Waraana Isa Tokko Karaa Nagaa, Isa Biraa Ammoo Humnaanan Fixa Jechuun Kan Hin Baasne Taโ€™uun Ibsame

<strong>Waraana Isa Tokko Karaa Nagaa, Isa Biraa Ammoo Humnaanan Fixa Jechuun Kan Hin Baasne Taโ€™uun Ibsame</strong>

Qaamni Oromiyaa keessatti hidhannoon lolaa jiru kaayyoo dhaabbateef hin qabu jechuun sirrii miti kan jedhan diplomaatiin UN duraanii Obbo Baayโ€™isaa Waaqwayyaa, kaayyoo malee namni mana isaa dhiisee bosonatti galee lolu hin jiru jechuun addeessan.

Waraana Isa Tokko Karaa Nagaa, Isa Biraa Ammoo Humnaanan Fixa Jechuun Kan Hin Baasne Taโ€™uun Ibsame

Ogeessa Seeraa Idil-Addunyaa kan taโ€™an Obbo Baayโ€™isaa Waaqwayyaa Aaf-Gaaffii tibbana BBC waliin godhaniin, waraana isa tokko karaa nagaan furmaata itti soqaa, isa biraa ammoo humnaanan balโ€™eessa jechuun kan hin deemsisnee fi hin dandaโ€™amne taโ€™uu akeekan.

Obbo Baayโ€™isaan Itophiyaaf nagaa buusuun kan dandaโ€™amu akkuma humnoota Tigraayi waliin nagaan buโ€™e, Oromiyaa keessattis yoo waliigalteen nagaa raawwatee dha jedhan.

W๏ปฟaraana waliinii biyyoota Baha Awurooppaa qaamaan kan hordofaa turanii fi dippiloomatiin UN duraanii Obbo Baayโ€™isaa Waaqwayyaa, humnoota Tigraayii fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti waraanni waggaa lamaaf gaggeeffame marii torbanootaan waliigalteetti dhufamuun akka isaan raaje BBC’tti himuun,  I๏ปฟtoophiyaan guutummaatti kan nagaa argattu garuu Oromiyaa keessattis warra hidhannoon lolu wajjin araarri yoo bu’ee dha jechuun ifa godhaniiru.

R๏ปฟakkoon Oromiyaa keessa jiruu fi gaaffiin ka’u waraana Tigraay dura akka turee fi xiyyeeffannoo maluuf akka hin arganne kan dubbatan Obbo Baayโ€™isaan, wayta Itophiyaa turanitti namoota alaa dhimma nagaa irratti hojjetan waliin dubbachaa akka turanii fi nama tokkoon alatti gaaffiin saba Oromoo barbaachisaa dha; furmaata argachuu qaba kan jedhu hin turre jedhaniiru.

Oromiyaa keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiru taanaan, Itophiyaan nagaa fi tasgabbii hin qabaattu; sababni salphaan ammoo waayee ummata biyyattii keessaa dhibbentaaโ€™โ€™40 (40%) ti jedhan.

Isa tokko karaa nagaa, isa tokko ammoo humnaanan fixa jechuun hin taโ€™u kan jedhan Obbo Baayโ€™isaan, gaaffiin Oromiyaa keessa jiru hanga isa Kaabaa walxaxaa akka hin taane erga ibsanii booda, barnootni araara Piritooriyaa irraa argame mariidhaan waraana hiikuun ni dandaโ€™ama kan jedhuu dha jedhaniiru.

Qaamni Oromiyaa keessatti hidhannoon lolaa jiru kaayyoo dhaabbateef hin qabu jechuun sirrii miti kan jedhan diplomaatiin UN duraanii Obbo Baayโ€™isaa Waaqwayyaa, kaayyoo malee namni mana isaa dhiisee bosonatti galee lolu hin jiru jechuun addeessan.

Kaayyoon lolamuuf heera biyyaan deebii argachuu akka dandaโ€™u kan ibsan Obbo Baayโ€™isaan, kanaaf ammoo gadi taaโ€™anii dubbachuutu sirrii dha erga jedhanii booda, Taankii fi Marfiin nagaa fiduu akka hin dandeenye hubachiisan.

Haalli amma jiru ummata nagaa gaagaโ€™aa jiraachuu Obbo Baayโ€™isaa Waaqwayyaa addeessuun, mariidhumatu furmaata fida jechuun Aaf-Gaaffii BBC waliin godhan irratti yaada isaanii mulโ€™isaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO