Jaal Urgeessaa Waaqkennee Du’aan Addunyaa Irraa Boqotan

Jaal Urgeessaa Waaqkennee Du’aan Addunyaa Irraa Boqotan

Jaal Urgeessaa Waaqkennee dhibee itti buleen du’aan addunyaa kana irraa boqotan

Jaal Urgeessaa Waaqkennee Du’aan Addunyaa Irraa Boqotan

Qabsa’aa fi miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gameessa kan ta’an Jaal Urgeessaa Waaqkennee, dhukkubsatanii waldhaanamaa erga turanii booda, Waxabajjii 01, 2023 guyyaa har’aa du’aan addunyaa kana irraa boqotanii jiran.

Jaal Urgeessaa Waaqkennee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn dursamu keessatti hiriiruudhaan karaa danda’aniin dirqama qabsoo ba’ataa turaniiru.

Sirni awwaalcha isaanii Waxabajjii 02, 2023 Jimaata borii sa’atii 8:00 ALItti naannoo mana jireenya isaanii Kaarra Qoreetti geggeessama.

Lubbuu isaanii jannataan haa qananiisu jechaa, maatii, firoota, hiriyootaa fi jaallan isaaniif jajjabina hawwaa, lubbuu isaanii jannataan haa qananiisu jenna.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO