Gareen qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhimma ajjeechaa qondaala siyaasaa ABO Battee Urgeessaa irratti ragaa namootaa sassaabuu erga eegale guyyaa sadi booda โqorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuuโ xalayaan komishinichi Pireezdaant Shimallis Abdiisaa dabalatee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf erge mulโise.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ragaalee ajjeechaa Batteerratti harki humnoota nageenyaa jiraachuu agarsiisan erga sassaabee booda qorannoo gaggeessaa ture โaddaan kutuuf dirqamuuโ ibse

Gareen qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhimma ajjeechaa qondaala siyaasaa ABO Battee Urgeessaa irratti ragaa namootaa sassaabuu erga eegale guyyaa sadi booda โqorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuuโ xalayaan komishinichi Pireezdaant Shimallis Abdiisaa dabalatee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf erge mulโise.
Gareen qorannoo kun ragaa namootaa sassaabe ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti haalota hirmaannaa qaamolee nageenyaa mootummaa agarsiisan argachuu xalayaa kana irratti eerameera.
Xalayaan KMNI Ebla 17 barreesseefi Addis Standard ilaale kun waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa, waajjira komishinii poolisii naannichaa, waajjira abbaa alangaa waliigalaa naannichaa, fi waajjira bulchiinsaafi nageenya naannichaaf ergame.
Xalayaan fuula lama qabu kun Obbo Batteen naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti ajjeefamuu kan mirkaneesse yoo taโu, Ebla 10 โakkuma odeeffannoon kun isa qaqqabeen ogeeyyii qorannoo naannoo sanatti hojjetanโ bobbaasuun hojii ragaa fi odeeffannoo walitti qabu eegaluu ibseera.
Komishinichi odeeffannoo fi ragaa garee qorannoo isaatin walitti qabame irratti hundaaโuun, Peenisiyoonii Abhem jedhamutti siree qabatanii kan turan Obbo Batteen Ebla 09 waaree booda naannoo saโaatii 11:00tti irbaata booda akka deebiโan himuun furtuu kutaa ciisicha isaanii bakka simannaa keessummootatti kaawwatanii akka bahan โhubachuuโ ibseera.
Obbo Batteen mana siree san gadhiisanii erga bahanii booda naannoo saโaatii 11:30tti konkolaataan tokko, qaamolee nageenyaa โmeeshaa waraanaa hidhataniiโ fi uffata yeroo baayโee โReenjarโ jedhamuun beekamu uffatan afur โaangaโoota lamaโ waliin qabate mooraa mana siree keessatti buuse. Walumaagalatti namootni jaha kutaa ciisichaa qabataniiru.
Haala guyyoota biroo irraa adda taโeen guyyaa sana naannoo saโaatii 11:45tti humnoonni nageenyaa magaalattii โsochii konkolaattota miila sadii (Bajaaj) fi namoota miilaan deeman dhorkuu eegalan.โ
Guyyaa sana halkan walakkaa naannoo saโaatii jahaatti bakka magaalattii irraa bahe, bakka reeffi Battee itti argame, konkolaataan pikaappii tokko saffisaan imaluun daandiirraa maqee ibsaa osoo hin dhaamsiin dhaabbachuu komishinichi ragaa namoota dubbise wabeeffachuun ibseera.
Ergasii namoota uffanaa waraanaa uffatan afur konkolaataa sanarraa buโuun, nama tokko duuba konkolaataa irraa harkisanii buusuun irra deddeebiin itti dhukaasuun gatanii deemu komishinichi eereera. Guyyaa itti aanu, Ebla 10 reeffi Battee โharkisaa lama duubatti hidhamee, akkasumas mataa, laphee fi garaa irratti rasaasaan rukutameeโ argame.
Gareen KMNI qorannoosaa itti fufuun Ebla 11 ragaa baatoota kanaan dura dubbise qunnamee gaaffii dabalataa gaafachuuf yaaluus, โnamoonni kunneen poolisiin akka qabaman baruuโ ibse. Poolisiin namoota ragaa baโan kana โnageenya isaaniif jechaโ toโannaa jala oolchuu isaanii ibseera. Haa taโu malee Komishinichi ragaa baโoota waliin akka hin qunnamne dhorkamuu ibse.
Xalayaan KMNI itti dabaluudhaan akka ibsutti, Komishinichi adeemsa qorannoo keessatti โnageenya ragaa baatota mirkaneessuuf carraaqqii guddaaโ taasisus, poolisiin ragaa baatota gareen qorannoo komishinichaa dubbisan hidhuu qofa osoo hin taane yeroo gareen Komishinichaa magaalattii keessa sochoโu โnamoota fi konkolaattota hin baakamne hordoffii irratti taasisaa fi sochii isaanii gufachiisaa turan.โ Kana malees, poolisiin miseensota maatii Battee kanneen qorannoo KMNIโf tumsaa turanis toโannaa jala oolcheera.
โSababa kanaaf nageenya ogeeyyii qorannoo, ragaalee fi namoota qorannoo kana keessatti hirmaatan mirkaneessuuf, Komishinichi hojii ragaa walitti qabuu Ebla 12 magaalattii keessatti hojjechaa ture โaddaan kutuuf dirqameeraโ.
Komishinichi xalayaan kanaan, โqorannoo isaa keessatti gufuun akka hin uumamneโ mirkaneessuuf aangaโoonni naannichaa hojii isaaf tumsa barbaachisaa taโe akka godhan gaafateera. Akkasumas ragaa baatota hidhaman kanneen odeeffannoo Komishinichaaf kennuu irratti tumsan hatattamaan akka daawwatuu, akkasumas maatii Obbo Battee fi shakkamtoota biroo toโannaa poolisii jala jiran irratti dhiittaa mirga namoomaa akka hin geenyeef hordoffii barbaachisaa taโe akka godhamu gaafateera.
Komishinichi gabaasa qorannoo kanaa maxxansuu isaan dura guyyoota hojii kudhan keessatti qondaaltota dhimmi ilaallatu waliin โmariโachuuf qophii taโuuโ xalayaa kanaan aangaโoota dhimmi ilaallatu beeksise ture.
KMNI erga xalayaa kana ergee as deebii adeemsa itti fufe yoo jiraate jedhamee Addis Standardiin kan gaafatame yoo taโu, komishinichi deebii isaatin โqorannoo itti fufee gaggeeffamaa jiru irratti yaada akka hin laanneโ ibseera. Kunis danqaalee jiraatanis, ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti argannoo jalqabaa isaa maxxansuutti itti fufuu akka dandaโu mulโiseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *