Sirnichi dinagdee kufee fi jireenya qaalawe tasgabbeessee ummata jireenyi itti hadhaaweef fala soquu irra, siyaasa isaa tarkaanfachiisuuf, bara aangoo isaa dheereffachuuf hojjeta; jeequmsa uuma; lola babalโisa.
GARRI ITTI DEEMAMU HAALAAN RAKKISAA DHA
Sirni jiru sirna akkamii akka taโe kan yeroo darbanii hafee kanumti as kaluu kanaa iyyuu caalaatti ibsee mulโisa.
Taateen biyya kana keessatti guyyaatti, torbanitti, jiโatti achi irraas waggaatti taโaa oolan madaala mootummaa kanaa ibsan.
Karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan jiruu fi jireenyi ummatoota biyya kanaa waggoota afuran darbanii bakkumti irraa qabanii dubbatanuu hin jiru. Kamtu kam irra wayyaa adda baasuun hin salphatu.
Jireenyi ummatootni keessa jiran dhugaa dubbachuuf jireenya jedhanii himuudhaaf ni ulfaata. Hawaasni galii fi jireenyi isaa gad-aanaa taโe, kan jireenyi isaa harka irraa gara afaanii mallii fi akki jireenyaa harkaa babbade miliyoonaan shallagamu magaalaa Finfinnee dabalatee guutuu biyyattii muddee jira. Innumti jireenyaan sadarkaa giddu-galeessaa irra jira jedhamu iyyuu amma sadarkaa guumgumaa deemuu irra gaโeera. Kun haqa lafa irratti mulโataa jiru.
Jeequmsi siyaasaa, waraanaa, rakkoon dinagdee fi hawaasummaa biyya kanaa hundeen furamu malee biyyattiitti guddinni hin argamu; jireenyi ummataas hin wayyaaโu.
Sirnichi dinagdee kufee fi jireenya qaalawe tasgabbeessee ummata jireenyi itti hadhaaweef fala soquu irra, siyaasa isaa tarkaanfachiisuuf, bara aangoo isaa dheereffachuuf hojjeta; jeequmsa uuma; lola babalโisa.
Hongee fi Beelli ammaantana ummata keenya Booranaa akkaan hubaa jiru, madda jireenya isaa kan taโe beeyladootaa fi loowwan isaa miliyoonaan akka baalaa harcaase xiyyeeffannaa mootummaa dhabuu irraa ti malee, waggoota sadan arfan dabran osoo mallii fi falli walitti fufiinsaan kaaโameeraaf taโee balaan hanga kana gahu hin dhaqqabu ture. Xiyyeeffannaan sirna PP garuu aangoo isaa tikfatuuf lola babalโisuun qabamuu ture.
Rakkoo siyaasaaf furmaata siyaasaa dhugaa taโe barbaaduu fi kanaafis of qopheessuu irra harโa illee filannoon isaa lola babalโisuu dha.
Nagaa lallabuun hunda biratti jaallatamaa taโu illee, sirnichi mallattoo nageenya barbaaduu isaa mulโisan tokko illee agarsiisuuf fedha hin qabu.
Harโa dabalataan Oromiyaatti waraanatu guuramaa jira. Hidhamuu fi ajjeesamuun lammiilee nagaa irraa hin dhaabbatne. Kunniin mallattoo nageenya barbaaduu osoo hin taane daran rakkina babalโisuu isaa agarsiisa.
Mootummaan Bilxiginnaa daandii waliin dhahiinsa siyaasaa fi gowwoomsaa shiraa qabatee jiru irraa deebiโee haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu irratti hundaaโuun rakkoo siyaasaa jiru furuuf dhugaan yoo gadi hin teenye, gama siyaasaan, dinagdee fi hawaasummaan rakkooleen jiran kan daranii taโuun biyyattii fi ummatoota dhidhima buusuun waan hin oolle.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *