Weerara Dhibee Busaa Oromiyaa keessatti Ummata fixaa jiru…
Oromiyaatti Weerarri Dhibee Busaa Akkaan Babal’atuun Lubbuu Namootaa Guyyaguyyaan Dabarsaa Jiraachuun Gabaafame.
Godinoota Oromiyaa Wallagga Arfan, I/A/Booraa, Jimmaa fi bakkoota maqaan hin dhahamin hedduu keessatti weerarri busaa babal’atuun ummata irraan miidhaa ulfaataa dhaqqabsiisaa akka jiru dhaga’ameera. Keessumaa gandoota baadiyaa keessatti miidhaan dhibee busaa kun dhaqqabsiisaa jiru hamaa ta’uu kan ibsan maddeen, lubbuun namaas darbaa jiraachuu addeessu.
Godina Wallagga Bahaa Onoota Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Giddaa Ayyaanaa, Eebantuu fi Giddaa Kiiramuutti lubbuun namoota hedduu dhibee kanaan darbaa oola jedhameera.
Tibba kana Ona Giddaa Ayyaanaa ganda Hoomii Ansaaraa bakka Dambaaroo jedhamutti maatii tokko keessaa namoonni lama yoo du’an, lama immoo garmalee dhukkubsatuutu hubatame.
Namoonni dhibee kanaan qabamuun gara Hospitaala Giddaa Ayyaanaa seenaa jiran humna hospitaalichaan ol kan jedhan maddeen, guyyaa guyyaan namoonni lubbuu dhaban dabalaa jiraachuus himu.
Sababa rakkoo nageenyaan buufataaleen fayyaa gandoota baadiyyaa keessaa cufamuun, ogeeyyiin fayyaa gara magaalaatti baqatuu irraa dhibeen kun akka babal’atuu fi gaaga’ama dabaluuf carraa kennuus maddeen ni hubachiisu.
Waldaan Gargaarsa Oromoo ORAn tibbana weerara dhibee busaa yeroo ammaa ilaalchisee barruu facaaseen, “Weerara dhibee Busaatiin ummanni keenya gidiraa hamaa argaa jiru! jedheera.
Akkuma bara darbe Lixa Oromiyaa goodinoota Wallagga Lixaa Onoota hedduu keessatti weerara dhibee busaatiin ilmaan Oromoo hedduu du’aa fi miidhan guddaan irra gahe, yeroo amma kana immoo Lixa Oromiyaa Goodinoonni Wallagga bahaa hunda dabalatee hanga Goodina Horroo Guduruu Wallaggaatti sababa weerarri dhibee busaa kuni humna ol babal’ateen wal qabatee, ummanni keenya carraa taa’anii du’a eeggachuu keessatti kufanii jiru jedheera.
Goodinoota Wallagga bahaa Onoota hedduu fi Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa Onoota baay’ee keessatti weerarri dhibee busaa kun babal’atee jiraachuu ifa godha. Ummaanni dawaa dhibee Busaa guutummaan guutuutti dhabuu irraa kan ka’e akkasumas rakkoon geejjibaa waan jiruuf, goonkuma yaala argachaa kan hin jirree fi dhumaatii guddaan akka irra gahaa jiraachuu ifa godhee jira.
Ona Haroo Limmuu keessatti weerarri dhibee Busaa kun akkaan hamaa ta’uu fi ummata gaaga’aa jiraachuu isaaf ragaan suuraan mul’atu kun daran kan ibsuu dha jedheera ORAn ragaa suuraan dhiheesse kanaan.
Ummaanni rakkoo hamaa keessa jiru kuni gargaarsa hatattamaa lubbuu baraaruu argachuu waan qabuuf, qaamni ummanata kana bira dhaabachuu qabuu fi gargaaruu danda’u kamuu birmannaa akka godhaniif ORAn yaamicha godhee jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *