Sirnichi dinagdee kufee fi jireenya qaalawe tasgabbeessee ummata jireenyi itti hadhaaweef fala soquu irra, siyaasa isaa tarkaanfachiisuuf, bara aangoo isaa dheereffachuuf hojjeta; jeequmsa uuma; lola babal’isa.
GARRI ITTI DEEMAMU HAALAAN RAKKISAA DHA
Sirni jiru sirna akkamii akka ta’e kan yeroo darbanii hafee kanumti as kaluu kanaa iyyuu caalaatti ibsee mul’isa.
Taateen biyya kana keessatti guyyaatti, torbanitti, ji’atti achi irraas waggaatti ta’aa oolan madaala mootummaa kanaa ibsan.
Karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan jiruu fi jireenyi ummatoota biyya kanaa waggoota afuran darbanii bakkumti irraa qabanii dubbatanuu hin jiru. Kamtu kam irra wayyaa adda baasuun hin salphatu.
Jireenyi ummatootni keessa jiran dhugaa dubbachuuf jireenya jedhanii himuudhaaf ni ulfaata. Hawaasni galii fi jireenyi isaa gad-aanaa ta’e, kan jireenyi isaa harka irraa gara afaanii mallii fi akki jireenyaa harkaa babbade miliyoonaan shallagamu magaalaa Finfinnee dabalatee guutuu biyyattii muddee jira. Innumti jireenyaan sadarkaa giddu-galeessaa irra jira jedhamu iyyuu amma sadarkaa guumgumaa deemuu irra ga’eera. Kun haqa lafa irratti mul’ataa jiru.
Jeequmsi siyaasaa, waraanaa, rakkoon dinagdee fi hawaasummaa biyya kanaa hundeen furamu malee biyyattiitti guddinni hin argamu; jireenyi ummataas hin wayyaa’u.
Sirnichi dinagdee kufee fi jireenya qaalawe tasgabbeessee ummata jireenyi itti hadhaaweef fala soquu irra, siyaasa isaa tarkaanfachiisuuf, bara aangoo isaa dheereffachuuf hojjeta; jeequmsa uuma; lola babal’isa.
Hongee fi Beelli ammaantana ummata keenya Booranaa akkaan hubaa jiru, madda jireenya isaa kan ta’e beeyladootaa fi loowwan isaa miliyoonaan akka baalaa harcaase xiyyeeffannaa mootummaa dhabuu irraa ti malee, waggoota sadan arfan dabran osoo mallii fi falli walitti fufiinsaan kaa’ameeraaf ta’ee balaan hanga kana gahu hin dhaqqabu ture. Xiyyeeffannaan sirna PP garuu aangoo isaa tikfatuuf lola babal’isuun qabamuu ture.
Rakkoo siyaasaaf furmaata siyaasaa dhugaa ta’e barbaaduu fi kanaafis of qopheessuu irra har’a illee filannoon isaa lola babal’isuu dha.
Nagaa lallabuun hunda biratti jaallatamaa ta’u illee, sirnichi mallattoo nageenya barbaaduu isaa mul’isan tokko illee agarsiisuuf fedha hin qabu.
Har’a dabalataan Oromiyaatti waraanatu guuramaa jira. Hidhamuu fi ajjeesamuun lammiilee nagaa irraa hin dhaabbatne. Kunniin mallattoo nageenya barbaaduu osoo hin taane daran rakkina babal’isuu isaa agarsiisa.
Mootummaan Bilxiginnaa daandii waliin dhahiinsa siyaasaa fi gowwoomsaa shiraa qabatee jiru irraa deebi’ee haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu irratti hundaa’uun rakkoo siyaasaa jiru furuuf dhugaan yoo gadi hin teenye, gama siyaasaan, dinagdee fi hawaasummaan rakkooleen jiran kan daranii ta’uun biyyattii fi ummatoota dhidhima buusuun waan hin oolle.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *