Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti babalโ€™achaa dhufe hordofuun manni maree ministeerotaa mootummaa PP labsii yeroo hatattamaa dabarse.

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti babalโ€™achaa dhufe hordofuun manni maree ministeerotaa mootummaa PP labsii yeroo hatattamaa dabarse.

Labsiin yeroo hatattamaa kun akka dabarfamu kan murteeffame aangaโ€™oonni feederaalaa fi naannoo Amaaraa nageenyi naannichaa hidhattoota Faannoon booraโ€™aa jiraachuu ibsuu hordofee akka taโ€™e maddeen gabaasaniiru.

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti babalโ€™achaa dhufe hordofuun manni maree ministeerotaa mootummaa PP labsii yeroo hatattamaa dabarse.

Naannoo Amaaraatti rakkoo nageenyaa babalaโ€™achaa dhufeen walqabatee manni maree ministeerotaa sirna mootummaa paartii Biltsiginnaa walgaโ€™ii idilee Hagayya 04, 2023 harโ€™a gageesse irratti labsiin yeroo hatattamaa akka labasamu sagalee guutuun murteesseera.

Labsiin yeroo hatattamaa kun akka dabarfamu kan murteeffame aangaโ€™oonni feederaalaa fi naannoo Amaaraa nageenyi naannichaa hidhattoota Faannoon booraโ€™aa jiraachuu ibsuu hordofee akka taโ€™e maddeen gabaasaniiru.

Jiraattonni naannoo Amaaraa keessatti nageenyi booraโ€™uu ibsuun rakkoon tasgabbii mulโ€™achaa jiru yaaddeessaa taโ€™uu himaa jiran.

Haalli impaayerri Itophiyaa keessatti kuftee jirtu kan yeroo kamiiyyuu caalaatti ulfaataa, sadarkaa suphaa fi humnaan rakkoo jiru furuuf yaaluu irra darbee akka jiru balโ€™inaan ibsamaa jira.

Waraanni/lolli guutuu biyyattii keessatti babalโ€™ateera; dhumaatiin ummataa, barbadaawuun qabeenyaa, buqqaatiin ummataa, kana irra darbee dinagdeen biyyaa kufuu, jireenyi qaalaโ€™uu fi beelli hammaatuun ummatoota akkaan hudhee qabee jira.

Mootummaan PP rakkinoota jiraniif fala siyaasaa soquu osoo hin taane, akkuma bittoota darbanii waraana babalโ€™isuu, waliin dhahiinsaan jiraachuu fi tooftaa fi shiroota garagaraan bara bittaa dheereffachuuf wixxifachaa jira. Kun garuu yeroon isaa fiigicha baayโ€™ee olaanaadhaan dhumataa akka jiru; biyyattiinis bifa ammaan itti fufuu akka hin dandeenye mulโ€™ataa jira.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn irra deddeebiin rakkoo impaayera Itophiyaaf furmaata kan jedhe akka imaammataatti kan qabatee ittiin sochoโ€™u yaada furmaataa irra deddeebiidhaan mootummaa PPfis, hawaasa addunyaafis dhiheessaa kan turee fi ammas dhiheessaa kan jiruu dha.

Yaadni Furmaataa ABOn dhiheessu dhibdee biyyattii kanaaf furmaata waaraa akka argamsiisu shakkiin hin jiru. Kanaa ala deemsi deemamu akkuma amma argamaa jiru biyyattii gara dhidhimaatti, ummatoota rakkoo hamaa keessaa baโ€™uun hin salphannetti kennuu dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO