Jaal Abbeen, Bara 2018 wayta hogganni Adda Bilisummaa Oromoo gara biyyaa deebi’een booda, bobbaa jila ABO Godina Jimmaatti taasifameef koree simannaa keessatti adda durummaan socho’ee qooda mul’ataa kenneera.
Du’aan Boqotuu Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu ilaalchisee – Ijoo Dubbii ABO
Qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu keessatti hiriiruudhaan qooda adda addaa kennaa kan ture qabsa’aa Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa du’aan boqotee jira. Boqotuu Jaal Abdurrazzaaq (Abbeetti) gaddi ABO olaanaa dha.
Jaal Abdurrazaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu, Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa ganda Mantiinaatti abbaa isaa Obbo Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu fi haadha isaa Aadde Diggoo Abbaa Bulguu irraa ALItti bara 1976tti dhalate.
Abbeen akkuma guddatee yeroon isaa ga’etti qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu keessatti hirmaatuun waan danda’uun haga gaafa lubbuun isaa baatuutti gumaacha isa irraa eegamu ba’ataa ture.
Sochii qabsoo Oromoo addatti sochii dargaggootaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessattis karaa isaaf danda’amuun hirmaatuun warraaqsi qeerroo akka jabaatuuf gumaachaa tureera. Addatti sochii Qeerroo Godina Jimmaa keessatti jaala qooda hin dagatamne kenne akka ta’e seenaan hirmaatnaa qabsoo isaa ni mirkaneessa.
Bara mootummaa abbaa irree wayyaanee/EPRDF keessa hordofamaa fi sodaachifamaa akkasumas hidhamee gidirfamaa kan ture Jaal Abdurrazzaaq (Abbeen), erga mootummaan wayyaanee karaa irraa maqfamees, bara mootummaa PP ammaattis, du’a Art.Hacaaluu Hundeessaan booda qabamee hidhamuun hiraarfamaa ture.
Jaal Abbeen, Bara 2018 wayta hogganni Adda Bilisummaa Oromoo gara biyyaa deebi’een booda, bobbaa jila ABO Godina Jimmaatti taasifameef koree simannaa keessatti adda durummaan socho’ee qooda mul’ataa kenneera.
Caasaa Adda Bilisummaa Oromoo magaalaa Jimmaa dabalatee Onoota Godina Jimmaa adda addaa keessatti gadi dhaabuuf, akkasumas hawaasa ijaaruu keessatti Jaal Abdurrazzaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduu jaala qooda guddaa taphatee dha. Kana malees caasaa ABO Godina Jimmaa keessatti dirqama dinagdeen dhaaba utubuu itti kenname cinaatti, dirqamoota itti kennaman biroo jabinaan jaala ba’ataa turee dha.
Banamuu Waajjira ABO Godina Jimmaa keessattis gumaacha guddaa kan godhe Jaal Abdurrazzaaq ykn Abbeen, sochii qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo godinicha keessatti gadi dhaabuu fi babal’isuuf taasifamaa ture keessatti of qusannaa tokko malee, nama dinagdee mataa isaan dhaaba cina dhaabbataa fi qabsaawota gargaaraa, kanneen kaaniif fakkii ta’aa ture ta’uu seenaa qabsoo isaa irraa hubachuun ni danda’ama.
Jaal Abdurrazzaaq (Abbeen) nama amala qabsaawummaa qabu, hawaasa biratti beekamtii fi jaalala horate, qabsaawotaaf naatoo mul’isuu fi waan inni raawwate yoom illee kan hin dagatamne ta’uu jaallan isaa kanneen itti dhiheenyaan isa beekanii fi waliin hojii qabsoo qooddatan ni mirkaneessu.
Jaal Abbeen guyyoota muraasaan dura dhukkuba akka tasaa isatti dhufeen dhibamee Hospitaala Jimmaatti waldhaanamaa erga tureen booda, irraa fayyuu dadhabuun Sadaasa 26, 2023 du’aan boqotee jira.
Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqotuu Jaal Abdurrazaaq (Abbee) Abbaa Biyyaa Abbaa Diiduutti gadda itti dhaga’ame ibsaa, maatii, firootaa fi jaallan qabsaawotaaf jajjabina hawwa.
Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 26, 2023
Finfinnee


Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *