Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa garagaraa irra jiran ummata keenya haala mulโatee hin beekneen dhumaa jiruu fi Oromiyaa dhabamaaf geessee jirtu baraaruu fi sagalee waliif taโuuf gamtaan waliin kaanee haa hiriirru jechuun yaamicha taasisan.
๐๐๐ซ๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐๐ง๐ง๐๐๐ง ๐๐๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐๐ ๐๐๐ซ๐๐ ๐๐ซ๐๐ ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ข๐ฅ๐ญ๐ฌ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ฎ๐ ๐ฎ๐ฎ๐ ๐ ๐๐ ๐๐๐ง๐ฒ๐ข๐ข ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐ฆ๐ฌ๐ข๐ฌ๐๐ฆ๐๐ ๐๐ข๐ซ๐ฎ ๐๐จ๐ซ๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ ๐ข๐ง๐๐ข๐ฅ๐ ๐๐๐ฅ๐ช๐๐๐๐ง ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐ฎ๐๐๐ง๐ข๐ข๐ซ๐ฎ.

Haaluma kanaan Mudde 05,2022 harโa Barattootni Oromoo magaalaa Naqamtee Daargee dabalatee manneen barnootaa adda addaa fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ajjechaa jumlaa humni goolessituu faannoo mootummaan hidhachiisamanii fi bobbaasaman lammiilee nagaa irratti raawwataa jiran akkasumas dhumaatii waraanni mootummaa Biltsiginnaa ummata Oromoo irraan gaโaa jiru mormuu fi balaaleffachuun hiriira diddaa dhoosanii jiran.
Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa 2ffaa hunda keessatti argaman, waliigalatti ammoo ummatni Oromoo kana caalaa taaโee waan eegu hin qabu; salphinni kana caalus hin jiru waan taโeef, gamtaan sagalee tokkoon, dhumaatii irraa of oolchuuf kaโee falmatuu qaba jechuun yaamicha dhiheessaniiru.
Oduuma walfakkaatuun hiriirri mormii barattootaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo manneen barnootaa hedduu keessatti guyyaa harโaa kan itti fufe yoo taโu, godinoota Harargee fi Arsii manneen barnootaa hedduu keessatti mormiin sirna Biltsiginnaa ummata Oromoo lafa irraa fixaa jiru irratti gaggeeffamaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.
Dhaabbilee barnootaa keessatti nyaata lagachuun diddaa mulโisuunis geggeessamaa jira.
Barattootni Oromoo Yunversitii Haramaayaa fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mudde 03,2022, ajjechaa, hidhaa, saamichaa fi waliigalatti dhumaatii jumlaa ummata Oromoo irratti geggeessamaa jiru balaaleffachuun sagalee diddaa dhageessisaniiru.
Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa garagaraa irra jiran ummata keenya haala mulโatee hin beekneen dhumaa jiruu fi Oromiyaa dhabamaaf geessee jirtu baraaruu fi sagalee waliif taโuuf gamtaan waliin kaanee haa hiriirru jechuun yaamicha gochuun isaanii kan yaadatamuu dha.
Barattootni Sadarkaa 2ffaa Abuunaa kumaan lakkaawwamanis haala hamtuu keessa taa’aanii barachuun itti ulfaannaan, ummata Oromoo guutuu Oromiyaatti dhumaa jiruuf, mufaatii fi aariin mormii fi fincilaa dhaggeesisuuf yaalaniiru.
Hedduun isaanii Sadaasa 27, 2022 ykn ALItti gaafa 18/03/2015 barnoota addaan kutanii gara mana jireenyaa isaaniitti kan galan yoo taโu, barattoota Oromoo guutuu Oromiyaa keessaa baratan Sadarkaa 2ffaa fi Yunvarsitiileen hundi gamtaan akka waldhagahuun ka’anii falmatan waamicha dabarsanii jiran.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *