Ona Horroo Bulluq ganda Laaloo keessatti dhukaasa waraanni mootummaa PP ummata irratti baneen daaโ€™imni yoo ajjeefamu, abbaa fi haati ni madaaโ€™an

Ona Horroo Bulluq ganda Laaloo keessatti dhukaasa waraanni mootummaa PP ummata irratti baneen daaโ€™imni yoo ajjeefamu, abbaa fi haati ni madaaโ€™an

Ajjechaan waraanni PP ummata nagaa irratti raawwatu babal’ate

Ona Horroo Bulluq ganda Laaloo keessatti dhukaasa waraanni mootummaa PP ummata irratti baneen daaโ€™imni yoo ajjeefamu, abbaa fi haati ni madaaโ€™an

Ona Horroo Bulluq ganda Laaloo keessatti dhukaasa waraanni mootummaa PP ummata irratti baneen daaโ€™imni yoo ajjeefamu, abbaa fi haati ni madaaโ€™an

Amajjii 16, 2025 guyyaa harโ€™aa waraanni shiftaa mootummaa PP Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Horroo Bulluq ganda Laaloo keessatti dhukaasa ummata irratti baneen lubbuun daaโ€™ima Bilisaa Balaay jedhamuu darbuu maddeen SBO gabaasan.

Abbaan Bilisaa Obbo Balaay Filee fi haati isaa Aadde Bakkashee Hinkoosaa rasaasaan rukutamanii yeroo ammaa hospitaala seenanii jiru. Obbo Balaay mataa irra waan rukutameef, haala sodaachisaa keessa jiraachuu maddeen SBO mirkaneessan.

Amajjii 14, 2025 irraa qabee Ona Horroo Bulluq gandoota Haroo Aagaa fi Goortoo Caabir jedhamu keessatti waraanni mootummaa PP maqaa WBO deggertu jedhuun ummata nagaa hiraarsaa, saamaa fi qabeenya duraa gubaa jiraachuun hubatameera.

Waraanni goolessituu PP Amajjii 14, 2025 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa   Ona Jimmaa Raaree ganda Dilee Kolbaa jedhamutti dargaggoo Waaqoo Addunyaa Taabor ajjeesee gatuun isaa kan yaadatamuu dha.

Ajjeechaa waraanni RIB, milishaa fi caasaaleen nageenyaa mootummaa gartuu PP ummata Oromoo irratti raawwatu yeroo ammaa bifa haaraan kan jalqabee fi babalโ€™ataa jiru yoo taโ€™u, ajjechaan kunis bineensummaa isaanii kan itti mulโ€™isaa jiruu dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO