Baqattootni Oromoo Sudaan jiran haala hamaa keessa jirn
Lolli biyya Sudaan keessaa baqattoota Oromoo gara itti deebiโan dhabanii rakkataa jiran haalaan hubaa jira.
Lolli biyya Sudaan keessaa baqattoota Oromoo gara itti deebiโan dhabanii rakkataa jiran haalaan hubaa jira.
Jiruu fi jireenyi dhalli namaa Khartoum keessa ittiin jiraatu sababa lola magaalattii keessatti deemaa jiruu irraa kan kaโe guutuutti dhaabbatee jira. Lammiileen biyya alaa hireen baโuu isaaniif aanjawee fi dinagdee ittiin sossohan qaban kumaantamaan biyyattii gadhiisanii baโaniiru. Ummatni biyyattii lakkoobsa guddaa taโes biyyoota adda addaatti baqatuu itti fufeera.
Baqattootni Oromoo biyyattii keessa jiran, addatti magaalaa Khaartum keessa jiran haalli hundi itti cufamee, gargaarsa tokko malee, lola kana gidduutti qabamanii jiran. Kanneen gara biyyaa deebiโuuf yaalanis karaatti hubaatiin garagaraa irra gahuun himamaa jira. Akkasuu taโee baayโeen gara biyyaa kan deebiโanis jiraachuun dhagaโameera.
Amma warri dahannaa siyaasaa jala jiran, gara biyyaa deebiโuuf sirna impaayerattii bitaa jiru irraa yaaddoo qaban, kanneen maatii qaban waggoota 25f waraqaa UN baatanii jiran, haala lolaa biyyattiin keessa seentee jirtu irraa akkaan rakkoo hamaaf saaxilamaniiru. Amma dhaabbattootni idil addunyaa sadarkaa cufti baโaniiru jedhamuttu guurratanii waan baโaniif qaamni itti iyyatan hin jiru; haalli isaas hin hayyamu. Kanaaf ilmaan Oromoo kunniin furmaata tokko illee dhabanii yaaddoo hamaa keessatti kufanii argamu.
Ilmaan Oromoo biyya Sudaan, addatti Khartumitti argaman kunniin hawaasni Oromoo biyyoota ambaatti argaman sagalee nuuf taโaa; malaa fi fala dhawaa nu dhaqqabaa jechuun sagalee iyyannaa kan nutti birmadhaa dabarsatanii jiran.
Lolli Sudaan keessaa ammaaf guyyoota torbaaf dhaabbate haa jedhamu malee, walwaraanuun amma illee itti fufeera kan jedhan maddeen, lola irra jabaaf gareen lamaanuu meeshaalee waraanaa gugurdaa walitti qopheeffataa jiru jedhaniiru. Lolichi eessattii fi yoom akka dhaabbatu beekuun rakkisaa taโuus maddeen hubachiisaa jiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *