Dhumaatii Ummata Nagaa Irra Gaโ€™aa Jiruuf Gaafatamaan, Mootummaa Federaalaa Dhumaatii Kana raawwataa fi Haala Mijeessaa Jiruu dha.

<strong>Dhumaatii Ummata Nagaa Irra Gaโ€™aa Jiruuf Gaafatamaan, Mootummaa Federaalaa Dhumaatii Kana raawwataa fi Haala Mijeessaa Jiruu dha.</strong>

Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humnootni finxaaleyyii duguuggaa ummata irraan gaโ€™aa turanii fi jiran quba qabeenya mootummaa fi qindoomina mootummaa Bilsiginnaan taโ€™uun shakkiin hin jiru.

Dhumaatii Ummata Nagaa Irra Gaโ€™aa Jiruuf Gaafatamaan, Mootummaa Federaalaa Dhumaatii Kana raawwataa fi Haala Mijeessaa Jiruu dha.

Ijoo Dubbii ABO โ€“ Sadaasa 19,2022

Erga waggaa tokkoo as haala mulโ€™ataa hin taanee fi ifaanis Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti ummatni nagaan qeโ€™ee fi qabeenya isaa irratti humnoota mootummaan hidhatanii fi humnoota Federalaan weeraramee dhumaatiin jumlaa fi suukanneessaan irratti raawwatamaa jira. Manneen ummataa kumootaan barbadeessamaa, lubbuun namootaa kumootaan baasamaa, qabeenyi barbadeessamaa fi saamamaa, jiruu fi jireenyi hawaasaa diigamuun, balaan hammana hin jedhamnee fi balโ€™ina qabu ummata Oromoo irra gaโ€™eera.

Haala kanaan ummatni lafa gabbataa irra jiraataa ture, of irra darbee alagaa sooraa ture harโ€™a sababa lafa isaa irratti itti duulameef kumoota dhibbaan qeโ€™ee irraa buqqaโ€™ee dirree irratti facaโ€™uun hagabuu buluu fi harka namaa eeggatuuf dirqameera. Yeroo kun hundi taโ€™u mootummaan Federaalaa biyyan bulchaa jira ofiin jedhu sirna Biltsiginnaan dursamu, dhoksaanis tahe ifaan humnoota itti bobbaasuun ummata dararuu hojii isaa godhatee jira. Dirmachuun kan dirqama itti ture humna alagaa goolessituu Faannoo jedhamtu gurmeessuu, leenjisuu, hidhachiisuu fi waraana isaa waliin walooma tolchuun yeroo gamtaan ummata kanatti duulanii duguuggaa sanyii irratti raawwatan ifaan mulโ€™ataa ture; mulโ€™ataas jira.

Addatti erga guyyoota shanii as jechuun Sadaasa 14, 2022 irraa qabee Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humni mootummaa finxaaleyyii Faannoo golgaa godhate, humni Polisii Federalaa Farra Shororkeessaa jedhamu  fi Waraanni Ittisa Biyyaa Mootummaa Federaalaa waliin weeraraa fi  duula balโ€™aa ummata Oromoo irratti bananii jiraniin. Kanaanis lammiilee nagaa dhibbootaan ajjeesaa, dhibbootaan madeessaa, magaalotaa fi gandeen qabeenya waliin gubanii barbadeessaa, horii ummataa shallaguun illee nama rakkisu ooffataa jiran. Maanguddootni, hawwanii fi ijoolleen weerara humna waloo finxaaleyyii fi humnoota mootummaa kanaan akka maleetti miidhamaniiru.

Onoota Horroo Guduruu Wallaggaa kan akka Amuruu, Jaardagaa Jaartee, Horroo Bulluqii fi kkf keessatti goolessitootni Faannoo fi humnootni mootummaa gariin uffata siviilii uffatanii waloon weerara geggeessaa jiran, ilmaan Oromoo nagaa qeโ€™ee isaanii keessatti dhibbootaan ajjeesaniiru. Bakka gaโ€™an hundatti ibidda manneenitti sararuudhaan qabeenya waliin barbadeessaa jiran.

Sadaasa 16, 2022 magaalaa Aliboo irratti weerara bananiin magaalattii ibiddaan barbadeessaniiru. Magaala Jaardagaa Jaartee kan taate Aliboon hidhattoota finxaaleyyii Faannoo fi waraana mootummaa fi humnoota Polisii Federalaa  ummata fakkaatanii sossohaniin haleellaan irratti geggeessamtee miidhamteetti. Yoo xiqqaate manneen ummataa 200 ol taโ€™u magaalattii fi naannootii gubachuu ummatni ragaa baโ€™a. Ummatni nagaan hedduutu ajjeesame. Qabeenyi baayโ€™eetu mancaโ€™e. Gariin ni saamame. Horiin loon, re’ee fi kkf kumootaan humna kanaan fudhatamaniiru. Aliboon alatti gandootni akka Suuxee, Digaluu fi kkf haleellaa fakkaataan irratti deemsisamee ummatni sivilii hedduutu harka bineeyyii kanaan galaafatame. Humni waloo Faannoo fi hidhattootni mootummaa kun gandoota baadiyaa hunda weeraruun barbadeessuu irratti argaman.

Humni goolissitootaa ummata Oromoo jilbeenfachiisuu fi akka sabaatti lafa irraa fixuuf sagantaa mootummaan sossohaa jiran kun, duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti raawwataa jiran itti fufuun guyyaa kaleessaa Sadaasa 18, 2022 Godina Baha Wallagga Ona Kiiramuu irratti lola balโ€™aa bananiin magaalaa Kiiramuu guutuutti goolaniiru. Ummata nagaa irratti duguuggaa sanyii raawwataa akka jiran odeessi baโ€™u ni hubachiisa. Kanneen magaalaa Kiiramuu irratti lola balโ€™aa ummata nagaa irratti banuun duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwataa jiran kun goolessitoota Faannoo, Waraana Ittisa Biyyaa fi Poolisoota Federaalaa farra riphee lolaa jedhaman taโ€™uu odeessi jiru ni addeessa.

Magaalaan Kiiramuu haala ulfaataa keessatti kuftee jirti. Ummatni magaalattii fi jiraattotni gandoota itti dhihoo jiranii baayโ€™een akka ajjeesaman, warri humni dandaโ€™e qeโ€™ee gadhiisee bosonatti akka baqate ibsama. Garii ammoo magaalattiima keessatti marfamanii jiraachuun hubatameera. Manneenii fi qabeenyi akka gubatan, horiin akka saamaman odeessi ummataa ifa godha. Qunnamtiin rakkisaa waan taโ€™eef, odeessa gaโ€™aa akka barbaachisutti argachuun rakkisaa dha.

Mootummaan Federaalaa Paartii Biltsiginnaan hogganamu dhumaatii jumlaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti, darbees Oromiyaa bakkoota adda addaatti ummata nagaa irra gahaa jiruuf gaafatamaan matuma isaa ti. Lola kana keessaa fedhii guddaa akka qabu, qindoominaan akka duukaa jiru ragaan, caasaaleen nageenyaa mootummaa federaalaa ummata irratti lola geggeessamaa jiru kana keessatti hirmaatanii mulโ€™atuu dha. Bulchiinsii fi kaabinootni Godinaas humnoota goolessitootaa ummata irratti lola geggeessan kanaaf dhaabbataan haala mijeessaa akka turanii fi jiran ummatumatu dubbataa jira.

Kanaaf Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humnootni finxaaleyyii duguuggaa ummata irraan gaโ€™aa turanii fi jiran quba qabeenya mootummaa fi qindoomina mootummaa Bilsiginnaan taโ€™uun shakkiin hin jiru. Caasaan nageenyaa mootummichaa, hidhattootni sirnichaa hanga waraana ittisa biyyaatti fi humni polisii Federalaa huccuu siviilii uffatanii goolessituu Faannoon waliin ijaaramanii fi waliin weerara geggeessaa jiran harki mootummaa Federaalaa keessa jiraachuu mirkaneessa. Kanaaf mootummaan Biltsiginnaa gaafatama jalaa kan miliqu miti.

Dhuma irratti ummatni keenya kan keessaa fi alaa waa tokko qalbifatuu qaba. Oromoon walii isaa malee kan biraa hin qabu. Gaafa rakkoos, gaafa balโ€™oos isumatu waliif jiraachuu qaba. Waan kana taโ€™eef, ummata keenya qeโ€™ee isaa gubbaatti humna alagaan weeraramee akka baalaa harcaโ€™aa jiruu fi kumoota dhibbaan baqatee dirreetti hafuuf dirqameef dirmatuu qaba. Sagalee taโ€™uufii qaba jenna. Duguuggaa sanyii dhoksaatti mootummaan ummata keenya irratti deemsisamaa jiru kana karaa dandaโ€™ame hundaan ija hawaasaa fi mootummoota addunyaatti baasaa jenna.

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 19,2022

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO