‘US Warra Waliigalticha Gufachiisan Adabuu Fi Qoqqobbii Fayyadamuu Irraa Duubatti Hin Deebitu’

‘US Warra Waliigalticha Gufachiisan Adabuu Fi Qoqqobbii Fayyadamuu Irraa Duubatti Hin Deebitu’

‘US Warra Waliigalticha Gufachiisan Adabuu Fi Qoqqobbii Fayyadamuu Irraa Duubatti Hin Deebitu’

US waliigalteen waraana dhaabuuf mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti taasifame kabajamuu mirkaneessuu fi sarbama mirgoota namoomaaf itti-gaafatamni akka jiraatu gochuuf, qoqqobbii fayyadamuu irraa duubatti hin deebitu jedhan aangaโ€™aan olaanaa Isteet Dippaartimanti tokko.

Aangaโ€™aan Isteet Dippaartimanti olaanaa maqaan isaanii hin eeramiin tokko akka ibsanitti, buโ€™uura waliigaltee mallattaaโ€™een Ertiraa fi humnoonni biroo naannoo Tigraay keessa jiran hin baโ€™an taanaan Ameerikaan qoqqobbii kaaโ€™uu dandeessi.

Yeroo ammaa kana waraanni Ertiraa akkasumas humnoonni Amaaraa fi Affaar Tigraay keessatti akka argaman kan himan aangaโ€™aan US kun, waliigalteen mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay irra gahan humnoonni kunneen akka naannicha keessaa bahan kan gaafatu akka taโ€™e yaadataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigrayy waliigaltee nagaa mallatteessan hojii irra oolchuudhaaf murannoo akka qaban dhagaโ€™aa jirra kan jedhan aangaโ€™aan Isteet Dippaartiment kun, waliigalteen nagaa kun akka hojii irra hin oolle warren gufuu taโ€™an garuu adabamuu akka dandaโ€™an ibsaniiru.

Waliigalteen nagaa kun akka kabajamuu fi hojii irra oolu, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa warri raawwatan akka itti gaafataman gochuuf โ€œqoqqobbii kaaโ€™u irraa duubattiโ€ hin deebinu jedhan.

Aangaโ€™aan Olaanaa US Isteet Dippaartimen maqaan hin eeramne kun akka jedhanitti adeemsa waliigaltee nagaa Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee wayta odeeffannoo gaazexeessitootaaf kennanitti ture kana kan jedhan.

Aangaโ€™aan kun ibsa bilbilaan kennaniin adeemsa waliigaltee nagaa hojii irra oolchuu maal akka fakkaatuu fi amma maal irra akka jiru ibsaniiru.

Maddi: BBC

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO