ABOn KAAYYOO dha. Kaayyoon kun ammoo Oromoota miliyoonota hedduu keessatti mana ijaarrateera. Kan hojii ABO hojjetu kumaa kitila. Warri hidhaa fi ajjechaa akka furmaataatti fudhatanii ABO irratti xiyyeeffatuun ganamaa galgala shiran abadan hin milkaaโan.
Miseensotni Hogganaa ABO Mana Hidhaatti Argaman Dagatamuu Hin Qaban!
Yakka raawwatan hin qaban; waan balโeessanis hin qaban. Warri isaan hidhate ilaalcha siyaasaa isaanii, ejjennaa kaayyoo isaan qabaniif diinomsatan. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hoggana, qondaalaa fi miseensa isaa yo hiine takaaluu dandeenyaan hidhaa filatan; achi irraa ajjechaatti tarkaanfatan. Hojiin namaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) takaaluus gaadiโuus hin dandaโu.
ABOn KAAYYOO dha. Kaayyoon kun ammoo Oromoota miliyoonota hedduu keessatti mana ijaarrateera. Kan hojii ABO hojjetu kumaa kitila. Warri hidhaa fi ajjechaa akka furmaataatti fudhatanii ABO irratti xiyyeeffatuun ganamaa galgala shiran abadan hin milkaaโan.
Wacaa fi burjaajii harโaan kan afanfajjawe jiraatullee, karaan dhugaa fi qulqulluun karaa ABO ti. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Oromoof waa hundaa ti. Dhugaa beekanii fudhatuu fi liqimsuun ulaagaa namummaa keessaa isa tokko. Kan gabaa siyaasaa yeroo ammaa dantaa bubuutuu fi buโaa mataa ofiif namnuu walitti yaaโuun iji itti jaamee fi gurri itti duude yo jiraate dhugaa kana hubatuuf jira. Warri ABO hin jaallatne, masaanuun dhaabichaa dhugaan mooraa ABO jiraachuu waan beekaniif danquuf duula irratti geggeessu.
Akka duula karaa hundaan bara Darguu fi Wayyaanee/EPRDF ABO irratti duulameetii dhaabichi hafee hojii qabsoo itti hin fufu ture. Addi Bilisummaa Oromoo dandamatee ni hafa jedhee kan yaade xiqqaa ture. Garuu ABOn ni jiraate; jiraatuu qofa osoo hin taane hojjetee kaayyoo BILISUMMAA lafa qabachiise. Baraa baratti dhalatoota barsiisaa fi qaraa harโaan tana hundumaaf afaan saaqeera. ABOf galatatu mala malee, diinomstuu fi itti duulamuun hin malleef, Warra ofiif aarsaa taโanii Oromoo asiin gaโaniif Galata! Seenaan bara baraan isaan kaasa!
Kanaaf Oromoon hogganoota, qondaalotaa fi miseensota dhaaba isaa ABO mooraa diinaa keessatti hidhamanii hiraarfamaa jiran irraanfatuu osoo hin taane, yaadatuu qaba. Isaan warra haqa osoo qabanii haqi isaanii awwaalamee jireenyi isaanii mana hidhaa taโee jiru waan taโeef, sagalee isaan barbaachisa. Haqi isaanii iddoo argatee jireenya mana hidhaa irraa bilisa baโuu dha qaban. Oromoon deggersaa fi sagalee isaan kana gochuu waan dandaโuuf, sochiin gama hundaa itti haa fufuun dhaamsa keenya guyyaa harโaa ti.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *