W  a  r  a  a  n  a    A  l  –  I  d  i  l  e  e    P  P

<strong>W  a  r  a  a  n  a    A  l  –  I  d  i  l  e  e    P  P</strong>

Ummanni Oromoo ammas kan yeroo kamii iyyuu caalaa wal ijaaree diina karaa kamiinuu itti duulu of irraa qolachuuf qophii tahuu qaba. Sirna shiftoota maqaa adda adaatiin ijaaree duguuggaa sanyii isa irratti raawwatu kana tokkummaadhaan fincilee bakka maluufiif geessuun dirqama taha.

W  a  r  a  a  n  a    A  l  –  I  d  i  l  e  e    P  P

Bara warraaqsa Qeerroo gara dhumaatti sochii Oromoo waan deeggaran fakkaatanii dargaggoonni Amaaraa maqaa ‘faannoo’ jedhuun gadi ba’an. Yeroon sun yeroo OPDO keessaa Gareen Lammaa (Team Lammaan) ol ba’anii qabsoo Warraaqsa Qeerroo butuuf carraaqaa turan ture.

Gareen Lammaa kun piresidaantii naannoo Amaaraa yeroo sanii Gadduu Andaargaachoo waliin akka qotiyoo harqoota tokko keessaatti waliin gamaa fi gamanatti marmaaru turan. Gareen kun Qeerroo leellisaa ofitti qabanii caasaa isaa diigaa faannoos akka fira Qeerrootti faarsanii akka Oromoon jaalatu gochuuf dhama’aa turan. Booda irra maqaa Oroo-Maaraa jedhamus bixxilanii Qeerroo fi faannoon akka jigii waliif ba’u fakkeessanii walitti deddeemsisuu eegalan.

Abiy erga aangootti ol baheetis waanuma kana jajjabeessaa ture. Qeerroon sirnaa garuu haala Abiyyii ilaalee akka isaaf hin taane hubatee gara Qabsoo sabaatti duude. Qeerroo akka yaadanitti ergachuu fi itti fayyadamuu akka hin dandeenye erga baranii, faannoo jabeessanii hidhachiisuudhaan masaanuu Qeerroo tolfatanii ittiin qabsoo Qeerroo danquu fi ittiin ummata Oromoo sirna bulchiinsa isaanii fudhachuu dide rukutuuf qindeeffatan. Haala kanaan dargaggoota Amaaraa kanneen Oromiyaa keessa jiraatanis tahe kan naannoo Amaaraa gurmeessanii loltummaa leenjisuun hidhachiisanii akka lafa Oromoo weeraranii fi umrii, saalaa fi ilaalchaan osoo adda hin baasin akka Oromoo ajjeesaniif duulchisan.

Waraanni faannoo kun magaalota gurguddaa akka Baardaar, Waldiyaa fi Dasee faa keessatti istaadiyeemiitti leenjifamee galma bulchiinsa magaalotaa keessatti eebbifama. Kana ammoo waraanni idilee mootummaa iyyuu akkanatti leenji’ee eebbifamee hin beeku. Waraanni faannoo kun yommuu leenji’us tahe eebbifamu kan inni guyyuu baratu ‘Matakkal, Wallaggi, Shawaa fi Walloon…’ kan Amaaraa ti, kan abbootii fi akaakilee keenyaa ti’ kan jedhu dha. Kana ammoo isaanuu sirna eebba waraanaa irratti kan dubbatan miidiyaan isaanii tamsaasnaan dhageenyeerra.

Kanaafuu PP’n loltoota idileetiin Oromoo lolee cabsee, lafaa fi qabeenya Oromoo Amaaraaf kennuu waan dadhabeef, akka Oromoo jumlaadhaan ajjeesan, qabeenya isaa kaan saamanii kaanis akka mancaasaniif, lafa isaa weeraranii akka bulchiinsa naannoo Amaaraa jala galchaniif waraana al-idilee maqaa faannootiin leenjisee Oromoo fi Oromiyaatti bobbaase. Faannoon waraana shiftaa PP’dhaan leenji’an, dhiyeessii fi ajajni isaaniis hoogganoota PP irraa akka dhiyaatuuf ammoo ragaalee gurguddootu jiru.

Baatii Eblaa bara dabree keessa Gadduu Andaargaachoo miidiyaatti ba’ee, faannoon akka beekamtii naannoo Amaaraatiin ijaaramee leenji’ee fi lolatti bobbaafamaa jiru dubbateera. Akkasumas hoogganaan komiishinii poolisii naannoo Amaaraa Komiishanar Tekkolaa Ayifokkiruu miidiyaa mootummaa naannoo Amaaraa irratti, ‘faannoon gaachana Amaaraa ti, beekamtii mootummaa naannoo Ammaaraatiin hidhachiifame waan taheef, kan hiikkachiisuu danda’u hin jiru. Faannoon yoomuu ni jiraata’ jedhee murna shiftaa kanaan dhaadate.

Hoogganaan tika Itoophiyaa fi piresidaantiin naannoo Amaaraa duraaniis yaaduma kana fakkaatu dubbatee ture. Faannoon qaama waraana mootummaa Itoophiyaa fi waraana al-idilee PP tahuu ragaan kana caalu hin jiru. Bilxiginnaatu humnoota finxaaleyyii Amaaraa maqaa faannootiin ijaaree shiftoota Oromiyaatti bobbaasuun Oromiyaa gubaa fi weeraraa jira.

Piresidaantiin naannoo Amaaraa fi kan Oromiyaa akka wal gargaaranii duula Oromiyaa irratti godhan waliin ibsa baasanii turuunis ni yaadatama. Gama biraatiin paartileen dhoksaa fi ifatti maqaa Amaaraatiin socho’an shiftaa faannoo tumsuudhaan yakkoota waraanaa Oromiyaa keessatti raawwatamu duuba jiru. Hooggantoonni paartii Sochii Biyyaalessa Amaaraa (ABN) paarlaamaa keessa taa’anii yommuu faannoodhaaf abukaattoo dhaabbatan argaa fi dhaga’aa turre.  Maqaa Baaldiraasiin murna Finfinnee keessatti ijaaramee jibbiinsa Oromoo afarsaa oolu kan hoogganan Iskindir Naggaa fi Sintaayyoo Chokkol faas qaamaan deemanii sirna eebba waraanaa faannoo irratti argamuu suuraan isaanii ragaadhaaf ni jira.

Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti namoota dhibboota hedduutiin lakkaawaman kan fixe, dhukkubsattootaa fi haadholii da’umsaaf hospitaala geeffamaa turan ambulaansii keessaa gad harkisanii haala suukanneessaatiin kan ajjeesan, konkolaataa keessaa buusuudhaan dhukaasa irratti shaakalaa kan ilmaan Oromoo ajjeesanii bineensa nyaachisan murna shiftaa maqaa faannootiin socho’uu dha.

Matakkal, Ona Dibaaxii fi Bulan keessatti, Salaalee Onoota akka Darraa fi Warra Jaarsootti, Shaggar Lixaa Ona Daannoo fi Baakkoo Tibbeetti, Horroo Guduruu Wallaggaa Onoota akka Amuruu, Jaardagaa Jaartee, Horroo Bulluq fi Abbay Coomman, Wallagga Bahaa aanaa: Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Limmuu, Guutoo Giddaa fi Sibuu Siree keessatti dhumaatii lubbuu namootaa,  manca’iinsaa fi saamicha qabeenyaa kan raawwataa turee fi ammas raawwataa jiru waraana al-idilee bilxiginnaa maqaa faannootiin waamamu kana dha. Onoota faannoon gocha suukanneessaa kana raawwatu keessatti bulchitoonni godinaa fi onaa, hoogganoonni nageenyaa onootaa fi godina kanneenii shiftoota faannoo kanaaf meeshaalee waraanaa, dinagdee fi odeeffannoo dhiyeessuudhaan akka tumsan ummanni bakkoota kanneenii qabatamaatti bira gahuu dubbatu.

Akka fakkeenyaatti Fulbaana dabre keessa yeroo shiftoonni faannoo kun bulchiinsa magaalaa Agamsaa dabalatee gandoota ona Amuruu hedduu keessatti ilmaan Oromoo jumlaan ajjeesan bulchiinsi onichaa Obbo Faantaahun Taayyee qaamaan waliin hiriiree ummata Oromoo ficcisiisaa ture. Guyyoota muraasa booda yommuu ummanni onichaa gurmaa’ee of irraa lolee shiftoota kana injifatu bulchaan onichaa kun shiftootuma waliin gara daangaa Goojjamitti baqatee achi taa’ee jaarsummaaf nama ergataa ture. Bilchaan ona Kiiramuus Obbo Fiqaaduu Hundee haaluma kana fakkaatuun shiftoota faannoo waliin ummata onichaa fixuu ummanni ragaa qabatamaa qabuun himataa jira.

Kana malees shiftoonni faannoo kun yommuu Goojjam irraa gara Oromiyaatti as ce’an konkolaataa mootummaa kan koodiin isaa lakkoofsa 4 qabuun akka imalan namoonni ijaan argan ragaa bahu. Konkolaataa kanaan bakka irraa bakkatti socho’uun ummata ajjeesu, qabeenyas saamu. Waraanni idilee kan PP yoo faannoon dhufu dursee bakka gadhiisaaf ykn uffata jijjiirratee waliin ummata ajjeesa. Kun bakkoota hedduutti waan mul’ataa ooluu dha. Humni addaa Oromiyaa, raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa akkuma lola Tigiraay irratti faannoo waliin dabaalamanii lolaa turan, Oromiyaa keessattis yoo uffata waraanaa uffatanii ifatti waliin hiriiranii loluu baatan illee, uffata jijjiirratanii, deeggarsa meshaa waraanaa, odeeffannoo fi tumsa dinagdee gochuufiidhaan faannoo waliin Oromoo waraanaa jiran.

Ummata shiftaan faannoo qe’ee irraa buqqisee magaalaa keessatti dararamaa jiruunis, ‘shaneetu nu buqqise jedhaa malee faannoo maqaa hin balleessiinaa’ jedhanii doorsisu. Walumaa galatti, miindaa dhaabbataa ifatti kaffaluufii baatu illee faannoon waraana PP ti. Akkuma waraana isaa idileetti, yakka waraanaa faannoon ummata Oromoo irratti raawwatu kamiifuu bilxiginnaatu itti gaafatama.

Ummanni Oromoo ammas kan yeroo kamii iyyuu caalaa wal ijaaree diina karaa kamiinuu itti duulu of irraa qolachuuf qophii tahuu qaba. Sirna shiftoota maqaa adda adaatiin ijaaree duguuggaa sanyii isa irratti raawwatu kana tokkummaadhaan fincilee bakka maluufiif geessuun dirqama taha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO