Akkuma jedhan faannoo waraana Itoophiyaa fi kan kaayyoo bilxiginnaa raawwatu gochuuf carraaqaa turaniiru. Jalqabuma irraa kan faannoo hundeesse murna bilxiginnaa dha. Kun haqa dirree jirraa ti.
Warri waliin tahee Oromoo nyaate, deebi’ee wal nyaate!
Sirnoonni dhufaa dabraan aangoo impaayera Itoophiyaa qabatanii Oromiyaa weeraranii Oromoo cunqursan, haala yeroo waliin amala isaanii jijjiirrataa deeman illee, kaayyoon isaan Oromoo gabroomsuu fi Oromiyaa dhuunfachuuf qaban tokkichuma. Oromoo jibbanii Oromiyaa jaalatu. Oromoo dhabamsiisanii Oromiyaa fudhachuuf humna qabanii fi mala beekan maraan duulaa har’a gahan. Murnaa fi dhaaba adda addaatiin wal ijaaranii maqaa garagaraatiin aangoo qabachaa turanis, Oromoof kan irra wayyaawu hin turre. Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf kan hojjetu malee kan garaa laafuuf tokko illeen hin turre.
Dhaalmayaanis tahe lolaan aangoo wal jijjiiraa kan har’a gahan hundi diinota Oromoo ti. Tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa adda addaa fayyadaman illee, martinuu warra gara jabeenyaan Oromoo ajjeesu, jumlaan hidhu, dararu, qabeenyaa fi lafa isaa saamuu fi qe’ee isaa irraa buqqisanii dha.
Sirni nafxanyaa Minilik aangoo isaa Hayilesillaasee dhaalchise. Sirni Dargii ammoo qondaalota waraana Hayilasillaasee irraa ijaaramuudhaan fonqolchaan aangootti bahan. Sirni EPRDF kan wayyaaneedhaan ijaarame, harcaatota booji’amtoota waraana Dargii irraa OPDO bixxiluun lukkee godhatee waggoota 27 ittiin Oromoo fixaa ture. Qabsoo bilisummaa Oromoo fi Warraaqsa Qeerrootiin sirni EPRDF diigamee wayyaaneen Tigraayitti galtus, ilmoon isheen bixxilatte OPDO’n aangoof jettee abbaa ishee waggaa lamaaf lolaa turuun yaadannoo dhiyoo ti. Warri wal tahee Oromoo nyaataa ture bolola aangootiif wal nyaatan. Gooftaa fi ergamtuun isaa aangoof jecha wal haleelanis lachuu warruma waliin tahee akka waraabessaatti Oromoo nyaataa turee dha. Akkuma allaattiin foon irratti wal loltu, aangoo dhuunfatanii Oromoo cunqursanii lafaa fi qabeenya isaa saamuuf wal lolan malee, murna lachuu irraa kan Oromoof aantummaa qabu hin jiru.
Haaluma wal fakkaatuun dhihoo kana faannoo fi warri isaan ijaaree, gurmeessee, leenjisee hidhachiise walitti deebi’anii wal rukutuu eegalaniiru.
“Faannoon gaachana Itoophiyaa ti.” jedhee Abiy Ahmad mana maree bakka bu’oota ummataa irratti dubbachuun ni yaadatama. Aangawoonni federaalaa fi naannoo Amaaraatis yeroo garagaraatti faannoon kan Itoophiyaa eeguu fi kan ummanni Itoophiyaa ittiin boonu akka tahe miidiyaaleetti bahanii oggaa dubbatan namuu dhaga’aa ture.
Akkuma jedhan faannoo waraana Itoophiyaa fi kan kaayyoo bilxiginnaa raawwatu gochuuf carraaqaa turaniiru. Jalqabuma irraa kan faannoo hundeesse murna bilxiginnaa dha. Kun haqa dirree jirraa ti.
Warraaqsa Qeerroo gara boodaatti sochiin maqaa ‘faannoo’ jedhu kan dhaga’amuu eegale yoo tahu, yeroo sanitti maqaa ‘TEAM LAMMAA’ jedhuun OPDO fi ANDM wal ijaaranii sirna EPRDF keessaa ol bahuutti jiru turan. Yeroo sanitti qabsoo warraaqsaa kan Qeerroon Bilisummaa Oromoo walitti fufiinsaan waggoota 4 oliif geggeessaa ture butanii galma irraa maqsuuf waan yaalaa turaniif dorgomaa fi masaanuu Qeerroo kan tahu faannoo ijaaranii humneessan. Duratti faannoon akkuma Qeerrootti ijaaramee sochii qabsoo meesha maleessummaa akka geggeessutti gurmeessaa turanis, Qeerroon qabsoon warraaqsaa waan jalaa butameef gara qabsoo hidhannootti yommuu fuula naanneffatu, bilxiginnaan kan yeroo san ODP fi ADP jettee of yaamtu faannoo magaalaa fi baadiyyaatti loltummaa leenjisuun hidhachiisuu eegalan. Waraana mootummaa federaalaa fi kan naannoo caalaatti bakkaa fi haala mijaawaa keessatti leenjii waraanaa fudhataa turan.
Istaadiyeemii magaalota gurguddoo keessatti leenjii loltummaa leenji’anii eebbifamaa turan. Galma magaalota kanneenii keessatti walgayii geggeeffataa fi hoggansa filataa turan. Kun hundi baajeta mootummaatiin raawwatamaa ture. Mootummaan naannoo Amaaraa guutummaatti: dinagdeedhaan, dhiyeessii meeshaa waraanaa fi odeeffannoo dhaan tumsee garee finxaaleyyii faannoo kana bu’uuressee sadarkaa kanaan gahuu aangawoonni bilxiginnaa sadarkaa naannoo fi federaalaa irra jiran miidiyaatti dubbataa turuun ragaa guddaa dha. Bilxiginnaan naannoo Amaaraa waan kana yommuu godhu akkaataa bilxiginnaan sadarkaa federaalaa qajeelcheenii dha. Malee quba qabeenya mootummaa federaalaan ala waan ta’e hin jiru.
Gareen finxaaleyyii faannoo kun naannoo Amaaraa bira dabranii karaa daangaatiin onoota Oromiyaa keessatti leenjii waraanaa fudhachuudhaan, tumsa kaabinoota onoota kanneenii fi raayyaa ittisa biyyaa naannawa san qubatee jiruutiin baajetuma Oromiyaatiin hidhachiifamanii ummata Oromoo haala suukanneessaatiin ajjeesaa fi qabeenya isaa saamaa, kaanis mancaasaa turaniiru. Kun ammoo guutummaatti tumsa bilxiginnaatiin tahuun ifa galeessa dha.
Ummata finxaaleyyiin faannoo qe’ee isaa irraa buqqiseen, PPn kan buqqa’e Shanee dha malee ummata miti jettee itti qoosaa turuun ni yaadatama. Waraana Bilisummaa Oromoo dawoo dhabsiisan ykn ummata keessaa baasna kan jedhuun naannawa Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho’utti raayyaa ittisa biyyaa fi humna addaa Oromiyaa itti bobbaasuudhaan ummata ajjeessuu, qabeenyaa fi mana isaa gubanii qe’ee irraa buqqisuu akka tarsiimootti waggoota shaniif kan itti fayyadamaa jiran yoo tahu, bakka raayyaan ittisa biyyaa fi humni addaa Oromiyaa itti milkaa’uu dadhabetti ammoo, finxaaleyyii faannoo kana ijaaranii hidhachiisanii akka gocha gara jabeenyaa fi suukanneessaa kana ummata Oromoo irratti raawwatan kan itti fayyadame murna bilxiginnaa ti.
Gama biraatiin, qaamni isaan gaafatu ammatti jiraachuu baatu illee, yoo gaafatamni dhufeef, gareen gocha suukanneessaa kana ummata irratti raawwate qaama mootummaa miti jettee gaafatama jalaa miliquufi dha kan bilxiginnaan faannoo ijaartee ittiin ummata Oromoo fixaa turte.
Bilxiginnaan garee finxaaleyyii fi shiftoota kana ijaartee ittiin qabsoo Oromoo danquu fi ummata Oromoo ittiin cabsuuf itti fayyadamaa turtus, gareen kun kallattii adda addaatiin, biyya keessaa fi ala irraa tumsa jabaa argachuudhaan humna godhachuun, sadarkaa magaalota naannoo Amaaraa baayyee tohachuu fi humna bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraatiin ol tahuu irra gahe. Sadarkaa kana irra gahuun faannoo, PPn aangoo isheetiif akka yaaddoftee loltu godhee jira.
Yeroo kanatti bilxiginnaan garee ofiin ijaartee, leenjistee hidhachiistee Oromootti bobbaasaa turte waliin wal waraansatti seenteetti. Komandpostii labsuun magaalota keessaa faannoo dhiibus, faannoon baadiyaa naannoo Amaaraa harkaa qaba. Bilxiginnaan, Oromoo ittiin cabsuuf, lafa Oromoo ittiin weeraruu fi qabsoo Oromoo ittiin danquuf kan itti fayyadamaa turte, amma sadarkaa aangoo isheetiif yaaddoo tahuu irra geenyaan waraanuu eegalte.
Gareen finxaaleyyii faannoo kun akkuma abbaan isaanii, PPn ittiin Oromoo cabsuuf leenjisetti dirqama itti kennetti dirqama san raawwataa turanis, suuta suuta of ijaaranii hanga bilxiginnaan yaadduun ol tahuudhaan, abbaa isaanii PP irraa aangoo fudhatanii daran Oromoo cabsanii Oromiyaa weeraruuf bololaa jiru. Oromoo cabsanii dhabamsiisuun Oromiyaa weeraruu irratti kaayyoo wal fakkaataa qabatanii, waliigalanii waggaa afurii oliif waliin Oromootti duulaas turan.
Warri waliigalee isa nyaataa ture yommuu wal nyaatutti Oromoon gama lachuufuu baabsuu hin qabu. Lachuu diinota Oromoo ti. Lameen keessaa kanatu irra Oromoof yaada, kanatu irra wayya kan jedhamu hin jiru. Lachuu warra Oromoo bal’eessuuf kaayyoo godhatee warraaquu dha.
Oromoon qabsoo waggoota dheeraaf itti jiru daran jabeessee, kaayyoo goototaa fi hayyootni qaqqaalii kumaa fi kitilaan itti wareegaman san galmaan gahuuf murannoo cimaadhaan falmachuutu irraa eegama. Ilmaan Oromoo gowwomfamaniis tahe dirqamsiifamanii kanneen lola abbaa fi ilmaa, kan TPLF fi OPDO (PP) keessatti hirmaatanii dhuman kumoota hedduutiin lakkaawamu. Dogoggora kana irraa barachuu qaba Oromoon. Diina isaa tokko lolee mo’achuuf diina isaa ka biraa tumsuun hin barbaachisu.
Diina tokko aangootti akka hin dhufne ittisuuf diina aangoo irra jiru aangoo irratti eeguun barbaachisaa miti. PP aangoo irratti tiksinu malee, PP jala hiriirru malee ni dhumna; kanaaf PP tumsaa, jalatti hiriiraa jechuun ololaa fi sochii dabballootnii fi activitootni PP erga dhihoo kanaa itti jiran Oromoon dammaqinaan of irraa ittisuu qaba. Olola kanaafis saaxilamuun hin barbaachisu.
Waggoota shan bara PP waan Oromoon ta’ee fi ta’aa jiru haaraatti walitti hin himnu. Siyaasni goolessaa faannoo maqaa dhahatee PP akkuma faannoo Oromoo gaaga’e aangoo irratti tiksuuf, deggersa kennaafii ykn jalatti hiriiraa jedhu waan tarkaanfachiisu miti. Kan Oromoo baasu tokkichi qabsoo isaa jabeessuu fi dhaaba qabsoo isaa jabeeffachuun kaayyoo qabsichaa galmaan gahuuf jabaatee falmachuu qofa.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *