Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa Du’aan Boqote

Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa Du’aan Boqote

Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa Du’aan Boqote Miseensa buleessa ABO fi nama kaayyoo itti amaneef amanamaa ta’e Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa, dhukkubsatee waldhaanamaa erga turee booda, irraa fayyuu dadhabuun Gurraandhala 17, 2025 du’aan boqotee jira. Godina Lixa Shaggar naannoo magaalaa Gudaritti kan dhalate Jaal Jigsaan, umrii isaa ijoollummaa irraa qabee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti

Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa Du’aan Boqote

Miseensa buleessa ABO fi nama kaayyoo itti amaneef amanamaa ta’e Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa, dhukkubsatee waldhaanamaa erga turee booda, irraa fayyuu dadhabuun Gurraandhala 17, 2025 du’aan boqotee jira.

Godina Lixa Shaggar naannoo magaalaa Gudaritti kan dhalate Jaal Jigsaan, umrii isaa ijoollummaa irraa qabee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti hiriiree dirqama isaa ba’ataa turuu kan himu seenaan isaa, Waldaa Maccaa fi Tuulamaattis miseensomuun hojii eegumsa waajjira waldichaa irrattis bobba’uun qooda laataa turuu ifa godha.

Bara mootummaan wayyaanee/EPRDF, Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti roorrisaa turee fi waajjira waldichaa irrattis saamicha geggeessaa ture, Jaal Jigsaan saamicha qabeenya waldichaa irratti taasisamaa ture ittisuu keessatti qooda jabaa akka gumaache seenaa isaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Jaal Jigsaan hidhattoota mootummaa wayyaanee/EPRDF qabeenya Waldaa Maccaa fi Tuulamaa saamuuf itti dhufan waan ittiseef jecha, kanaanis yakkamaa ta’ee murtoon dabaa hidhaan waggoota saddeetii (8) itti muramuun gidirsamaa akka ture seenaan isaa ni ibsa.

Jaal Jigsaa Abdiisaa hidhaa yeroo dheeraa irraa erga ba’een booda, dirree qabsoo Kibba Oromiyaatti leenjii dabballummaa erga fudhateen booda, Godinoota Bahaa, Lixaa fi Kaaba Shaggar keessatti dirqama dhaaba isaa ABO irraa itti kenname haala gaariidhaan raawwataa, qabsoo finiinsuu keessatti qooda jabaa  akka taphate seenaan isaa ibsee mul’isa.

Jaal Jigsaan dirqama irra osoo jiruu yeroo lammaffaadhaaf harka mootummaa wayyaanee/EPRDF bu’uudhaan murteen hidhaa waggoota 14 itti muramee manneen hidhaa Qaallittii, Qiliinxoo fi Baatuutti erga dararamaa turee booda, qabsoo fi warraaqsa bara 2018 TPLF karaa irraa kaaseen booda, hidhaa irraa ba’e.

Jaal Jigsaa Abdiisaa Dirbabaa erga hoogganni ABO gara biyyaa deebi’ee fi ABOn ifatti socho’uu jalqabee Waajjira Muummee Gullalleetti hojii eegumsaatti bobba’uun cinaatti, ijaarsa jaarmiyaattis bobba’ee qooda kennaa tureera.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan boqotuu miseensa isaa Jaal Jigsaa Abdiisaatti gadda itti dhaga’ame ibsaa, maatii, firoottanii fi jaallan qabsoo hundaaf jajjabina hawwa.

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO