Mirga Sabootni Qabsoo Isaaniin Argatan Sharafuuf Yaaluun Ibidda Hin Dhaamne Qabsiisuu Dha.

Mirga Sabootni Qabsoo Isaaniin Argatan Sharafuuf Yaaluun Ibidda Hin Dhaamne Qabsiisuu Dha.

Aggaammiin kun utubaalee sirna federaalaa sabdaneessaa kanneen ta’an mirga birmadummaa sabootaa, mirga hiree ofii ofiif murteeffachuu, hundeeffama naannolee afaanii fi eenyummaa bu’ureeffate, mirga sabaan gurmaa’uu fi kanneen biroo bu’uuraan diiguuf kan kaayyeffate akka ta’e jaarmoleen mirga ummatoota isaaniif falmanii fi hayyootni Oromoo amma irraa mormii cimaa dhimma kana irratti qaban mul’isaa jiran.

Mirga Sabootni Qabsoo Isaaniin Argatan Sharafuuf Yaaluun Ibidda Hin Dhaamne Qabsiisuu Dha.

Qabata heera biyyaa fooyyessuu jedhuun mirga sabootni qabsoo isaaniin argatan sharafuuf yaaluun impaayera Itophiyaa nagaa dhabdee karaa hundaan hunkuramaa jirtu caalaatti ibidda itti qabsiisuun guyyaa diigamaa fi dhaba ishee shaffisiisuun ala waan fayyadu tokko hin qabu.

Yeroo dheeraadhaaf mirga sabootni fi sab-lammootni Impaayera Itophiyaa keessaa qabsoo isaaniin gonfatan diiguudhaan sirna qeenxee kan mirga sabootaa hin eegne, kan murni gita bittoota Itophiyaa duraanii keessatti olaantummaan isaanii eegamuu fi saamichi isaanii keessatti tikfamu gadhaabuuf abjootan sabummaan ijaaramuu, bulchiinsa mataa ofii dhaabbatuu, aadaa, afaan, seenaa fi maalummaa ofiin mul’atuu fi dagaagfachuu akka qara eebootti sodaatanii fi kana diiguuf barootaaf hojjetaa turan amma mootummaa paartii Bilxiginnaan durfamu waliin ta’uudhaan maqaa heera mootummaa wayyeessuu jedhuun deemsa seenaa of booda deebisuuf ifatti yakka hojjechaa jiru. Biyya kana keessatti ibidda hin dhaamne kan biraa qabsiisaa jiran.

Ministeerri nagaa sirna Bilxiginnaa kaleessa Caamsaa 16, 2023 karaa miidiyaa mootummichaatiin Inistiitiyutiin Qorannoo Imaammataa Itoophiyaa kutaa heera biyyattii akka fooyya’u barbaadamu ilaalchisuun fedhii hawaasaa qorataa turuu beeksisuudhaan, kanaanis mirga sabootaa fi sab-lammootaa bakkoota furtuu ta’an haquuf yaada akka qabu ifatti beeksiseera.

Ilmaan sirna bittaa fi murnootni leellistoota duraanii fi warri har’een sirna kaleessaa deebisuuf gugguufanii fi daboo ba’an farra sabootaa fi sab-lammootaa ta’uu isaanii kan duraan hojjetaa turan caalaatti har’a ifatti ifa of baasaa jiru.

Sabummaan ijaaramuun, naannoo ofii keessatti bulchiinsa mataa ofii dhaabbatuun, aadaa, afaanii fi eenyummaa ofiin mul’atanii dagaagfatuun akka waan impaayera kana keessatti nagaa dhabsiisee fi madda rakkoo fi walitti bu’iinsaa ta’eetti dhiheessuudhaan, kanaan qabatanii mirga sabootaa haquun sirna qeenxee duraanii deebisuuf ijibbaata barootaaaf godhaa turan amma bara sirna PP kana keessa itti milkaawuuf karaa Ministeera Haqaa sirnichaan ibsa kennaa jiran.

Keeyyata 8 heera biyyattii kan waa’ee birmadummaa sabootaa fi sab-lammootaa dubbatu, asxaa biyyaalessaa, daangaa naannolee sab-daneessummaa bu’uureffatee tolfame, mirga hiree murteeffannaa hanga foxxoquu, paartii siyaasaa sabaan ijaaruu, dhimma bulchiinsa magaalaa Finfinnee faa irratti fooyya’iinsi akka taasifamu fedhii ummataatu jira jechuun Ministeerri Nagaa sirna Bilxiginnaa kaleessa ifa taasise.

Qabxiilee murteessoo wayyeessuu ykn kaasuu fedhiin ummataa bira jiraachuu kan ministeerri naqaa PP dubbatu, yaada ummata isa kamii akka ta’e garuu waan ifa godhe hin qabu. Dhimma kana irratti sabaa fi sab-lammoota, ummatoota isa kamtu gaafatamee yaada mormii dhiheesseen gaaffii belbeltuu dha. Ummatootni Oromoo, Somali, Affaar, Sidaamaa, Benishaangulii fi kkf warra kamtu gaafatamee, lakkii mirga ofiin of bulchuu, sabummaan ijaaramuu, aadaa fi afaan keenya dagaagfachuu nuuf hin malu jedhanii heerri kun akka wayyaa’u ykn akka ka’u gaafatan kan jedhuuf deebiin sirna PP warra waan kana naannessaa jiru bira jira.

Sirnicha irraa deebiin kan hin eegamne ta’us, yaadni amma maqaa heera wayyeessuutiin karaa ministeera nagaa sirna PPn dhihaataa jiru, hawwii fi fedha garee tokkoo, kan warra sirna bututtuu kaleessaa deebisuuf abjootanii fedhii ummata bal’aa fakkeessanii dhiheessuu dha. Kun ammoo karaa fedheenuu ummata Oromoo birattis, sabaa fi sab-lammoota, ummatoota kaan biratti yoomuu fudhatama hin argatu.

Ummatni Oromoo kan gaafataa jiru inumaayyuu mirga heerri biyyaa naa eege, kan addunyaanis karaa chaartera Tokkummaa Mootummootaan ittiin masakamtu mirgi hiree murteeffannaa kiyyaa hojii irra naaf haa oolu, mirgi abbummaa Finfinnee irratti qabu sharafa tokko malee naa kabajamuu qaba jedhee wayta gaafataa jirutti, mootummaan Bilxiginnaa, mirgootuma hagoo Oromoon wareegama olaanaadhaan kabajsiifate illee haquuf golgaa heera wayyeessuutiin shiraa jira. Oromoon maalummaa sirna Bilxiginnaa baruuf kun tuqaa isaa olaanaa dha.

Aggaammiin kun utubaalee sirna federaalaa sabdaneessaa kanneen ta’an mirga birmadummaa sabootaa, mirga hiree ofii ofiif murteeffachuu, hundeeffama naannolee afaanii fi eenyummaa bu’ureeffate, mirga sabaan gurmaa’uu fi kanneen biroo bu’uuraan diiguuf kan kaayyeffate akka ta’e jaarmoleen mirga ummatoota isaaniif falmanii fi hayyootni Oromoo amma irraa mormii cimaa dhimma kana irratti qaban mul’isaa jiran.

Leellistootni sirna duraanii deebisuuf abjootanii fi amma sirna Bilxiginnaa keessaan kaayyoo isaanii milkeessuuf as ba’an kunniin yeroo dheeraan dura irraa calqabee Afaaan Amaaraa qofa fayyadamuu qabna, alaabaa lummuxxii qofa barbaadna, siyaasni sabaa haa dhorkamu, naannoleen diigamanii kiflahagarii duriitti deebi’uu qabu, fayidaan addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabu haa dhorkamu kanneen jedhan faa hojii irra oolchuu hawwuun ejjennaa garee kanaa ti.

Walumaagala deemsi murnoota farra mirga sabootaa fi sab-lammootaa ta’an kun balaa hamaa fi gaaga’ama guddaa kan baatee as deemaa jiru waan ta’eef, sabaa fi sab-lammootni impaayerattii keessatti argaman dhimma kana xiyyeeffannoon jala bu’anii hordofuu fi hunduu kabajamuu mirga isaaf sagalee dhageessisuu qabu.

Lola kan babal’isu, jeequmsa siyaasaa kan hammeessu mirgi sabootaa kabajamuu fi dhugoomuu mirga hiree murteeffannaa isaanii osoo hin taane, mirgoota qabsoon argaman kana haquuf deemsa deemamuu fi shira xaxamutu lola durumaayyuu biyyattii hudhee qabee jiru daran hammeessee akka waliigalaatti kufaatii fida.

Addatti deemsi kun eenyuun iyyuu caalaatti ummata Oromoo irratti kan qiyyaafate ta’uun falamsiisaa miti. Qabsoo Oromoo fi sabummaan ijaaramuu Oromoo irraa jibba ulfaataa qabaachuu isaaniif gochaa fi raawwii isaanii kan baroota duraa irraa hanga ammaa ilaaluu qofti ga’aa dha. Oromiyaan ijaaramuu fi jiraachuu hin qabdu, mirgi hiree murteeffannaa Oromoof hin barbaachisu; kun biyya diiguu dha jedhanii beektotni isaanii osoo hin hafin kabajamuu mirga Oromoo irratti mormii qaban ifatti mul’isaniiru; ammas sanumatti jiran.

Hoggana qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), kan abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf, mirga hiree murteeffannaa Oromoo dhugoomsuu fi Bilisummaa ummataa mirkaneessuuf qabsaa’u diina innikkaa godhatanii kan jibbanii fi osoo silaa danda’anii bal’eessuuf karaa hundaan kan irratti duulaniifis kanumaafi. Kana waan ta’eef, ummatni Oromoo isa kana hubatuu dha qaba. Hubatee ammoo deemsa diinota isaa hundaa jala bu’uun hordofuu fi fashalsuufis gamtaan irratti qabsaa’uu dha qaba.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO