Art.Sa’aad Awwal waggoota lamaaf hidhaa keessatti dararamaa jiru, amma dhibee dhiigaan qabamee haala ulfaataa keessatti akka argamu haati warraa isaa ifa godhan
Wallisaa Saโaad Awwal Murtii Malee Waggoota Lamaaf Mana Hidhaa Keessatti Hiraarsamaa Akka Jiru Ibsame

Weelluwwan warraaqsaa fi aadaa, addatti sirboota aadaa Oromoota Walloo fi Raayyaa wallisuudhaan kan beekamu Art.Saโaad Awwal waggaa lamaan dura qabamee erga hidhamee hanga harโaatti murtii haqaa dhabee hidhaa keessatti gidirsamaa jiraachuu BBCn maatii isaa waabeffachuun gabaase.
Haati warraa Art.Saโaad Awwal Aadde Zaakiraam bakka abbaan manaa ishee Art.Saโaad Awwal itti hidhamee jiru seentee daawwachuu akka dhorkamte himteetti.
Erga Art.Saโaad Awwal hidhamee jireenya tasgabbii hin qabne keessatti kufanii jiraachuu Aadde Zaakiraam dubbatteetti.
Wayta inni hidhamu garaattan baadha kan jedhan Aadde Zaakiraam, osoo inni mana hidhaa jiruu daโuu ibsuun, amma ijoollee lama akka qabanii fi inni ijoollee isaa irraa fagaachuutti rakkoo hamtuun akka isaan mudate ifoomsan.
Art.Saโaad Awwal sirboota isaan hawaasaaf sagalee taโuu qofa osoo hin taane, madda galii jireenya isaatis taโuu hubachiisuudhaan, erga inni hidhamee garuu daaโima lama baatanii hojii hojjechuun akka isaanitti ulfaate; gargaarsa namni hanga tokko isaanii godhaa jiraniin jiraachaa akka jiran himaniiru.
Abbaan warraa isaanii Art.Saโaad Awwal waggaa lama dura magaalaa Baatee irraa humnoota mootummaa naannichaan qabamee hidhamuu kan dubbatan Aadde Zaakiraam, qawwee fudhatte ittiin jechuun ala himannaan irratti dhiheessan tokko illee akka hin jirre BBCf ibsaniiru.
Art.Saโaad Awwal jalqaba iddoo jireenya isaa magaalaa Baateetti hidhamuu fi isa booda gara Waajjira Poolisii Magaalaa Kamiseetti dabarsamee jiโoota torbaaf osoo himatni irratti hin banamee mana murtiitti hin dhihaatin turee, jiโa torba booda mana murtiitti dhiheessan kan jedhan Aadde Zaakiraam, akkanumaan dhiheessanii beellama irratti qabatu malee himata irratti akka hin dhiheessine addeessan.
Haati warraa Art.Saโaad Awwal Aadde Zaakiraam, yeroo inni dhaddachatti dhihaatu hunda konkolaataadhaan mana isaanii irraa fageenya saโaa shanii olii imaluun Kamisee dhaqanii kan ilaalan taโuu himuun, waan argatan baasii geejjibaatti akka fixan, karaa dheeraa kana ijoollee qabatanii deddeebiโuun mataan isaa qormaata guddaa itti taโuu fi sababa kanaanis dararamaa jiraachuu addeessaniiru.
โAmma abdiin nutti dukkanaaโeera. Nama nu gargaarus hin qabnu. Gaaddisa keenya kan turan abbaan isaa erga duโanii nama harka nu qabu hin qabnu.โ jechuun Aadde Zaakiraam gaddaan yaada isaanii BBCf kunnuu dhaabbatni kun ifoomseera.
Aadde Zaakiraam Caamsaa 30, 2023 Kibxata kaleessaa daaโima harma hoosisan qabatanii abbaa warraa isaanii Saโaad Awwaliin dubbisuuf gara Kamisee imalanis akka fedha isaaniitti arganii dubbisuu akka hin dandaโin dubbatan.
Kaleessa beellama mana murtii kan qabu yoo taโu, Aadde Zaakiraam ganamaan itti dhaqnaan beellama mana murtii booda kottu ittiin jechuun kan deebisan yoo taโu, waaree booda itti deebiโanis seenuu akka dhorkan addeessaniiru.
Art.Saโaad Awwal dhibee dhiigaan walqabatuun qabamee mana hidhaa kana keessatti akkaan dhukkubsataa fi rakkachaa akka jiru kan himan Aadde Zaakiraam, mana waldhaansaatti akka hin geessaminii fi dhibee isaas osoo adda hin baasin manuma hidhaa keessatti qoricha bitanii itti kennu jechuun haala ulfaataa inni keessa jiru BBCf addeessaniiru.
Sirboota warraaqsaan kabajamuu mirga Oromoof kan falmuu fi weelluwwan aadaa Oromoo Walloo fi Raayyaan kan beekamu Art.Saโaad Awwal, dabaa fi cubbuun hidhamee waggoota lamaa oliif haqa dhabee hanga yoonaa hidhaa keessatti hiraarsamaa jira. Ilmaan Oromoo iddoo jiran cufaa Art.Saโaad Awwaliif sagalee taโuudhaan hidhaa dabaa kana keessaa akka baโuuf dirmadhaafiin dhaamsa keenya.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *