Artist Darajjee Daggafaa ajjeesame
Artist Darajjee Daggafaa rasaasaan rukutamee ajjeesamuun gabaasame

Aartii Oromoo guddisuu keessatti qooda kan qabu Art.Darajjee Daggafaa Caamsaa 29, 2023 halkan naannoo saโaa 10:00tti Ona Sulultaa magaalaa Sulultaa keessatti rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbuu maddeen Sulultaa beeksisaniiru.
Sirboota warraaqsaa fi aadaa sirbuudhaan kan beekamu Art.Darajjee Daggafaa dhihoo kana Finfinneedhaan kan walqabatu sirba baaqqee dhiheessuu isaa maddeen ifa godhu.
Qaamni ajjechaa kana Art.Darajjee Daggafaa irratti raawwate ammatti eenyu akka taโe adda baโee kan hin beekamin jiru taโuu kan gabaasan maddeen Sulultaa, reeffi isaa hospitaalatti fudhatamuu fi sirni awwaalchaa Caamsaa 31, 2023 guyyaa borii bataskaana Giyorgisii Gabaa Roobiitti kan raawwatamu taโuu addeessan.
Art.Darajjee Daggafaa Kaaba Shaggar Ona Sulultaa iddoo addaa Dirree Siloo Laga Heexoo jedhamutti kan dhalate oggaa taโu, nama ganna 45 taโuu hiriyootni isaa ibsaniiru.
Ija ummataa kan taโan, aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo guddisuu keessatti gaโee olaanaa kan taphatan, abukaatoo mirga dhala namaa kan taโan Artistootni Oromoo hedduun haalaa fi akkaataa hin beekamneen ajjeesamuu fi haqi isaanii awwaalamee hafuun itti fufeera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *