Daangeffamuu Finfinnee fi Maaster Pilaanii

<strong>Daangeffamuu Finfinnee fi Maaster Pilaanii</strong>

Waan Qeerroon kuma jahaa (6,000) ol mormee itti wareegame wanti irra deebiidhaan fidaniif, waan Oromoon calliseefii dha. Oromoon wixinee Qonnaan bulaa Oromoo qe’ee isaa irraa isa buqqisu kana qofa mormuu osoo hin taane, sirna diinaa kan waan maraan isatti duulee jiruu fi jireenyaan isa bal’eessaa jiru kanatti fincilee hundeedhaan of irraa buqqisuu qaba.

Daangeffamuu Finfinnee fi Maaster Pilaanii

Suuraan Miidiyaa Hawaasaa irraa ti

Sirnoonni aangoo impaayera Itoophiyaa qabatanii jaarraa tokkoo fi walakkaa impaayerattii bulchan weerartoota lafaa fi qabeenya ummataa saamanii ummata beelaa fi waraanaan fixaa, ofii jireenya qananii sadarkaa dureeyyota Awurooppaa gahu jiraatanii dha. Teessoon isaanii handhuura Oromiyaa, Finfinnee waan taheef, sirnoonni kun addatti lafa Oromiyaa weeraranii qabeenya ishee saamaa Oromoo ammoo ajjeesaa fi hiraarsaa jiraatu.

Sirnoota kanneen keessaa sirni EPRDF kan olaantummaa ABUT/TPLF’n durfamu qabeenya Oromiyaa waggoota kurnan sadiitti siquuf saameen hoogganoonnii fi kaabinoonni isaa duroomanii investeraa fi abboota qabeenyaa erga tahanii gamoon isaan Finfinnee keessatti duumessatti ol dhiyeessanii ijaaran isaan gahuu hanqannaan, lafa Qonnaan bulaa Oromoo Tuulamaa bal’aa saamuuf wixinee maaster pilaanii Finfinnee jedhu labsani. Jalqaba bara 2014 labsii maaster pilaanii miidiyaadhaan gad ba’anii labsan. Barattoonni Yunivarsitiilee saamicha lafaa fi qabeenyaa Qonnaan bultoota Oromoo Tuulamaa buqqisu mormuu eegalan. Mormiin kun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessattis itti fufe. Mormii kana tasgabbeessuuf hoogganoonni sirnichaa muraasni, waan ummata keenya fayyadu miti yoo tahe ni hafa jedhanii miidiyaatti ba’anii dudubbatan. Mormiin baatilee shanii oliif tures yeroof qabbanaa’e. Adeemsi maaster pilaanii sun garuu hin dhaabbanne.

Onkoloolessa 2015 Caffeen Oromiyaa wixinee maaster pilaanii Afaan Amaaraan qophaa’e Afaan Oromootti hiikee akka hojii irra ooluuf raggaasisuu isaa hordofuun Qeerroon ammas mormii itti fufe. Yeroo Caffeen waan kana raggaasisu yeroo Irreechaa waan tureef, Irreecha irratti mormiin saamicha lafaa kun dhageessifamaa ture.

Sadaasaa 12,2015 barattoota mana barumsa Giincii Sadarkaa 2ffaatiin hiriirri mormii qindaawaan eegale guutuu Oromiyaa wal ga’e. Yeroo tokko tokko akka waan maaster pilaaniin kun Oromoo fayyaduutti ummata keenya amansiisuuf, yeroo kaan ammoo yoo ummata hin fayyadne ni hafa jedhanii aangawoonni OPDO miidiyaatiin afaanfaajjii uumaa turan. Mormiin Qeerroo fi barattootaa waan maaster pilaanii bira dabree mirga abbaa biyyummaa fi warraaqsa sirna aangoo irra jiru kuffisuutti tarkaanfate. Haala kanaan warraaqsa Qeerrootiin caasaan sirnichaa diigamee, wixintoonni fi raawwattoonni isaa qabsoodhaan waan bakka irraa kakaafamaniif dhimmi maaster pilaaniis foolii bishaanii tahee ture.

Gammoojjii Tigraay bakka Adeet jedhamutti ABUT/TPLF’n kan bixxilamtee ergamaafii turte OPDO’n, afaan jijjiirrattee qabsoo buttee kan aangootti baate, waggoota 4 keessatti waan waggoota  27 bara ergamtummaa ishee saamte caalaa lafaa fi qabeenya hedduu saamtee abboota qabeenyaa taatee jirti. Keessattuu lafti baadiyyaa Finfinnee fi magaalota naannawa Finfinnee marsanii jiranii guyyaa adiidhaan waggoota afran dabran kaabinoota, kaadiroota, namoota tikaa fi ajajoota waraana PPtiin  saamamaa ture. Basaastonni xixiqooon illee miliyeenara ta’uun kan tujaaran lakoofsa hin qaban.

Lafa Qonnaan bultoota Oromoo irraa saamanii fi maallaqa gurguddaa qabeenya Oromoo saaman irraa argatan kanaan magaalaa haaraya kan  bal’inaan Finfinnee dachaa kudhanii oliin caalu Finfinneetti digirii 360 naannessanii ijaaruuf wixinee baasanii maaster pilaanii duraanii san maqaa biraatiin hojiitti jijjiiruuf labsataniiru. Magaalaa Finfinnee bara 1994 dura  kutaa bulchiinsaa 4 qofa qabdu san bara EPRDF gara lafa Qonnaan bulaa Oromootti babal’isaa kan turan isaanitti xiqqaannaan ammas magaalaa haaraya Shaggar jedhamu hundeessina jedhanii tooftaa ittiin kiilometira hedduu Oromoo magaalaa Finfinnee irraa fageessan baafatanii dhufan.

Hagayya 17, 2022 magaalaa Finfinnee daangessina jedhanii bulchiinsa Shimallis fi Adaanech gidduu sararuun ni yaadatama. Kun Qonnaan bultoota Oromoo waan fayyadu tokko illee hin qabu. Sun hundeefama magaalaa haaraya jedhaa jiran kanaaf haala mijeeffachuuf haal duree isaan tottolfatanii dha. Wixineen magaalaa haaraya hundeessuu kun kanuma maaster pilaanii duraa san tahus, akka waan Oromoof yaadanii magaalaa qophaatti hundeessaafii jiraniitti hafarsu. Kaabinoonnii fi warreen aangootti fayyadamanii lafaa fi qabeenya Oromoo saamanii tujjaaran kunneen dhibbeentaan guddaan warra Afaan Oromoo dubbachuu danda’an tahuu malu. Magaalaan isaan hundeessuuf yaadan kun kan isaan keessatti invasti godhan, bakka bashannanaa fi gamoo babbareedaa ijaaran taha waan taheef, Oromoon isaan jedhan warruma saamee duroome ibsa malee, Qonnaan bultoota Oromoo yoo lafa isaanii irraa buqqisuu tahee malee, waan fayyadu tokko illee hin qabu. Qonnaan bulaan Oromoo naannawa Finfinnee jiru ammas lafa isaa dhabaa jira. Lafa qotatu kan dhabe gaafa lafti isaa magaalome gamoo irratti ijaarrata jedhanii yaaduun cileedhaan cabbii jechuu dha.

Oromoon Finfinnee mataa ishee barbaada malee, magaalaa biraa akka ijaaraniif hin gaafanne. Gaaffiin Oromoo kan heerrii EPRDF keeyyanni  49/5 jedhu san, bu’aa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu jedhus miti. Finfinneen akkuma Shaashamannee fi Naqamtee, akkuma Amboo fi Yaaballoo faa magaalaa Oromiyaa keessaa tokko taatee akka Oromiyaa jalatti bultuu dha. Isa Oromoon gaafataa jiru deebisuu dadhabuu ykn magaalaa haaraa sii ijaarraan gaaffii bu’uuraa haqaaquuf shiruun waan baasu miti. Gaaffii kana deebisuun hafee lafa Oromoo saamanii, Qonnaan bultoota Oromoo daranuu buqqisanii Finfinnee irraa fageessuudhaan magaalaa haaraya ijaaruun wixinee sirna atseewwanii hojiitti hiikuu fi sirna fiwudaalizimii haaromsuu dha. Akkuma sirna fiwudaalizimiitti, aangawoonni mootummaa qofti lafa of harka galfatanii caasaa fi firoota isaaniitti kennuun ummatni akka lafa isaanii qotee isaan gabbaree fi ergameefii jiraatu gochuutti jiran. Kanuma duraan ummata irratti daba  hojjetaa turan san babal’isuun Qonnaan bulaan Oromoo  warra lafa isaa irraa fudhatee irratti warshaa fi gamoo ijaareef waardiyyaa fi ergamaa tahee  akka jiraatu gochuuf wixinee karooraa baasanii labsan.

Oromoon kana dura dhaabbatee mormuu qaba. Waan Qeerroon kuma jahaa (6,000) ol mormee itti wareegame wanti irra deebiidhaan fidaniif, waan Oromoon calliseefii dha. Oromoon wixinee Qonnaan bulaa Oromoo qe’ee isaa irraa isa buqqisu kana qofa mormuu osoo hin taane, sirna diinaa kan waan maraan isatti duulee jiruu fi jireenyaan isa bal’eessaa jiru kanatti fincilee hundeedhaan of irraa buqqisuu qaba.

1 comment
SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

1 Comment

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO