Guyyaan Gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa, Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala hoโ€™aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan Gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa, Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala hoโ€™aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo Edmenten, Kanadaatti Yaadatamee oole

Guyyaan Gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa, Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala hoโ€™aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan Gootota Oromoo waggoota kurnan afur dura jaarmiyaa ABO dhaan ayyana guddaa yaadatamee oolu taโ€™ee erga murtaaโ€™ee kaasee haala garagaraan kabajamaa yoona gaโ€™eera.

Keessattuu baroota 1980taa kaasee hanga jalqaba 1990tti WBO, Miseensota ABO fi deggertootaan kan kabajamaa turee dha. Haa taโ€™u malee bara 1990 walakkeessa irraa kaasee ummatni Oromoo guyyaa yaadannoo kana akka ayyaana ummata Oromoo balโ€™aatti fudhatuun kabajaa jira. Bara kanas Jaarmiyaan ABO biyya alaa deggertootaa fi hawaasa Oromoo waliin konyaa konyaan kabajataa jira.

Buโ€™uuruma kanaan Konyaan Gadaa Bilisummaa Oromoo ayyana kana hawaasa Oromoo magaalaa Edmenten jiru waliin Caamsaa 13 bara 2023 kabajatee jira. Guyyaa yaadannoo Gootota Oromoo kana irrattis qondaaloonni ABO, geggeessitoonni waldaa hawaasaa, abbootiin amantaa fi qaamotni garagaraa hawaasa Oromoo taโ€™an argamuun qooda fudhatanii jiru.

Guyyaa kana keessummaa kabajaa taโ€™uun kan haala guyyaa kanaa hawaasa argameef ibsa kennan Jaal Shaamil Aliyyii Miseensa Gumii Sabaa ABO fi Qabsaaโ€™aa gameessa qondaala ABO kan taโ€™an Jaal Araarsoo Abbaa Humnaa turan.

Kessummoonni kabajaa kunis guyyaa goototaa kana yaadachuun waan barbaachiseef kaayyoo gootonni Oromoo irratti wareegaman galmaan gaโ€™uuf yeroo haalli waan nu gaafatu itti gumaachinu taโ€™uu dhaaman. Keessattuu yeroo ammaa haala qabatamaa qabsoon bilisummaa Oromoo irra jiru, haala qaxxaamuraa kana irratti irbuu goototaa yadatuun murteessaa dha jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n akeeka siyaasaa gaaffii Oromoo deebisu qabatee qabsoo geggeessaa harโ€™a gaโ€™e keessatti wareegama hedduu kaffalee jira; wareegamni kaffalame kunis firii isaa akka agarsiisuuf hunduu gaโ€™ee nu irraa eegamu baโ€™achuu akka qabnus eeraniiru.

Guyyaa kana kan argaman qaamota hawaasaa keessaa tokko kan taโ€™e waldaan hawaasa Oromoo guddichi Gamtaan Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaas karaa bakka buโ€™aa isaa Jaal Darajjee Galataatiin dhaamsa dabarfataniiru. Jaal Darajjeen konyaa qophii kana qopheesse galateeffachuun guyyaan kun (Ebla 15) guyyaa akka Oromootti kabajuu qabnu taโ€™uu heeruun akka Oromootti wareegama kaffalame galmaan gaโ€™uuf ijaarsa waldaa hawaasaa fi jaarmiyaalee waltumsuu akka qabu ibsuun guyyaa kana gara fuula duraatti konyaa ABO fi hawaasni waloon bifa qindaaโ€™aa taโ€™een akka qopheessan hubachiisuun dhaamsa waldaa hawaasaa dabarfatan.

Yaadannoo Guyyaa Goototaa kana irratti kan argaman qaamooleen hawaasaa haala yeroo irratti yaadaa fi gaaffii dhiheeffatuun qooda fudhataniiru. Yaada ijaaraa hawaasa irraa kaโ€™aa ture keessatti, keessaayyuu hogganootaa fi qondaalota Adda Bilisummaa Oromoo mana hidhaa jiran haal-duree malee akka hiikaman dhiibbaan godhamaa jiru xiqqaa waan taโ€™eef, cimuu akka qabu gaafatuun, araara deemaa jiru keessattis akka haal-dureetti kaโ€™uu akka qabu yaada kennataniiru.

Gama biraan hirmaatnaa hawaasaa fi sochii jaarmiyaa ABO sadarkaa konyaatti jiru ilaalchisee gaaffii kaaโ€™aniif qondaalotni kutaa deebii gaโ€™aa kennaniiru. Hirmaattotnis ABOn akka jaarmiyaa utubaa qabsoo Oromootti hojii mulโ€™ataa godhaa jiru cimsee akka itti fufu dhaammachuun yaada kennataa turan.

Haawwan guyyaa kana sirna kana irraa qooda fudhatan keessaa haati warraa Jaal Araarsoo Abbaa Humnaa, goota lubbuun jiru keessaa tokko abbaa manaa koo dha; waan keessa darbe qajeelcheen beeka jechuun kennaa suuraa Jaal Araarsoo Abbaa Humnaa, hogganoota ABO mana hidhaa jiranii fi Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa haftee qabsaawotaa qabu badhaastee jirti. Jaal Araarsoo Abbaa Humnaas kennaa kana konyaaf dabarsanii kennuun konyaan Gadaa Bilisummaa Oromoos caal-baasiitti dhiyeessuun galiin irraa argame akka jaarmiyaadhaaf oolu taasisan. Caal-baasi kanas suuraa seena-qabeessa kana namaaf dabarsinee hin kenninu jechuun Waldaan Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaa qarshii $ 2000.00n moโ€™achuun fudhatan.

Bakka buโ€™aa Waldaa Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaa taโ€™uun kan caal-baasii kana dura taโ€™aa Konyaa Gadaa Bilisummaa irraa fudhatan dura taaโ€™aan Boordii Waldaa Hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaa Obbo Zaakir Abbaa Maccaa haasaa taasisaniin, guyyaan kun kaleessa gootonni Oromoo wareegama kaffaluun akka harโ€™a geenyu kan itti taasisan, tokkummaa isaanii eeggachuun akka taโ€™e hubachiisuun, Oromoon tokkummaa isaa cimsatee haala amma jiru keessaa baโ€™uu qaba jedhan. Miseensonni qophii kana qopheessanis galateeffamuu qabu jechuun waan Oromoon dhabe walumaan akka Oromootti falmachuu nu feesisas jedhan. Keessattuu dhimmi hidhamtoota hogganoota/qondaalota Oromoo kun guddoo yaaddessaa dha; Oromoon xiyyeeffannoo itti kennuun dhiibbaa barbaachisu gochuutu irraa eegama jedhanii dhaamsa dhama qabu dabarfatan.

Haawwan Oromoo magaalaa Edmentenitti argaman nyaatni aadaa qopheessan caal-baasiitti dhiyaatuun galiin irraa argames akka jaarmiyaadhaaf oolu dhaammataniiru.

Dhuma irratti dura taaโ€™aa Konyaa Gadaa Bilisummaa Oromoo kan taโ€™an Jaal Abdiisaa Jafee hawaasa sagantaa kana irraa qooda fudhatan galateeffachuun Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromoo kun goolabameera.

Gabaasaa suur-sagalee guutuu ammoo qophii addaa fuula duratti dhiheessinuun kan qabannee dhihaatnu taโ€™uu beeksisna.

Kan gabaase Raajii Guddataa, Edmenteenย irraa

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO