Somaaliyaan Itophiyaa irratti waraana banuuf dhaadachuun dhagaโ€™ame.

Somaaliyaan Itophiyaa irratti waraana banuuf dhaadachuun dhagaโ€™ame.

Itophiyaan Somalilaandiif beekamtii kan kennituu fi buufata doonii kan ijaarrattu yoo taโ€™e Somaaliyaan waraana eegaluuf qophaaโ€™uu gorsaan piresidaantii Somaaliyaa dubbatan

Somaaliyaan Itophiyaa irratti waraana banuuf dhaadachuun dhagaโ€™ame.

Ulaa galaanaa argachuu kan jedhuun waliigaltee mootummaa PP fi Somaliland gidduutti irra gaโ€™ame hordofee muddamni Itophiyaa fi Somaaliyaa gidduu daran hammaatee wayta jiru kanatti, Somaaliyaan Itophiyaa irratti waraana banuuf qophaaโ€™uu ishee ifa gootee jirti.

Itophiyaan Somalilaandiif beekamtii kan kennituu fi buufata doonii kan ijaarrattu yoo taโ€™e Somaaliyaan waraana eegaluuf qophaaโ€™uu gorsaan piresidaantii Somaaliyaa dubbataniiru.

Akka The Guardian gabaasetti, piresidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaammud, Somaalotni biyya isaanii tiksuuf akka qophaaโ€™an yaamicha taasisuu gorsaan piresidaantichaa ibseera.  

Nuti rakkoo dhalate karaa diplomaasiin hiikuuf carraa qabnu hunda hordofaa jirra kan jedhan gorsaan piresidaantii Somaaliyaa kun, haa taโ€™u malee, Abiy Ahmed waraana kan barbaadu yoo taโ€™e nu qophii dha jedhaniiru.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn ibsa Amajjii 07, 2024 baaseen, mallattoo walhubannoo mootummaa Itoophiyaa fi Somaaleeland gidduutti taโ€™e hordofee jeequmsi siyaasaa fi haawaasummaa mulโ€™ataa jiru kan isa yaaddesse taโ€™uu ibsee jira. Waliigalteen kun kan mootummaa Itoophiyaa fi qaama irratti hirmaate taโ€™uu kan hubachiise ABOn, hundis akkasitti akka hubatuuf yaamicha dhiheesse.

Yeroo jeequmsi siyaasaa hoโ€™aa taโ€™ee jiru kanatti qaamonni waliigaltee kana irratti qooda fudhatan hunduu tasgabbii fi walhubannaan akka sochoโ€™an ABOn akeekuun, gamni lachuu tarkaanfii miira irratti hundaaโ€™e irraa akka of qusatan gaafate.

Hawaasni Idil-addunyaa, Mootummootni Gamtootaman (UN), Gamtaan Afrikaa (AU), Gamtaan Awurooppaa (EU) fi biyyootiin ollaa jeequmsi amma uumame kun nagaan hiikkaa akka argatu dhiibbaa malu akka godhan yaamicha kan taasise ABOn, rakkoon dhalate kun yeroo fi hatattamaan furmaata yoo hin arganne, gaagaโ€™ama siyaasaa fi hawaasummaa balโ€™aa uumuu akka dandaโ€™u dursee hubachiiseera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO