Magaalaa Moyyaleetti namootni baay’een hidhattootaa fi caasaalee nageenyaa PPn qabamanii hidhaatti guuramaa jiran. Ummatni faallaa hiriira darbee akka bahuufis dirqisiifamaa jira.

Magaalaa Moyyaleetti namootni baay’een hidhattootaa fi caasaalee nageenyaa PPn qabamanii hidhaatti guuramaa jiran. Ummatni faallaa hiriira darbee akka bahuufis dirqisiifamaa jira.

Moyyaaleetti namootni 150 gararraan hidhaman

Magaalaa Moyyaleetti namootni baay’een hidhattootaa fi caasaalee nageenyaa PPn qabamanii hidhaatti guuramaa jiran. Ummatni faallaa hiriira darbee akka bahuufis dirqisiifamaa jira.

Amajjii 11, 2025 Sambata darbe humnootni Federaalaa mootummaa PP magaalaa Moyyalee naannoo hospitaala Fulleessaatti mucaa umriin ganna 12 Boruu Alnuuraa Saaraa jedhamu itti dhukaasanii ajjeesuun walqabatee, guyyuma sana jiraattotni magaalaa Moyyalee hedduun hiriira bahuun yakka ajjechaa waraana PP kana mormuun mootummicha balaaleffatan.

Gartuun PP yakka ajjechaa waraanni isaa ol adeemaa kana irratti raawwatetti osoo gadda isaa hin ibsin, ummata harka qullaa ba’ee ajjechaa seeraan alaa kana balaaleffate jimlaan qabee hidhaatti guuraa jira. Dargaggootni baay’een duula hidhaa kana dheessanii magaalaa fi naannoo sana gadhiisanii akka baqatanis maddeen keenya mirkaneessaniiru.

Maddeen SBO akka gabaasanitti yo xiqqaate namootni 150 ol qabamanii mooraalee RIB, Poolisii Federaalaa, buufata poolisii magaalaa fi kanneen birootti hidhamanii itti roorrifamaa kan jiran yoo ta’u, irra jireessi isaanii dargaggoota tahuu hubachiisu. Kanneen qabamanii hidhaa jiran keessaa maqaan namoota 50 SBO dhaqqabee jira. Isaanis:

  1. Goollicha Guyyoo
  2. Maammad Waariyoo
  3. Xuuxee Maammudoo
  4. Dabboo Dabbasoo
  5. Hasii Abdiqqaadir
  6. Buttee Abdikarim
  7. Abdiyaa Waariyoo
  8. Culkii Diidaa
  9. Galgaloo Maammudoo
  10. Guyyoo Almazii
  11. Aab Kunee
  12. Jaarsoo Jaatanii
  13. Waariyoo Huseen
  14. Diqqaa Bunjii
  15. Duulaa
  16. Adan Qottoo
  17. Joomoo Xachee
  18. Bardiqqoo
  19. Kiyyaa Guduroo
  20. Huseen Moluu
  21. Idiris Moluu
  22. Huseen Guyyoo
  23. Halii Yooyyii
  24. Akkuyyee Goollichaa
  25. Motoqaa Roobaa
  26. Guyyoo Salleessaa
  27. Salloo Qabballee
  28. Shukuu Abdii
  29. Kottoola Jaarsoo
  30. Qancooroo
  31. Jaatanii Haliyoo
  32. Abduuba Waaqoo
  33. Moluu Baattoo
  34. Diidoo Hannaa
  35. Diqqayyaa Abduubaa
  36. Shanaa Abduubaa
  37. Diidoo Dabbasoo
  38. Dabbasoo Odaa
  39. Kiyyaa Kuucaa
  40. Adan Moluu
  41. Ibiroo Iddii
  42. Lookoo Taadhichaa
  43. Dhibaa Bonfiree
  44. Shaarraa Roobaa
  45. Waariyoo Roobaa
  46. Guyyoo Moluu
  47. Halloo Giiroo
  48. Deebanoo
  49. Ashuu fi
  50. Alii kanneen jedhamantu keessatti argama.

Namootni hidhaa keessatti argaman akka malee dhaanamaa fi miidhaa gugurdaan irra gahaa jiraatuullee maddeen keenya ya mirkaneessan.

Gama biraan caasaaleen bulchiinsaa mootummaa PP kan magaalaa Moyyalee ummatni faallaa hiriira mormii darbee akka bahu dhiibbaa gochaa fi dirqaa jiran jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.

Akka gabaasa maddeen keenyaatti, maatiin hundi ilmaan isaanii waliin hiriira bahanii “Lafti nagaa dha; rakkoon hin jiru. Hiriira darbe ilaalchisee dogoggorri kan keenya. Mootummaan dhiifama nuuf haa godhu” jedhanii hiriira akka bahan ummata doorsisaa fi dirqisiisaa jiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO