Obbo Taakkalaa Uumaa Washington DC. keessatti itti roorrisame
Obbo Taakkalaa Uumaatti Roorrisamuun dhagaโame
Ministeera Albuudaa kan turan Obbo Taakkalaa Uumaa magaalaa guddoo biyya Amerikaa kan taate Washington DC. keessatti itti roorrisamuun mulโate.
Obbo Taakkalaan Amajjii 14,2023 aangoo ministeerummaa isaanii irraa kan geggeessaman yeroo taโu, amma dhimma maalii fi dirqama hojii mootummaa sadarkaa maaliitiin gara Amerikaa akka deeman kan hin ibsamin jiru taโuu kan himan maddeen, dhuunfaan deemanii fi hojii mootummaaf haa taโuu ammatti waan adda baasame akka hin jirrellee hubachiisu.
Namootni Obbo Taakkalaa Uumaa bakka isaan taaโanii shaayee dhugaa jiranitti itti seenuun arrabsoo fi dheekkamsaan itti roorrisan kun haga isaan bakka taaโanii gadi baโanii deemanitti illee duukaa deemanii arrabsaa akka turan suur-sagaleen (vidiyoon) mul’atu ni ibsa. Namootni kun Itophiyaanota Afaan Amaaraa dubbatan taโuus maddeen DC ifa godhu.
Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *