Imaammata Bilxiginnaa, Kaabatti Nagaa, Oromiyaatti Waraana

<strong>Imaammata Bilxiginnaa, Kaabatti Nagaa, Oromiyaatti Waraana</strong>

Sirni Bilxiginnaa humna waraanaa guddaa Oromiyaatti guuraa jira. Oromiyaa dirree waraanaa gochuun imaammata sirnichaa ta’uun ibsame

Imaammata Bilxiginnaa, Kaabatti Nagaa, Oromiyaatti Waraana

Lola waggoota lamaatiin boodatti bakka bu’oonni bilxiginnaa fi ABUT/TPLF marii araaraa Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti geggeessaniin waliigaltee irra gahuun ni yaadatama. Waliigaltee kana hordofuun angawoonni Bilxiginnaa dhihoo kana magaalaa guddoo naannoo Tigraay kan taate Maqalee seenuun aangawoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay/TPLF waliin marii bal’aa taasisaniiru. Waraanni fi poolisoonni mootummaa federaalaas Maqalee qubsiifamaniiru. Waliigaltee marii araaraa hojii irra oolchuun sadarkaa dhumaatti waan dhiyaates fakkaata. Bu’uuruma waliigaltee sanaatiin tibbana meeshaalee gugurdoon hidhannoo Humna Waraanaa Ittisa Tigraayi turan garee to’attootaatti dabarsamuu jalqabuunis mul’ateera. Angawootni olaanoon naannoo Tigraayis dhihootti gara Finfinnee dhufanii Dr.Abiy Ahmed waliin walarganii ni mari’atu kan jedhus dubbatamaa jira.

Faallaa kanaa Oromiyaa keessatti ammoo lolatu akka falaatti bifa haaraadhaan labsame. Mataan  paartii PP Dr.Abiy Ahmad, paarlaamaa irratti, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin akka fedhii marii araaraa hin qabne dubbatuun ni yaadatama. Kan fedhii qabu karaa isaaf mijateen yaa’ee galee akka Bilxiginnaatti harka kennatu, kan dide ammoo lolaan dhabamsiifna jechuun ifatti duula waraanaa Oromiyaa irratti akka haaraatti labsan. Ibsi Raayyaan Ittisa Biyyattii yeroo darbe baases kanuma agarsiisa.

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin itti jiraniin akka furmaata hin fidne osoo beekanii maqaa WBO dhabamsiisuu jedhuun ummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii itti fufuuf bifa haaraan lola kana labsanii itti jiran. Lolli fala akka hin taane sirriitti beekan iyyuu, dhangala’uun dhiigaa Oromiyaa keessaa itti fufuu qabaan garuu ejjennaa Bilxiginnaa ta’uu gochi isaanii ammaa sirriitti mul’isa. Labsii lolaa kanaan ummata Oromoo fixuuf malee warra hidhatee socho’uu bal’eessuun akka hin danda’amne isaan caalaa kan beeku hin jiru.

Waraanni har’a akka haaraatti Oromiyaatti guuramaa jiru Oromoo irratti yakka waggoota shaniif hojjetamaa ture itti fufuun, duguuggiin sanyii irra bal’aan akka itti fufuuf qajeelfamaa fi ajaja paartii Bilxiginnaan kan bobba’aa jiruu dha. Humna waraanaa Kaaba ture, hidhattootaa fi poolisoota naannolee fi humni alagaa itti eda’amee waraanni biyyattiin akka waraanaatti qabdu yeroo ammaa kana Oromiyaatti duulchisamee jira. Oromiyaa nagaa dhorkuu, dirree lolaa taasisuu, dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasuu, lubbuu ilmaan Oromoo jumlaan baasuu, qe’ee Oromoo qe’ee boo’ichaa fi gaddaa taasisuu, manneenii fi qabeenya Oromoo barbadeessuun hojii waraana Bilxiginnaa Oromiyaa weeraree jiruu ti. Bu’aan waraanichaa isa kana yoo ta’e malee, humna hidhatee isaan lolu WBO homaa gochuu akka hin dandeenye ajajooti waraanichaa tolchanii beekan. Waan kana ta’eef, akeekni lolichaa Oromoo bal’eessuufi; Oromoo cabsuufi; akkuma jechaa turanii fi jiran Qurxummii dhabamsiisuuf galaana gogsuu imaammata jedhu hojiitti hiikaa jiran.

Addi Bilisummaa Oromoo weeraraa fi lola qinda’aa mootummaan Bilxiginnaa Oromiyaa irratti labse kana ilaalchisuun ibsa Amajjii 08,2023 baaseen, Ajjeechaan waggootaaf Oromiyaa mancaasaa ture, achiis Kaaba, Tigraayitti cehe, ammammoo humna guutuun gara Kibba Oromiyaatti fuula naanneffatuu addeessuudhaan, ‘Humna Qindaa’aa’ jedhamee kan waamamu, Humna Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Humna Poolisii Addaa Naannoo, Poolisii Federaalaa fi Faannoo of keessatti hammate “The so-called ‘Coalition Force, which constitutes Ethiopian National Defense Force” kallattiiwwan garagaraatiin gochaa ajjeechaa cigaasisaa isaanii irra deebiin jalqabuu hubachiise. 

Adda Waraanaa Baha Oromiyaa, Fantaallee fi Boosat keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi ‘Humna Qindaa’aa’ kana gidduutti waraana jabaan gaggeeffamaa jiraachuu kan beeksise ibsi ABO kun, Adda waraanaa Gujiitti, oppireeshinii guddaan adeemsifamaa jiraachuu fi kunis waraana jabaa hordofsiisuu ibse. Oromiyaa Lixaatti, ‘Humnootni Qindaa’oo’ lakkoofsaan hedduu ta’an Matakkaliin weeraranii, Laga Mormor karaa Agamsaa cehuun ajjeechaa itti fufanii jiraachuu kan hubachiise ABOn, Shawaa Kaabaa, Gidduugala Oromiyaatti, duulli wal fakkaataan naannolee Salaalee fi Meettaa keessatti adeemsifamaa jira jedheera.  Waraana hin barbaachifne kanaanis namootni nagaa hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii rraa buqqa’aa akka jiran, dubartootni, daa’immanii fi maanguddootni akka maleetti akka miidhamanii fi dirree irratti faca’an ibsameera.

Dhibdee siyaasaa fi walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa, Oromiyaa keessatti uumame kanaaf furmaatni tokkichi, Furmaata SIYAASAA ta’uu irra deddeebiin beeksisaa turreerra kan jedhe ABOn ibsa isaa kanaan, furmaatni waraanaa, goolama sodaa dhaloota kanaa qofa osoo hin taane, biyyattii hiyyeettii addunyaa kanaa taate kanaaf godaannisa dhalootaa uumee, gara diigamuutti akka ishee geessu dhugaa jiru mul’ise.

Gaaffii abbaa biyyummaa dargaggoota Oromoo bosonatti galcheef deebii siyaasaa barbaaduutu qaroomina malee, humni furmaata hin fidu. Humni humna akka dhalchu warri PP seenaa qabsoo ummatootaa fi loloota impaayerattii kana keessatti deemaa turan if booda deebi’anii yaadatuu isaan barbaachisa. Ummata Oromoo ajjeesuu, manaa fi qabeenya isaa gubuu, jumlaan hidhuu fi dararuu dhiisanii gaaffii ummataa fi qabsaawota Oromoo deebisuutu fala dha. Afaan qawwee takkaa gaaffii ummata tokkoo ukkaamsee, humna ummataas cabsee jiraatee hin beeku; dhuma irratti kan dhabamu abbuma irree isa humnaan yaaduu dha.  

Sirni kun aangoo fi garaa isaaf jecha ilaalcha sirna nafxanyummaatiin Oromoo cunqursuu fi lafa Oromiyaa weeraruu malee waan Oromoon gaafatu dhaga’uu hin fedhu. Sirni akkanaa gaaffii Oromoo ni deebisa jedhanii eeggachuunis of gowwomsuu dha. Oromoon sirna kana irra abdii kaawwatuu fi mootummaa kiyya jedhee abdatuu hin qabu. Sirnichii fi mootummichi isa Oromoof ta’uu fi isa Oromoon kiyya jedhu akka hin taane yakka baay’ee fi gochoota fokkisoon Oromootti agarsiiseera. Kanaaf Oromoon sirna kana irraa waan abdatu tokkollee hin qabu.

Sirna akkasii ammoo jala taa’uu osoo hin taane irratti qabsaawuudhaan of irraa jijjiiranii mootummaa ofii dhaabbachuu dha. Bilisummaa fi Abbaa biyyummaa ofii mootummaa mirkaneessuu fi iggitii itti godhu ijaarrachuu dha. Sanaaf ammoo har’as boris furmaatni QABSOO qofa.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO