๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐๐ข๐ฅ๐ฑ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐š๐š ๐ฆ๐š๐ช๐š๐š ๐–๐๐Ž๐Ÿ ๐ง๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š ๐ฅ๐š๐š๐ญ๐ญ๐š๐ง, ๐๐ž๐ ๐ ๐ž๐ซ๐ญ๐š๐ง ๐ฃ๐ž๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐ง๐š๐ ๐š๐š ๐ก๐ข๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ๐ข ๐ช๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ฌ๐š๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐ฃ๐š๐›๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ž๐ž ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐Ÿ๐ฎ๐Ÿ๐ž๐ž๐ซ๐š.

Ummata nagaa hidhuu fi qabeenya saamuun bal’inaan itti fufeera.

๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐๐ข๐ฅ๐ฑ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐š๐š ๐ฆ๐š๐ช๐š๐š ๐–๐๐Ž๐Ÿ ๐ง๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š ๐ฅ๐š๐š๐ญ๐ญ๐š๐ง, ๐๐ž๐ ๐ ๐ž๐ซ๐ญ๐š๐ง ๐ฃ๐ž๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐ง๐š๐ ๐š๐š ๐ก๐ข๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ๐ข ๐ช๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ฌ๐š๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐ฃ๐š๐›๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ž๐ž ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐Ÿ๐ฎ๐Ÿ๐ž๐ž๐ซ๐š.

Godina Lixa Shaggar Ona Amboo ganda Xulee keessatti mootummaan Bilxiginnaa ummata nagaan WBOf nyaata laattan, tumsa gootaniif ittiin jechuun dubartoota dabalatee namoota hedduu mana hidhaatti guuraa fi qabeenya isaaniis saamaa jira.

Haaluma kanaan Obbo Biqilaa Kafanii jalaa miโ€™a mana keessaa hunda konkolaataatti feโ€™achuun oggaa duraa saaman, haadha warraa isaa Aadde Qananii Baayโ€™isaa mucaa ishee jiโ€™a hin guutne waliin akkasumas Aadde Bashuu Shabburaa jedhaman hidhanii jiran. Kana malees bulchiinsi mootummaa Bilxiginnaa magaalaa Ambootti kan argamu mana Obbo Biqilaa Kafanii kutaa 12 boorrataan (Doozaaraan) jalaa diiguu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru.

Obbo Geetaachoo Galaanaa kan jedhaman jalaa miโ€™a mana keessaa guutuutti yeroo jalaa feโ€™atan, haadha manaa isaa Aadde Dammee Addisuu duraa hidhuu maddeen keenya dabaluun ifa godhaniiru.

Obbo Caalaa Fayyeeraa kan jedhaman jalaa ammoo miโ€™a mana keessaa alatti gadi guuruun mana isaa erga gubanii barbadeessanii booda, haadha warraa isaa Aadde Caaltuu Bokonaa duraa hidhuu maddeen keenya ifa godhu.

Kana malees, maanguddoo biyyaa kan taโ€™an Obbo Damisee Immiruu fi haadha warraa isaanii Aadde Zawudituu Guddataa jedhamanis qabanii akka hidhan ibsameera.

Akkasumas Aadde Xuuree Haayiluu fi haadha daaโ€™ima haraasaa Aadde Warqituu Ilaalii jedhaman qabanii hidhuun hiraarsaa akka jiran maddeen keenya ifa godhu.

Namootni maqaa WBOf nyaata laattanii fi tumsa gootaniif jedhamuun mootummaa Bilxiginnaan qabaman kunniin yeroo ammaa magaalaa Amboo keessatti hidhamanii gidirsamaa akka jiran beekuun dandaโ€™ameera.

Sirni Bilxiginnaa dubartoota daaโ€™imman waliin akkasumas jaarolee biyyaa hidhaatti guuruun yakka suukanneessaa hawaasa Oromoo irratti raawwatu itti fufee jira.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO