Sababaan itti Somaaliyaa gadhiistee deemteefis qunnamtii waajjira ABO waliin qabaachaa turteef waan shakkamteef ta’uu seenaan ishee ni hima.
Seenaa Gabaabaa Jaal Aashaa Qallii – Ibsa Gaddaa ABO
Jaal Aashaa Qallii (Aashaa Abraahim Usmaan Qaqallii) Godina Harargee Bahaa Ona Kombolchaa, magaalaa Kombolchaa, Araddaa Eeguu jedhamtutti abbaa isii Obbo Abraahim Usmaanii fi haadha isii Aadde Faaxumaa Abdullaahii irraa Guraandhala 01, 1943 dhalatte.
Jaal Aashaan haatii fi abbaan ijoollummaan waan irraa du’aniif, xiqqeenyaan ganna 12tti namoota biyya Somaaliyaa deeman waliin magaalaa Hargeessaa dhaqxe. Warri Somaalee kan Hargeessaa ishee geesse akka hojjettuutti of bira jiraachisaa turan. Umrii ijoollummaan haala kana keessa osoo jirtuu, dubartiin Oromoo intala xiqqoo fidanii hojjechiifachaa jiru kan jedhu dhageessee, Aashaa fuutee of biratti guddiste. Akka umriin ishee heeruma ga’een Xaaliyaanii tokkotti heerumuun waliin bultii ijaarratanii intala Maariyaan jedhamtu godhatan. Haala kanaan jireeya gaarii osoo jiraatanii jalqaba bara 1973tti abbaan warraa irraa boqonnaan Hargeessaa irraa gara magaalaa Moqadishootti akka godaante seenaan ishee ni ibsa.
Jaal Aashaa Abraahim Usmaan Qaqallii akka Moqadishoo dhaqxeen bara 1973 irraa jalqabdee gaazexeessituu Raadiyoo Somaalee sagantaa Afaan Oromoo taatee maqaa Aashaa Qallii jedhamuun yaamamuu jalqabde. Yeroo sanatti Impaayera Itoophiyaa keessatti raadiyoo kana dhaggeeffachuun yakka ture. Haa tahu malee hawaasni Oromoo Baha Oromiyaa, Baalee fi Arsii sodaa tokko malee hordofaa turan. Jaal Aashaan qophii oduu biratti, sagantaa ishee kan guyyaa Kamisaa, kan fira walquunnamsiisu akkaan gurra horatee, dhageettiis argate. Namni fira isaa biyya irraa baqate kan ittiin faana dhawu ykn hordofu taate. Kana malees, sagantaa namootni wallee itti waliif filan qopheessuu fi dhiheessuun raadiyoonicha daran beeksiste.
Akka kanaan Jaal Aashaan qabsooftuu fi sab-boontuu bara ummatni Oromoo dukkana keessa turee fi sagalee hin qabnetti sagalee taateef. Afaan Oromoo akka raadiyoo hin cabsines warra Itoophiyaatti agarsiiste. Afaan ummata Oromoo afaanota kamiinuu gadi akka hin taane kan hojiin agarsiiste waan taateef, seenaan ishee galmee dubartoota akka ishee qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti seenaa hojjetanii darban keessatti galmaawee dhaloota irraa dhalootatti darba.
Haala kanaan Jaal Aashaa Qallii, dhuma bara 1973 irraa hanga walakkeessa bara 1982tti hawaasa tajaajilte. Baruma kana keessa biyya Somaaliyaa irraa gara biyya Sa’ud Arabiyaatti sossoote. Achis osoo hin turin baruma sana keessa maatii ishee waliin gara Xaaliyaanii magaalaa Roomaatti deemte. Magaalaa Roomaa akka geesseen immigireshiniin biyya sanaa Jaal Aashaa basaasummaan shakkee maatii ishee jalaa hambisuun Somaaliyaatti darbate.
Jaal Aashaan akka Somaaliyaa geesseen hidhaan waggoota 10nii itti murtaawuun hidhaatti darbatamte. Ji’a saddeet (8) erga hidhamtee booda dhiifamni godhameefii hidhaa irraa akka baateen walakkeessa bara 1984 magaalaa Qaahiraa kan biyya Misraatti argamtu dhaqxe. Kana booda hiree qubsumaa argattee bara 1989 ji’a Adoolessaa keessa biyya Kanadaa magaalaa Torontoo dhaqxee jiraachuu akka jalqabde seenaan jireenya ishee ni hubachiisa.
Jaal Aashaan gaafa waajjirri ABO Somaaliyaatti banamu qooda kan keessaa qabduu fi hoogganoota achi turan tajaajilaa kan turtee dha. Gaafa waajjirri dhaabaa cufames miseensota achi turanii fi shakkaman baasuu fi miliqsuu irratti qooda qabdi. Sababaan itti Somaaliyaa gadhiistee deemteefis qunnamtii waajjira ABO waliin qabaachaa turteef waan shakkamteef ta’uu seenaan ishee ni hima.
Jaal Aashaa Qallii akka Torontoo geesseen muuxannoo fi ogummaa qabduun sochii Oromoon biyya ambaa keessatti gochaa ture keessatti eda’amtee dirqama ishee ga’ummaan ba’achuu jalqabde. Akka kanaan miseensa hawaasa Oromoo magaalaa Torontoo ta’uudhaan yeroo dheeraaf dirqama irraa eegamu ga’ummaan ba’achaa turte.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, biyya alaatti miseensa horachuu yeroo jalqabettis miseensa Konyaa ABO Torontoo taatee qooda fudhataa turte. Cayaan ABO Biiftuu Ganamaa magaalaa Torontoo gaafa utubamu warra utube keessaa tokko turte. Bara dheeraafis cayaa kana keessatti dirqama qabsoon gaafattu cufa nama gumaachaa turtee dha.
Jaal Aashaan bu’aa-ba’ii amna dheertuu qabsoo bilisummaa Oromoo waliin odoo tirattuu yeroo gabaabduuf dhukkubsattee Guraandhala 12, 2024 ganna 81tti biyya Kanadaa magaalaa Torontootti boqotte.
Jaal Aashaan bilisummaa akkaan jaal’attu arguu baattu illee, sadarkaa har’a qabsoo fi afaanichi irra gahe biratti, intala isii ilmaan akkoo taatuuf shanii fi akaakoo taatuuf saddeet argitee waan jirtuuf, kanattis dabalee murannoo fi sab-boonummaa isheetiin gumaacha gooteen Oromoo fi Oromiyaan haala gaafa keessatti dhalatte irra akkaan fooyyawanii waan jiraniif, waan itti sheenoftu hin qabdu. Galatni isii Jannata haa ta’uuf jenna.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn irra deebi’ee du’aan boqotuu qabsooftuu fi sab-boontuu Jaal Aashaa Qallii (Aashaa Abraahim Usmaan Qaqallii)tti gadda itti dhaga’ame ibsaa, biyyeen itti haa salphattu jedha. Maatii fi firoottan ishee, akkasumas hawaasa Oromoo Torontoo fi ummata Oromoo maraafis jajjabina hawwa.
Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 14, 2024
Finfinnee



Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *