Warri akka malee fi bakka malee jiru, Dhumaatii Ummata ofiif dantaa hin qaban.

Warri akka malee fi bakka malee jiru, Dhumaatii Ummata ofiif dantaa hin qaban.

Har’a qe’een Oromoo Bahaa-dhihatti, Kaabaa-Kibbatti, Giddu-galeessaan waraana sirna bilxiginnaan goolamaa jira. Qe’een Oromoo dirree dhiigaa fi boo’ichaa, iddoo ijoolleen Oromoo akka bineensaatti maatii jalaa adamsamanii yakkaa fi bal’eessaa tokko malee maqaan “Shanee ykn Abbaa Torbee” jedhu itti maxxansamee jumlaan itti ajjeesamaa, reebamaa fi hidhaatti guuramaa jiranii dha.

Warri akka malee fi bakka malee jiru, Dhumaatii Ummata ofiif dantaa hin qaban.

Gariin sirna abbaa irree Bilxiginnaa duukaa fiiga; dantaa bubuutuu fi yeroon iji itti jaamee dhumaatii lammii isaa, imimmaan iyyeessaa, boo’icha haadhaa fi abbaa, barbadaawuu qabeenyaa fi manaa waraanni, miliishaan, kaadiree fi kaabineen sirnichaa ummata nagaa irraan ga’aa jiran homaa quba hin qaban; yo beekanis dantaa ofii hin godhanne.

Kaan sirnichatti maxxanuun saamichaa fi waliin dhahuudhaan waan funaannateen warra konkolaataa, manneenii fi abbootii qabeenyaa ta’anii iyya lammii isaanii dhaga’aa hin jiran; qabeenya karaa malee fi sirnichatti rarra’anii argatantu isaanitti iyyaa oola; iji isaanii kanaan jaame; gurri isaaniis kanumaan duude.

Gariin ammoo osooma beekanii, gam-tokkeen isaanii dhiigaa fi dhumaa jiraachuu hubatan illee, maal na dhibdee fi ayyaanlaallattummaadhaan ykn gar-lamummaadhaan joonja’anii jireenya hin qabatamnee fi itti fufiinsa hin qabneen dhugamanii iyya lammii isaaniitti dugda gatanii jiran.

Bilxiginnaan bifaa fi haala adda addaan hawaasa rafee guyyaa du’a isaa eeggatu kanatti fayyadamee yakka fi dhumaatii himuun salphataa hin jirre guyyuu ilmaan Oromoo nagaa irratti geggeessaa jira.

Maqaa “Shanee” dhabamsiisuu jedhuun duulli waraanaa yeroo ammaa bifa haaraan guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromo irratti banamee jiruu fi dhumaatiin dargaggootaa fi qonnaan bultoota Oromoo irratti deemsisamaa jirus herreguma kana irraa kan maddee dha.

Har’a qe’een Oromoo Bahaa-dhihatti, Kaabaa-Kibbatti, Giddu-galeessaan waraana sirna bilxiginnaan goolamaa jira. Qe’een Oromoo dirree dhiigaa fi boo’ichaa, iddoo ijoolleen Oromoo akka bineensaatti maatii jalaa adamsamanii yakkaa fi bal’eessaa tokko malee maqaan “Shanee ykn Abbaa Torbee” jedhu itti maxxansamee jumlaan itti ajjeesamaa, reebamaa fi hidhaatti guuramaa jiranii dha. Addatti Giddu-galeessa Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa keessatti yakki waraanaa mootummaa PPtiin ummata nagaa irratti raawwatamaa jiru isa duraa irra bal’aa fi hammaataa dha.

Waggoota shanan kana guutuu yakki waraanaa suukanneessaan kun ummata kana irratti akka raawwatamu, har’as akka itti fufu kan ajajanii fi qe’ee Oromoo qe’ee boo’ichaa fi gaddaa godhaa jiran eenyuun iyyuu caalaatti mataa sirna PP Dr.Abiy Ahmedii fi Ajajaa Humna Waraana Biyyattii FiildMaarshaal Biraanuu Juulaa ti.

Haala qe’een Oromoo qe’ee gaddaa fi boo’ichaa ta’ee jiru keessatti, yeroo itti qeerroon Oromoo haadhaa fi abbaa jalaa humna waraanaan guuramee bifa gaddisiisaan rasaasni itti roobsamee ajjeesamaa jiru keessatti, yeroo itti hawwanii fi shamarran keenya salphifamanii gudeedamaa jiranitti, yeroo itti maanguddootni kabajaa fi ulfina qabaachuu malan xiqqeeffamanii salphifamuu caalaa iyyuu ajjeefamaa fi hidhamaa jiranitti, yeroo manneen hidhaa Oromiyaa Oromoon guutee namni bakki itti hidhamu dhabamee idduma argametti guuramaa jiru keessatti, waliigalatti yeroo itti mootummaan PP akka sabaatti Oromootti xiyyeeffatee duguuggaa geessisaa jirutti, Oromoo ta’ee kan sirna bilxiginnaa duukaa daaddisu, deggeru ykn tumsu sirna PP faanaa yakkamaa dha. Oromoon bifa kanaan jiru dhaabbatees of ilaaluu qaba.

Sirna haadhaa fi abbaa ofii, obboleessaa fi obboleettii ofii akkasumas aantii fi lammii ofii lafa irraa duguugaa jiru, alagaa afeeraa qe’e Oromoo goolaa fi nagaa dhabsiisaa jiru faana hiriiruun, waliin shubbisuun, waltajjii isaa irratti argamuu fi jajjabeessuun salphina guddaa dha. Oromoo ta’ee kan akkasitti jiru of gaafachuu qaba! Kun salphina salphina caaluu fi bor gaafatama seenaa jala nama galchuu dha.

Inni dantaa fi aangoo bubuutuun bitames, inni fayidaan iji itti jaamee fi gurri itti duudes, inni ayaanlaallattummaa fi gar-lamummaan hojii farrummaa hojjechuutti fuulleffatee jiru marti yeroon dhaabbatanii of ilaalanii fi if madaalan amma jenna.

Waan fedhe ta’u sirni PP bara baraan jiraachuu hin danda’u. Ummatni Oromoos roorroo hamtuu bara ammaa kana keessatti hin hafu. Qabsoon Oromoos duula gama hundaan irratti geggeessamaa jiru irra aanee mo’atnaan sabicha ifatti baasuunis waanuma hin oolle. Roorroon hammaatuun diddaa roorroo dhalcha akkasumas babal’isa malee callisa itti hin fufsiisu. Oolee haa bulu malee, qabsoon Oromoo haalaa fi sirna har’aa kana akka jijjiiruu fi xumura itti godhu shakkiin hin jiru. Seenaan qabsoo Oromoo isa achi fagoo dhiisnee innumti as kaluu kanaayyuu kanuma nuu mirkaneessa. Warri bakka malee fi akka malee jiran yeroon hiriira isaanii sirreeffatuu fi qabsoo fi ummata isaaniitti araaramuun abshaalummaa dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO