Murni kun saboota kamuutiin caalaatti Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu, manaa fi qabeenya isaa mancaasuu fi qe’ee isaa irraa buqqisuu hojii idilee godhatee jira. Gartuu Oromoo akka hamaatti lafa irraa fixaa jiru kana fira Oromoo godhanii moggaasuun yakka seeraa fi seenaa ti. Waan sirnoonni dabran kamuu Oromoo irratti raawwatanii hin beekne, murni “Biltsiginnaa” Oromoo irratti raawwataa jira.
Sirna Oromoo Ajjeesu, akka Mootummaa Oromootti ilaaluun Dogoggora olaanaa dha.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo jalatti walakkaa jaarraatiif gama hidhannoo fi siyaasaatiin geggeeffamaa ture wareegama qaqqaalii fi aarsaawwan ulfaatoo tahan baasisus bu’aalee gurguddoo hedduu argamsiiseera.
Warraaqsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo walitti fufiinsaan geggeesse, addatti waggoota afran bara xumura bittaa abbaa irree wayyaanee/EPRDF wareegama gurguddaa itti kaffale butatuun kan aangoo dhuunfatan murnoonni TPLF jalatti naannoo Amaaraa fi Oromiyaa bulchaa turan ANDM fi OPDO’n kan yeroo kamii iyyuu caalaa waggoota shanan kana ilmaan Oromoo haala suukanneessaa ta’een jumlaan ajjeesaa turaniiru. Murnoonni kun maqaaa isaanii gara “Biltsiginnaa” jedhutti jijjiirratanii paartii haaraya of fakkeessuuf yaalanis, murnuma TPLF jalatti waggoota 27f Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi hiraarsaa kan turan tahuu eenyu illee bareechee beeka.
Murni kun saboota kamuutiin caalaatti Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu, manaa fi qabeenya isaa mancaasuu fi qe’ee isaa irraa buqqisuu hojii idilee godhatee jira. Gartuu Oromoo akka hamaatti lafa irraa fixaa jiru kana fira Oromoo godhanii moggaasuun yakka seeraa fi seenaa ti. Waan sirnoonni dabran kamuu Oromoo irratti raawwatanii hin beekne, murni “Biltsiginnaa” Oromoo irratti raawwataa jira.
Maatii tokko guutummaa hanga fixuu, abbaa fi haadha bakka tokkotti ajjeesuudhaan daa’imman dirree irratti facaasanii hambaa bineensaa godhaniiru.
Haadholii ulfaa mana waliin gubanii, haadha daa’ima ishee waliin ajjeesaniiru. Dargaggoota Oromoo osoo lubbuudhaan jiranii harkaa fi miila hidhanii awwaalaniiru.
Xiyyaara nam-maleessaan bakka Oromoon amantaa fi gabaadhaaf walitti qabamee jirutti haleeluun fixaniiru.
Keemikaala summaawaatiin namaa fi qabeenya akkasumas bineensota daggalaa faalanii fixaniiru. Gochoonni suukanneesoon hedduun murna kanaan Oromoo irratti raawwatameera.
Murna kanaan mootummaa Oromoo ti warri jedhan garuu sammuu akka namaatti ittiin yaadan waan qaban hin fakkaatan. Sirni ykn mootummaan tokko, imaammata bulchiinsaa kam iyyuu haa qabaatu, afaan saba sanii beekuun qofti sirna tokko sirna saba sanii ti hin jechisiisu. Angawoonni olaanoon saba tokko keessaa bahanii aangoo mootummaa irra jiraataniifis sirnichi kan sabichaa hin tahu. Haala ijaarama sirnichaa, sirna bulchiinsa isaa fi gocha isaatu maalummaa mootummaa tokkoo murteessa ykn ibsa.
Hunda caalaa haqa saba kamiifuu dhaabbachuu, saboota bulchiinsa isaa jala jiran mara walqixxummaadhaan tajaajiluu fi hoogganuu dha. Addatti ammoo mirga saba cunqurfameef kan dhaabbatu yoo tahe, waan sabni sun dhabe, haqa isaa dabe qajeelchuu, dhugaa isaa dhokate mul’isuufii, mirga isaa sarbame kabachiisuu fi gaaffii isaa sirnaan deebisuufii barbaachisa. Maal taate?, maal dhabde?, maal barbaadda jedhanii gaafatuu dha. Kanaan alatti afaan saba cunqurfamaa dubbatanii cunqursaa isaa itti jabeessuu fi harqoota gabrummaa daran baachisuu, afaan isaa dubbachaa sabicha fixuun diinummaa ija baasee dha.
Murni “Biltsiginnaa” akka waan Oromoof yaadanii fi akka waan ummanni Oromoo isaaniin bakka buufateetti yommuu isaan waltajjii fi miidiyaa irratti seeneffatan ni dhaga’ama. Kun ammoo saboota birootiif dhugaa fakkaachuu mala. Garuu dubbiin faallaa dha. Murni kun Oromoo ajjeesuu hojii isaa bu’uuraa godhatee osoo jiruu, akka waan Oromoof dhaabbateetti dhiiga Oromootti qoosuutti jira.
Waggoota shanan kana, yakka tokko malee eenyummaa isaanii qofaan yakkamanii kuma dhibbootaan kan lakkaawaman mana hidhaa garagaraa keessatti kan dararamaa jiran ilmaan Oromoo qofa dha. Ajjeechaan jumlaa kan irratti raawwatamaa jirus Oromoo qofa dha.
Guyyootuma as dhihoo kana Shaggar Lixaa Ona Cobiitti maatii tokko keessaa namoota saddeet kan ajjeese murna “Biltsiginnaa” ofiin jedhu kana dha. Tibbuma kana Godina Jimmaa Ona Saxxammaattis namoota siyaasa kam keessa iyyuu hin jirre kan rasaasa itti roobsuudhaan ajjeese murnuma kana dha. Godinuma kana Ona Geeraatti ummata fuulduratti kan qonnaan bultoota irratti reebicha ulfaataa fi gochoota jibbisiisoo raawwate, haala safuu ummataa fi seera Uumaa cabseen, maanguddoota irraa huccuu baasanii kan walgahii ummataa duratti qullaa dhaabe, murnuma akka mootummaa Oromootti of dhaadhessu kanaa dha. Guyyuu ummata Oromoo kan gidirsu, ajjeesu, hidhuu fi saamu kun mataa diina Oromoo ti malee gonkumaa fira Oromoo ta’uu hin danda’u.
Afaan Oromoo dubbachaa, lafaa fi qabeenya Oromoo akka fedhanitti saamaa, Oromoo ammoo ajjeesaa fira Oromoo tahuun hin yaadamu. Mootummaan Oromoo yoo sirna Oromootiin Oromoo hooggane, mirgaa fi daangaa Oromoo kabachiisee dha. Oromoon yoo mootummaa ofii dhaabbate, sirna madda dimokiraasii addunyaa tahe, Sirna Gadaatiin bula. Sirna Gadaa ammoo fakkeessiidhaaf osoo hin taane, sirnicha dhugaadhaan haaromsee dhaloota barsiisee ittiin of bulcha. Oromoo sobanii afanfajjessanii sanyii isaa lafa irraa duguuguun amala diinummaa ti. Murni ilmaan abbaa gadaa ofiin jedhaa abbootii gadaa ajjeesu diina Oromoo isa jalqabaa ti.
Oromoon yeroo kanaan sobamu bira dabree jira. Saboonni biroon akkanatti dogoggoraan hubachaa turanis, murni kun Oromoof diina adda duree malee fira tahuu akka hin dandeenye jala muranii beekuu dha qaban.
Murni kun godina Oromoo tokkoof waan gaarii hojjetee godina biraatiif ammoo waan hamaa akka godhuutti kanneen dogoggoraan hubatanis haqa jiru beekuu qabu. Tarii murni kun mala ittiin Oromoo godinaan qoqqoodanii gabrummaa jala tursiisaniif kan shiru yo ta’e malee, godina Oromiyaa kam keessattuu murni kun Oromoo ajjeesaa oola. Godina gariif rasaasa roobsee warra kaaniif warqii hin roobsine.
Oromiyaa keessatti hireen Oromoo tokkichuma. Namoonni akka dhuunfaatti godina kam irraayyuu yoo tahe, dantaa duunfaa fi bolola aangootiif murna kanatti yoo makaman, qabeenya saamanii tujjaaruu fi waan itti fakkaate dalaganii hanga mirnichi aangoo irra jirutti jireenya qananii jiraatan ni jiru. Kun ammoo sirnoota dabran keessattuu waanuma turee dha. Namootni akkasii gama kamiinuu, godina, firaa fi maatii isaanii bakka hin bu’ani. Mataa isaanii qofa bakka bu’u.
Oromoon yoo jabaatee qabsoo isaa geggeesse, murna maqaadhaaf of fakkeessee Oromootti of yaamu kana of irraa kaasee, sirnaa fi mootummaa mataa isaa ni dhaabbata. Murna isa ajjeesu dhaggeeffachuu dhiisee hanga sirna mataa isaatiin bulutti jabaatee qabsoo isaa finiinsuun dirqama taha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *