Du’aan boqotuu Prof.Bayyanee Pheexiroos irratti Ibsa Gaddaa ABO
Du’aan Boqotuu Prof.Bayyanee Pheexiroositti Gaddi Dhaaba Keenya ABOtti Dhaga’ame Guddaa dha – Ibsa Gaddaa ABO

Siyaasaa Itoophiyaa keessatti nama beekamaa fi hubataa kan ta’an hayyuun siyaasaa Prof.Bayyanee Pheexiroos har’a Fulbaana 17, 2024 du’aan addunyaa kana irraa boqotuu isaaniitti gaddi ABOtti dhaga’ame guddaa dha.
Bara 1950tti Godina Haadiyaatti kan dhalatan Prof.Bayyaneen, barumsa olaanaa barataniin hayyummaa kan horatan oggaa ta’an, gameessa siyaasaa akkasumas barsiisaa beekamaa fi qorataa ta’uun qooda olaanaa garagaraa kennaa turan.
Bara 1992 irraa qabee deemsa siyaasaa biyyattii keessatti hirmaatuun kan beekaman, addatti mooraa paartilee siyaasaa mormitootaa keessatti maqaan isaanii adda durummaan kan yaamamu Prof.Bayyaneen, mirgi ummatootaa akka kabajamu, dimokraasiin dhugaa akka mul’atu, walqixxummaan akka mirkanaa’uu fi bulchiinsi gaariin akka diriiruuf falmii karaa nagaa geggeessaniiru.
Hayyuun Prof.Bayyanee Pheexiroos, bara mootummaa abbaa irree wayyaanee TPLF/EPRDF, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa seenuun siyaasa biyyattii karaa qabsiisuu fi olaantummaan seeraa akka akka kabajamuufis qabsoo godhaa turaniinis gumaachaniiru.
Paartilee siyaasaa bebbeekamoo biyyattii keessa turan kan akka “Hibirat, Medirak” fi kkf keessatti hirmaatnaa mul’ataa gochuun haqaaf, dimokrasiif kan falmaa turan yoo ta’u, ummata isaanii bakka bu’aniif mirgi isaa akka eegamu, guddinni isaaf malu akka godhamuuf cimsanii falmaniiru; hojjetaniirus.
Qaroo fi hayyuu, biyyattii keessatti nagaa fi siyaasa sabataawaa argamsiisuuf falmaa kan turan Prof.Bayyanee Pheexiroos, daandii qabsoo karaa nagaa itti amanan geggeessaa turaniin hayyoota hedduuf fakkii akka ta’an seenaan isaanii ni mul’isa.
Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi’uudhaan du’aan boqotuu Prof.Bayyanee Pheexiroositti gadda itti dhaga’ame ibsataa, maatii fi firootaaf ammoo jajjabina hawwa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 17, 2024
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *