaaraan ajjeesaman,
- Onkoloolessa 23,2022 Godina Shaggar Bahaa Ona Fantaallee keessatti haleellaa kanaan namootni hedduun dhumaniiru,
- Onkoloolessa 24,2022 Godina Shaggar Lixaa Ona Cobiitti namoota 60 oltu haleellaa qilleensa irraan ajjeesame,
- Guyyuma kana Godina Wallagga Bahaa Nuunnuu Qumbaa keessattis haleellaa fakkaataan raawwatame kudhanootaan lammiilee nagaa galaafate,
- Sadaasa 01,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Qilxu-kaarraa magaalaa Qilxu-kaarraatti namoota 30 oltu waraana mootummaan ajjeesame. Kanneen keessaa 18 mana hidhaa keessatti ajjeesaman,
- Sadaasa 02,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaatti haleellaa xayyaaraan namoota 80 oltu dhumate,
- Sadaasa 09,2022 guyyaa kaleessaa ammoo namoota 100 ol taโantu haleellaa xayyaaraa mootummaan Biltsiginnaa Godina Wallagga Lixaa Ona Mana Sibuu magaalaa Mandii irratti raawwateen ajjeesame.
Lammiilee nagaan ajjeesaman kun marti ummata siviilii lola keessa hin jirre, qeโee fi ganda isaanii keessatti xayyaarota waraanaa fi loltoota mootummaa Biltsiginnaan ajjeesaman.
Kanneen madaaโan dhibbootaan lakkaโaman gargaarsa waldhaansaa hin qaban; hospitaalatti kan isaan geessu hin jiru. Kanneen buufata waldhaansaa gaโanis qorichaa fi waldhaansa gaโaa dhabuu irraa hireen isaanii duโuu taโeera. Magaalaa Biilaatti kanneen akka kanatti buufata waldhaansaa gaโan qorichaa fi waldhaansa barbaachisu dhabuu irraa duโan baayโee dha.
Hireen magaalaa Mandiis kana irraa adda miti. Ummatni haleellaa xayyaaraa kanaan madaaโe baayโee dha. Kan isaan waldhaanuu fi dawaan argamuun rakkisaa dha. Kana irraa kan fayyuu dandaโu duโaaf kennama.
Haalli magaalaa Mandii kan gabaasameen ol taโuu akka dandaโu amma irraa himamaa jira. Gandootni baadiyaa fi magaalotni naannoo sana jiran hundi hiree fakkaataa keessummeessaa akka jiran himamaa jira.
Magaalaa Mandii keessaa ummatni qeโee fi waan qabu bakkeetti dhiisee lubbuu ofii oolfatuuf bosonaa fi gandoota baadiyaatti kaleessaa qabee akka baqachaa jiru maddeen ni gabaasu.
Waraanni mootummaa bakka gaโe hundatti gara laafina tokko malee ummata itti dhukaasee ajjeesaa, saamaa fi gidiraa dhala namaaf hin malle irraan gaโaa akka jiru oduun magaalaa Mandii keessaa baโaa jiru ifa godha.
Kana irraa Godina Lixa Wallaggaa keessatti duguuggaan sanyii, yakki waraanaa ummata nagaa, siviilaa lola keessa hin jirre irratti raawwatamaa jira. Ummatni dhumaa jiru dirree lolli itti geggeessamu keessatti osoo hin taane qeโee ofii, ganda itti dhalatee guddate, magaala keessatti barootaaf jiraatetti xayyaara mootummaan akka baalaa harcaโaa jira.
Mootummaan isa hidhatee isa lolu loluu hanqatee, ummata nagaa harka qullaa jooree jawwaree jiraatu qeโee fi ganda isaa keessatti xayyaara waraanaan fixuun, humna waraanaan gadi haamuun yakka waraanaa ti. Duguuggaa sanyii saba kana irratti deemsisuu dha.
Mootummaan Biltsiginnaa yakka waraanaa, duguuggaa sanyii guutuu Oromiyaa keessatti ummata Oromoo irratti raawwataa jiruuf gaafatama jalaa hin baโu. Harโa homaa fakkaachuu dhiisuu dandaโa. Yakki ulfaataan raawwataa jiru kun addunyaa jalaa dhokatee kan hafus itti fakkaachuu dandaโa. Kun garuu waan taโuu dandaโu miti. Oolee bulus, dhiiga ijoollee Oromoo, dhiigaa maanguddootaa fi dubartootaa, waliigalatti dhiiga saba Oromoo dhangalaasaa jiruuf, lubbuu baasaa jiruuf gaafatama jalaa miliquu hin dandaโu.
Sirna kanatti kan adaba godhu, of irraa kaasuu fi yakka isaaf gaafatamaaf dhiheessu ammoo qaama biraa osoo hin taane, ummatuma Oromoo ti. Kanaaf, ummatni keenya kana beekee, yeroo qaamni isaa gam-tokko dhiigu, duโu taaโee ilaaluu dhiisee, waliin kaโee gamtaan sirna kana dura dhaabbachuu fi of irraa falmachuu qaba jenna.

Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *