Ajjeesamaa, Hidhamaa fi Mirga Mulqamaa Jiraachuu Aadaa Godhatuun, Balaa Caaluuf Of Qopheessuu dha.

Ajjeesamaa, Hidhamaa fi Mirga Mulqamaa Jiraachuu Aadaa Godhatuun, Balaa Caaluuf Of Qopheessuu dha.

Kaayyoo Bilisummaa fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo kolaasuuf, ilaacha siyaasa isaa ummata Oromoo irratti fe’atuuf, fedha aangoof qabu jabeeffatuuf yakka waraanaa raawwatee fi raawwataa jiruun miidhaa olaanaa dhaqqabsiiseera.

Ajjeesamaa, Hidhamaa fi Mirga Mulqamaa Jiraachuu Aadaa Godhatuun, Balaa Caaluuf Of Qopheessuu dha.

Waggootni shanan darban Oromoof waggoota hamoo dha. Waggootni kun Oromoof baroota roorroo, cunqursaa, hidhaa fi ajjechaa hammaataan itti galmeessamee dha. Baroota kurnoota duraanii fi baroota shanan darban kana walbira qabnee yo ilaalle barri hamaan itti Oromoon salphatee fi roorroon daangaa darbe itti isa mudate baroota shanan darban bara bittaa abbaa irree sirna Biltsiginnaa ta’uun waan dirree jiraa ti.

Hunda irra lubbuun ilmaan Oromoo dabaa fi cubbuudhaan godinaalee Oromiyaa hunda keessatti mootummaa jijjiiramaa ofiin jedhu sirna Biltsiginnaatiin dhabame kumaantama hedduun lakkaa’ama. Daa’ima kichuudhaa hanga maanguddoo ganna 90tti haala suukanneessaa fi gaddisiisaadhaan ajjeesamaniiru. Barataan, qonnaan bulaan, barsiisaan, hojjetaan, dargaggeessi, hawwanii fi shamarran, abbootiin amantaa fi abbootiin Gadaa, murnootni hawaasa Oromoo cufti waggoota shanan kana keessatti waraana, xayyaarota waraanaa, poolisaa fi humnoota nageenyaa mootummaa paartii Biltsiginnaan ajjeesaman manni haa lakkaa’u. Kumaa kitilli hidhamee manneen hidhaa keessatti itti roorrisameera.

Har’as gidiraa fi roorroon Oromoo irra gahu daran hammaataa, bultii irraa bultiitti cimaa deeme malee waan irraa dhaabbate hin qabu. Malaa fi bifa adda addaan cunqursaa fi saamichi, roorroo fi gidiraan, hidhaa fi ajjechaan raawwatamu guyyuu karaa hundaan daangaa isaa babal’ifataa jiraachuutu argama. Oromoon kana keessummeessaa, sirna PP urursaa haga yoomiitti jiraataan gaaffii dha.

Alagaan halaalaa fi kanneen duuchaatti mirga Oromoo maqaa kanaan dhiibuu fi Oromoo diinomsatuu fedhan, darbees sababa kanaan itti duuluu kaayyeffatan “Mootummaan ammaa mootummaa Oromoo ti; Ye Oromummaa Mangist!” jedhanii ololu. Inumaayyuu “4 Kilo kan jiru Onegii dha” jedhu. Sirnii fi mootummaan jiru sirnaa fi mootummaa isaa akka hin taane garuu Oromoon gochaa fi waan isa irra gahaa jiruun arga. Mootummichi mootummaa isaa ti osoo ta’ee, gidiraa fi dhumaatiin kun hundi, sarbamiinsi mirgaa hagana gahu isa hin mudatu ture.

Alagaa qofa osoo hin taane, hidhaa fi ajjechaan, sarbamiinsi mirgaa kun marti osoo raawwataa jiruu, Oromooma keessaa “Mootummichi keenya” ilaalcha jedhu qabatee kan deemu har’a illee jiraachuun hin haalamu. Dhumaatiin lammii isaanii, roorroo fi gidiraan Oromiyaa keessaa kanneen isaanitti hin dhaga’amne, dantaa fi fayidaan dhuunfaa dhugaa lafa irra jiru isaanitti dukkaneesse jiraachuun waan dirree jiraa ti. Isaan akkasiif duuti, hidhamuu fi roorrisamuun Oromoo homaa miti. Jireenya ofii jiraataa jiran, akka fedhan ba’anii galuu isaanii akka waan Oromoon hundi akka isaanii ta’eetti fudhatuun gar-tokkee qaama isaanii sirna PPn dhumataa jiru arguu dhaban. Kun ammoo oolee haa bulu malee bor gaabbisiisaa ta’a. Hawaasa keessatti salphachuu fi mataa gadi qabachuu akka maddisiisu yaadatuu feesisa.

Mootummaan Biltsiginnaa biyyattii keessatti nagaa buusee, mirga ummatootaa walqixata eegee, deemsa sirna dimokraasii gadhaabuun mootummaa ummataa, ummataan filatame ijaaruuf waadaa seene cabsuun isaa, dhumaatii ummataa, sarbamiinsa mirgaa itti fufuuf murteeffatuu isaa kan mul’ise ture. Kan mul’atee fi kan ta’es kanuma. Ummata Oromoo dabalatee gaaffii siyaasaa, kabajamuu mirgootaa barootaaf ummatootni gaafatan karaa nagaan deebii itti kenna jedhee waadaa seene irraa mucucaachuun isaa, lolootnii fi jeequmsi siyaasaa hamaan amma mul’atu akka itti fufaniif karra saaqe. Kun kallattiin oolee osoo hin bulin Oromiyaa fi Ummata Oromoo irratti ta’e.

Kaayyoo Bilisummaa fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo kolaasuuf, ilaacha siyaasa isaa ummata Oromoo irratti fe’atuuf, fedha aangoof qabu jabeeffatuuf yakka waraanaa raawwatee fi raawwataa jiruun miidhaa olaanaa dhaqqabsiiseera.

Mootummichi aangoo isaa osoo hin jabeeffatan guutuu Oromiyaa fi ummata Oromoo irratti lola labse; dhiittaa mirgaa babal’ise. Ajjechaa fi buqqaatii ummataa dhaqqabsiise. Walitti bu’iinsa ummataa babal’ise. Har’a kanatu Oromoo fi Oromiyaa mankaraarsaa jira. Kun dhaabbatuu kan danda’u ammoo walbubuusuun osoo hin taane, sagalee tokkoomeen “Nu Gahe!” jechuudhaan malee, hidhaa fi ajjechaa qaama godhatuun miti.

Har’a ajjechaan Oromoo irratti deemsisamu roga hin qabu. Akkaataan itti Oromoon ajjeesamaa jiru haalaan gaddisiisaa dha. Har’a kan Oromoo ajjeesaa hin jirre hin jiru. Warri sirna Itophiyaa dullattii duraaniitti deebi’uu fi Oromoo bakka kaleessaatti deebisuuf hawwanii fi hidhatanii sossohaa jiran, magaalaa Finfinnee dabalatee iddoo adda addaatti sirna PP golgaa godhatanii ilmaan Oromoo qaroo, jajjaboo fi dammaqoo dha jedhaman filanii ajjeesaa jiru. Ajjechaan irra hammaataa fi bifa adda addaa qabu karooraan Oromoo irratti deemsisamuuf akka deemamaa jiru haala mul’atu irraa hubachuun nama hin dhibu. Kana hunda garuu Oromoon maaf taa’ee of irratti ilaalaan gaaffii belbeltuu yeroo ti.

Isa dantaan bitamee fi sirnichatti hirkatee saammataa jiru irraa kan hafe, Oromoon mootummaa Biltsiginnaa irraa waa eegu yo jiraate daallummaa/gowwummaa dha. Waggaa shan guutuu garee Oromoo ajjeesaa fi hidhaa, mirga sarbee salphisaa jiraate irraa waan haaraan eegamu hin jiru.

Mirga ofii falmachuun, mootummaa ajjechaa fi hidhaa babal’isu, mirga lammiilee dhiitu of irraa dhaabuun qooda ummataa ti. Mirgoota kana heeruma biyyattiitu isaaniif kenna. Mootummichi heera kana gaachana godhatee akka ofii barbaadetti hiikkataa fi ittis dhimma ba’aa mirga ummatootaa cabsaa fi gidiraa babal’isaa jira. Ummatootni ammoo isa kana mormuun dura dhaabbatanii falmatuun mirga.

Ajjeesamaa, hidhamaa fi mirga mulqamaa jiraachuu qaamni aadaa godhatu, balaa caaluuf of qopheessa. Oromoon akka akkas hin taaneef, diddaa isaa mul’isuu qaba malee, mirgi isaa akka malee cabaa, guyyuu reeffa ilmaan isaa lakka’aa, awwaalee hidhii xuutaa ajjechaa itti marmaaru keessummeessaa guyyaa lakkaa’uu hin qabu jenna.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO