๐‹๐ข๐ฑ๐š ๐’๐ก๐š๐ ๐ ๐š๐ซ ๐Ž๐ง๐š ๐‰๐š๐ฅ๐๐ฎ๐ฎ, ๐‚๐จ๐›๐ข๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐‹๐š๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐š๐ง ๐Ÿ•๐ŸŽ ๐๐ก๐š๐ช๐ช๐š๐›๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ข๐›๐ฌ๐š๐ฆ๐ž

Mootummaan Bilxiginnaa sochii WBO daangessuu ykn if booda deebisuu akeeka jedhuun, tarkaanfii diroonii godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hammeessaa kan jiru yoo taโ€™u, gocha kanaanis, ummata nagaa homaatuu quba hin qabne, bakka baayโ€™atanii jiraatan, gandeenii fi magaalota keessatti, bakka gabaatti haleeluudhaan dhibbootaan ajjeesuun gocha faashistummaa fi yakka waraanaa raawwatuu irratti argama.

Haleellaa xayyaara nam-maleeyyii (Drone) mootummaan Bilxiginnaa Onkolooleessa 23,2022 guyyaa kaleessaa Lixa Shaggar Ona Jalduu, Cobiitti geggeesseen ummatni siviiliin lubbuu dhaban 70 dhaqqabuun balโ€™inaan gabaasamaa jira.

Lakkoobsi namoota duโ€™anii kana caaluu akka dandaโ€™u kan hubachiisan maddeen, sababni quunnamtiin rakkisaa taโ€™ee jiruuf haalli jiru yaaddessaa taโ€™uu eeru.

Namoota tarkaanfii bineensummaa sirna Bilxiginnaan madaaโ€™an adda baasachuun ammatti rakkisaa taโ€™uu fi manneenii fi qabeenya mancaโ€™anis himuun akka rakkoo taโ€™ee jiru illee ifoomsaniiru.

Mootummaan Bilxiginnaa sochii WBO daangessuu ykn if booda deebisuu akeeka jedhuun, tarkaanfii diroonii godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hammeessaa kan jiru yoo taโ€™u, gocha kanaanis, ummata nagaa homaatuu quba hin qabne, bakka baayโ€™atanii jiraatan, gandeenii fi magaalota keessatti, bakka gabaatti haleeluudhaan dhibbootaan ajjeesuun gocha faashistummaa fi yakka waraanaa raawwatuu irratti argama.

Guutuu Oromiyaa keessatti dhiigni lammiilee Oromoo akka bishaanii lolaโ€™aa kan jiru yoo taโ€™u, ajjechaan jumlaa Mettaa Walqixxee fi Jalduu, Cobiitti raawwatame kanaaf ragaa guddaa dha.

Mootummaan Bilxiginnaa diinummaa ummata Oromoof qabu daran hammeessaa, faashistummaa isaas addunyaatti mulโ€™isaa jira.

Kan nama dhibu garuu Oromootni garii oggaa qaamni isaa gar-tokkeen dhiigaa fi akka baalaa harcaafamaa jiru kanatti taaโ€™ee ilaaluu fi keessummeessuu isaa ti. Gocha abaaramaa fi diinummaa ija baase ummata qulqulluu irratti sirna mootummaa Bilxiginnaan raawwatamaa jiru kana Oromoon sagalee tokkoon dura hin dhaabbatu taanaan, duguuggaan kana caalu dhaqqabuuf akka jiru shakkiin hin jiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO