Waaqeffattootni Sulultaa, Caancootti jumlaan hidhaman.

Waaqeffattootni Sulultaa, Caancootti jumlaan hidhaman.

Sulultaa, Caancootti Waaqeffattootni jumlaan hidhaman

Waaqeffattootni Sulultaa, Caancootti jumlaan hidhaman.

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Giddugala Giddugaleessaa Konyaa Sulultaa Galma Waaqeffannaa Tulluu Buubaa magaalaa Caancootti argamutti Caamsaa 15, 2023 halkan sa’aa 3:00tti qaamni nageenyaa seenuun Waaqeffattoota sagantaa Waaqeffannaa irraa turan keessaa namoota 17 hidhan. Kana malees qabeenya Galmaa sanadootaa fi Galmeewwaan dabalatee qabeenya adda addaa akka fudhatan ibsameera.

  1. Jabeessaa Badhaasaa – Geggeessaa kutaa Odiitii fi To’atnoo Galmichaa
  2. Tasfaayee Kabbadaa – Barreessaa kutaa Barnootaa Galmaa
  3. Kaasuu Baqqalaa – Abbaa Herregaa
  4. Abarraa Asaffaa – Geggeessaa Faayinaansii
  5. Bilisummaa Geetaachoo – I/A Barreessaa Galmaa
  6. Masfin Addunyaa – Miseensa
  7. Addeessaa Axinaafuu – Miseensa
  8. Darajjee Margaa – Miseensa
  9. Asheetee Hinsarmuu – Miseesa
  10. Galaanaa Kabbadaa – Miseensa
  11. Dassuu Olaanaa – Miseensa
  12. Guutaa Kabbee – Miseensa
  13. Wabii Fullaasaa – Miseensa
  14. Feeneet Fullaasaa – Miseensa
  15. Waanofii Fullaasaa – Miseensa
  16. Gammachuu Axinaafuu – Miseensa
  17. Balaachoo Fullaasaa – Miseensa kan jedhaman Waaqeffattoota guyyaa kana badii tokko malee sirna waaqeffannaa irraa qabamanii hidhaman ta’uu oduun arganne ifa godha.

Kana malees barjaan akeektuu fi agarsiiftuu Galmaa caccabsamee gatamuun hubatameera.

Walumaagalatti walqixxummaan amantiilee heeraan lammiileef raggaasifame Waaqeffannafis akka kabajamu hawaasni gaafataa jiraachuu oduun arganne ni hubachiisa.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO