Hoogganootni mana amantichaa hiriira waamaa fi fincila labsaa jiru.
Finxaaleyyiin Mana Amantaa Da’annoo Siyaasaa Godhachuun Jeequmsaa Uumaa Jiru.

Akka seenaan jedhutti bara mootummaa warra Aksum, bara mootii Izaanaatti, jaarraa 4ffaa keessa amantiin Ortodoksii gara dachii Kuushotaa, kan booda kana maqaa Itoophiyaatiin waamamtu kana seene. Bara jalqaba seene irraa eegalee waggoota 1000 (jaarraa 10) oliif amantichi kan ummataa osoo hin taane kan mootototaa fi maatii isaanii qofa akka ture ragaaleen ni ibsu. Hanga dhuma jaarraa 19ffaa hundeeffama impaayera Itoophiyaatti kutaalee gara Kaabaatti hordoftoonni amantichaa babal’atanis hooggansi amantichaa guutummaatti harka mootolee kutaalee Kaabaa bulchanii ture.
Hundeeffama impaayera Itoophiyaatiin boodattis bara Minilik irraa hanga kufaatii Hayilesillaaseetti bulchitootni impaayerichaa mana amantaa kanas bulchaa turan. Aangoon amantaa fi siyaasaa guutummaatti bakka tokkichatti hoogganamaa ture. Amantaan bulchitoota impaayerattii Ortodoksii tahuu ifatti labsamee impaayerattiin ittiin bulfamaa turte. Ulaagaan Itoophiyummaa inni guddaanis hordofaa ykn hordoftuu amantaa kanaa ture.
Yeroo jalqabaaf bara 1974 sirna Dargiitu amantaa fi mootummaan akka gargar bahu labse. Tahullee jibbiinsi sanyummaa, olaantummaan saba tokkoo amanticha keessatti akkuma duraatti aadeffatamee itti fufe. Afaan ittiin lallabamuu fi kadhatamus Gi’iizii fi Afaan Amaaraa qofa tahee hanga yoonaa ture. Minilik akka ergamaa Rabbii ykn Waaqa taheettis mana amantaa keessatti faaruun faarfamaaf.
Haala kanaan yeroo gara garaatti ilmaan Oromoo amanticha hordofanii fi hooggansa keessaa hirmaannaa qaban, Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin tajaajilli mana amantichaa hundi akka kennamu yeroo adda addaatti gaafataa turanis deebii kennuu diduun namoota gaaffii kana kaasan irratti dhiibbaa geessisaa turaniiru. Qeesonnii fi tajaajiltoonni mana amantichaa Oromoo tahan sababa gaaffii kanaatiin ajjeefamanis ni jiru.
Gaaffii kana hordofuun gaafa Amajji 23, 2023 hooggantoonni mana amantichaa walitti dhufuun Sinodoosiin Oromiyaa fi Sabaa fi Sab-lammootaa hundeessuun Phaaphaasota 26 kutaalee lallaba adda addaa Oromiyaa fi Ummatoota Kibbaatti ramade. Haalli kun warra olaantummaa siyaasa saba tokkoo amanticha keessatti eegan rifaasise. Ummanni Oromoo fi saboonni cunqurfamoo biroon, afaan isaaniitiin akka tajaajila amantaa kanaa argataniif caasaan kun diriiruun, warra cunqurfamuu ummataa irraa bu’aa argamuun jiraatan gara fincilaatti galcheera. Guyyaa irraa guyyaatti ibsa baasuun amantaa da’oo godhachuun fincilaaf ummata kakaasaa jiru. Mallattoo gaddaa jechuun guyyoota sadiif (Guraandhala 6-8) uffata gur’aacha akka uffataniif hordoftoota amantichaaf labsan. Phaaphaasonni Oromiyaa fi Ummatoota Kibbaatti ramaddii fudhatan, gara bakka ramaddii isaanii akka hin dhaqneef akka ummanni itti fincilee dhorku labsii baasan. Manni amantii sagalee rukuttaa bilbilaa dhageessisee akka ummata fincilaa fi lolaaf waamus labsaniiru. Kana hordofuun, walitti bu’iinsi miidhaalee gurguddaa hanga lubbuu baasuutti dhaqqabsiise bakka adda addaatti raawwatameera.
Shaashamanneetti gaafa Guraandhala 04,2023, mana amantaa keessatti hokkara ka’een lubbuun namoota lama badeera. Guyyuma san Ciroottis fincila gareen finxaaleyyii labsaniin miidhaan qaama namaa fi qabeenya irra gaheera. Finfinnee kutaa bulchiinsa Kolfee karaa daandii gara Gafarsa Noonnoo geessu irratti finxaaleyyiin Amaaraa amantaa da’oo godhatan daandii cufuudhaan hokkara uumanii dhalattoota Oromoo irratti lola banuun miidhaa namaa fi qabeenya irratti dhaqqabsiisaniiru. Akkasuma guyyaa kaleessaas, Guraandhala 09,2023 Finfinnee bakka Ayyar Xeenaa jedhamutti fincila gareen kun kaaseen gaaga’amni uumameera. Ammas jeequmsi kun hammaatee itti fufee jira.
Hoogganootni mana amantichaa hiriira waamaa fi fincila labsaa jiru. Dilbata fuuldura keenya jiru, Guraandhala 12,2023 ykn akka lakkofsa impaayerattiitti Guraandhalaa 05,2015 hiriirri guddaan maqaa ‘Hiriira Wareegamaa’ ykn “Masiwaatinnet Self” jedhu hooggansa mana amantichaatiin waamameera.
Kaleessa galgala mootummaan ibsa baaseen hiriirri geggeeffamuu akka hin dandeenye gadi jabeessee ibsus, battalumatti manni amantichaa hiriiricha gonkuma hafuu akka hin dandeenye ibsa baasuun deebii kenne. Adeemsichi adeemsa fonqolcha mootummaatti waan deemu fakkaata. Bilxiginnaan murna finxaaleyyii kanaaf da’oo kennaa fi tumsaa turus, akka isaan yaadanitti gahumsaan Oromoo dhabamsiisuu hin dandeenye jedhanii waan yaadaniif, bilxiginnaa fonqolchanii akka fedhii isaaniitti Oromoo bal’eessuuf abjuu isaanii mikeessuuf carraaqaa jiru. Da’annoon siyaasa isaanii mana amantaa kana waan taheefis, kara mana amantaa ummata ijaaranii jeequmsaaf kakaasaa kan turan amma ifatti lola labsaniiru.
Mana amantaa kana da’oo siyaasaa guddicha godhachuun ummatoota biyyattii kan cunqursaa fi qabeenya saamaa turan, ammas faayidaa siyaasaa fi aangoo karaa amantii kana argachuu baran barbaaduutti jiru. Yeroo adda addaatti meeshaalee waraanaa xixiqqaa hanga gurguddaatti mana amantaa kana keessatti kuufachuun ittiin ummata fixaa turuun ni yaadatama. Meeshaaleen kun eeruu ummataatiin mana amantaa keessatti qabamuu miidiyaaleenis gabaasaa turuun ni yaadatama. Torbanuma kana keessa magaalaa Shaashamaanneetti yeroo finxaaleyyiin kun jeequmsa kaasanitti mana amantaa keessaa bireenii fi shugguxii hedduun argamuu miidiyaaleen ragaa waliin gabaasaniiru.
Mana amantaa kana keessatti leenjiin faannoof kennamaa akka tures ragaaleen suur-sagalee ba’aa turaniiru. Baatii Fulbaanaa dabre keessa, Gadaamii magaalaa Finfinnee, Boolee Bulbulaatti argamu keessatti dargaggoonni Amaaraa Faannoo jalatti gurmaa’an leenjii waraanaa osoo fudhatanii suur-sochiin isaanii daawwatameera. Meeshaaleen waraanaa hedduunis achi keessaa argameera. Loltootni Faannoo uffata qeesii fi fannoo amantaa qabatanii ummata irratti miidhaa dhaqqabsiisuuf osoo socho’anii meeshaalee waraanaa waliin qabamaa turuu kan mootummaa dabalatee miidiyaaleen adda addaa gabaasaa turaniiru.
Walumaagalatti, manni amantichaa dur irraa jalqabee wiirtuu siyaasaa fi olaantummaa Amaaraa waan tureef, manneen amantichaa mankuusaa meeshaalee waraanaa, mooraa leenjii loltummaa fi da’oo siyaasa finxaaleyyii Amaaraa guddicha taheera. Sinodoosiin Oromiyaa fi kan Sabaa fi Sab-lammootaas kana hambisuuf hundeeffamee hojiitti seene. Oromiyaa bakkoota hedduuttis Phaaphaasota haaraa muude erguun ummannis haala ho’aa taheen simannaa godhaafii jira. Murni finxaaleyyii Amaaraa amantichatti dhimma bahee qabeenya biyyattii saamaa, ummata cunqursaa fi olaantummaa siyaasaa ittiin eegsifataa ture, hundeeffama Sinodoosii kanaatiin dantaalee qabaataa ture kanneen mara waan dhabuuf lola ijibbaataa labsiidhaan eegalee jira.
Ummanni Oromoo fi saboonni cunqurfamoon osoo madaalaa fi mirga amantii hin tuqin murna amantaa da’oo godhatee isa cunqursaa turee fi ammas itti fufuuf dhama’u kana of irraa dhaabuu fi caasaa isaanii of irraa mancaasuu qaba. Adeemsa dambii ittiin bulmaata amantichaatiin alatti warra natu siif beekaatiin amantaa keessaan siyaasa gita bittaa geggeessan saaxiluu fi hojimaata isaanii dhabamsiisuun dirqama ummata irraa eegamuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *