Haalli fayyaa J/Mikaa’el Booran guyyaa irraa guyyaatti hammaataa dhufuun dhaga’ame.

Haalli fayyaa J/Mikaa’el Booran guyyaa irraa guyyaatti hammaataa dhufuun dhaga’ame.

Jaal Mikaa’el Booran dhukkubsate

Haalli fayyaa J/Mikaa’el Booran guyyaa irraa guyyaatti hammaataa dhufuun dhaga’ame.

Mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti kan argamu miseensi SHG-ABO J/Mikaa’el Booran dhibeen isaa itti hammaatuun dhaga’ameera.

Dhibee marrummaan darbaa (Appendex)n qabamee mana waldhaansaatti deddeebi’aa kan jiru J/Mikaa’el Booran, har’a mana waldhaansaa deemee erga ilaalameen booda, dabalataan dhibee kaleen qabamuu fi garaachi isaa madaa’uu doktoorri isa waldhaanu mirkaneessuu oduu arganne irraa beekuun danda’ameera. Qormaatni dabalataa godhamuu akka qabus ajajameera. Sababa kanaanis haalli fayyaa J/Mikaa’el gadi bu’aa deemuutu hubatame.

Hogganootnii fi qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman dhibee garagaraaf saaxilamuun haalli fayyaa isaanii hamaa irra bu’uun gabaasamaa jira.

Miseensi GS-ABO J/Kennasaa Ayyaanaa dhibeelee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhibee dugdaan qabamee gidiraa argaa kan jiru yoo ta’u, amma gargaarsa namaa malee ofiin sadarkaa socho’uu dadhabuu irra ga’ee jira.

Miseensi SHG-ABO J/Abdii Raggaasaa fi qondaalli dhaabaa J/Gadaa Gabbisaa dhibee tiruu hamaa ta’een qabamanii waldhaansa ga’aan alatti mana hidhaa keessatti ittiin hiraaraa kan jiran yoo ta’u, J/Dr.Gadaa Oljirraa ammoo miidhama lafee miilaa qabsoo keessatti godhatee ture, haala qorra mana hidhaa irraa dhibeen kun itti deebi’ee akkaan ittiin rakkataa jira.

Hogganootnii fi qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman:

  1. J/Abdii Raggaasaa
  2. J/Mikaa’el Booran
  3. J/Kennasaa Ayyaanaa
  4. J/Lammii Beenyaa
  5. J/Daawit Abdataa
  6. J/Dr.Gadaa Oljirraa fi
  7. J/Gadaa Gabbisaa ti.

Badii tokkoon maleetti dharaa fi dabaan mana jireenyaa isaanii irraa qabamanii waggoota sadiif Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu dabalatee bakkoota adda addaatti hidhamuun kan hiraarsamaa jiran hogganootnii fi qondaalotni ABO kunniin, yakka irraa bilisaa fi gadi dhiisamuu akka qaban manneen murtii Oromiyaa fi kan Federaalaa ajajanis, mootummaan sirna Bilxiginnaa gadhiisuu diduun haqa isaanii awwaalee hidhaa keessatti itti taphataa jira.

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itophiyaas yero yerootti dhimma hoggantootaa fi qondaalota ABO kanneenii irratti gabaasa dhiheessuun seeraan ala hidhamuu isaanii gabaasuun gadhiisamuu akka qaban gaafataa ture.

Ebla 20, 2023 gareen paartilee mormitootaa fi Boordii Filannoo irraa utubame dhimma hogganoootaa fi qondaalota ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argamanii qaamaan itti dhaqee haala isaanii baruuf wayta beellamatu guyyaan tokko hafuuf, Ebla 19, 2023 achii baasanii Dukamitti jijjiiruun torbanootaaf erga achi tursanii booda, tibba darbe kana gara Buraayyuutti deebisuun kan yaadatamuu dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO