Dhugaa yo dubbanne Oromoof jijjiiramni sirna PP jalatti dhufe hin jiru.
Diraamaa Gamaa fi Gamanaa

Hiriirri gamaa fi gamanaa kun Oromoo waan fayyadu hin qabu. Paartiin PP waggoota shanan darban kana jijjiirama ajaaโibaa waan argamsiiseef baโaa na deggeraa jedhee deggertoota isaa hiriira baasuuf yoo yaalu mulโataa jira.
Nafxanyootni, finxaaleyyiinii fi deggertootni isaanii ammoo Itophiyaa dullattii isaanii durii fi sirna fokkisaa kaleessaa san Oromootti deebisuuf bulchiinsa waggoota shanan darbanii bara bittaa PP balaaleffatu. Diraamaan agarsiisamaa jiru ajaaโibuma!
Dhugaa yo dubbanne Oromoof jijjiiramni sirna PP jalatti dhufe hin jiru. Mee maaltu Oromoof argame.
Waggaan shan barri bittaa PP Oromoof dhuguma bara jijjiiramaa fi Oromoon waan irra wayyaโaa argatee dha moo bara itti akka baalaa harcaโee dha? Qeโeen Oromoo hundi qeโee booโichaa fi gaddaa taโee hin jiruu? Duuti, buqqaatiin, hidhaan, baqi, diigumsi akka hawaasaatti baroota shanan darban kana Oromoo mudate galmee seenaa keessaa ifee mulโata. Siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaan baroota kana Oromoon akka hin jirre taโe.
Bilxiginnaan harโayyuu Oromoo dhiigsaa jira; qeโee Oromoo gaddaan uwwisee jira; Oromoo saamee hiyyoomsaa jira; Oromoo jumlaan hidhaatti guuraa jira. Sab-boontota ilaalcha siyaasaa isaanii qofaan hidhaan gidirsaa jira. Miseensota, qondaalotaa fi hoggantoota ABO hidhaa keessatti itti taphataa jira.
Sochii dhaabota Oromoo warra ummata biratti dhageettii fi fudhatama qaban ugguree gadi qabaa siyaasaa guddaa irraan gaโaa ture; harโas itti caale malee irraa hin wayyoofne.
Rakkoo siyaasaa jiru dhaabota Oromoo haqaan ummata isaaniif falman akka ABO faa waliin gadi taaโee furuuf fedha hin qabu. Dhugaatti araara buusee mooraa Oromoo keessatti tasgabbiin akka buโuuf murannoo fi hamilee isaa itti hin qabu. Tooftaa yeroo fi kan yeroo rakkinaa ittiin darban godhatee afaaniin waaโee Oromiyaa fi ummata keessatti nagaa buusuu dubbata. Isa kana aka tooftaa yerootti itti dhimma baโaa jira malee dhuguma Oromoo fi dhaabota Oromoo waliin nagaa buusuuf barbaadee akka hin taane deemsi shiraa itti jiru ni mulโisa.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *