Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n, Haala Impaayera Itoophiyaa keessaa addattis haala Oromiyaa ilaalchisuudhaan gabaasa baasee jira.  

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n, Haala Impaayera Itoophiyaa keessaa addattis haala Oromiyaa ilaalchisuudhaan gabaasa baasee jira.  

OCHAn Guutummaa Oromiyaa keessatti lolli deemaa jiruu fi hoongeen mudatee furmaata waakkatame, lammiilee gargaarsa nyaataa fi wantoota bu’uuraa barbaadan miliyoonaan lakkaawaman balaa caaluuf affeera sodaa jedhu qabaachuu akeeke.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n, Haala Impaayera Itoophiyaa keessaa addattis haala Oromiyaa ilaalchisuudhaan gabaasa baasee jira.  

Suuraan Asxaa OCHA interneeta irraa fudhatame

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa OCHAn, haala Kibbaa fi Lixa Oromiyaa keessaa kan Onkoloolessa 31, 2022 irraa eegalee jiru gabaasa tibbana baaseen ifa godheera. Akka gabaasni Sadaasa 7, 2022 bahe kun ifa godhutti, bara 2022tti haalli namoomaa Kibbaa fi Lixa Oromiyaa jiru  haalaan kan hammaate yoo tahu, kanaafis sababni ijoon walitti bu’iinsota akkasumas gogiinsa hamaa mudatee dha.

Lixa Oromiyaa akkasumas bakkoota daangaa naannoo Amaaraa fi naannoo Benishaangul Gumuzitti walitti bu’iinsi gareewwan hidhattoota eenyummaan hin beekamne waliin uumame dhabamuu nageenyaaf gumaachuu irra dabree, namootni 740,000tti tilmaamaman qe’ee isaanii irraa akka buqqa’aniif sababa tahee jira. Kibba Oromiyaa Godina Gujii fi Gujii Lixaa keessattis walitti bu’iinsi fakkaataan kan itti fufe yoo ta’u, gama kaaniin gogiinsi mudate namoota miliyoona 3.5 ol miidhee jiraachuu ibsa OCHAn.

Bara 2019 irraa eegalee nageenyi dhabuun namoonni tajaajiloota bu’uuraa kanneen akka fayyaa, barnootaa ykn bishaanii fi qulqullina naannoo argachuu irratti dhiibbaa kan geessise yoo ta’u, bu’uuraalee barbaachisoo ta’an irrattis barbadaa’uu fi miidhaa geessisee jira. Hojjettoonni gargaarsaatis akkuma ummata nagaa rakkoo kana irraa kan hin baraaramne yoo ta’u, jeequmsaa fi doorsisni irra gahus daranuu dabale. Nageenya dhabuu fi danqaaleen biroo fedhii gargaarsa namoomaa kan hammeessan yoo ta’u, gargaarsi kennames baay’ee xiqqaa dha.

Bara kana michoonni gargaarsaa namoota gargaarsa barbaadan biraan ga’uuf qormaatni cimaan isaan mudachuu kan hubachiisu gabaasni kun, rakkooleen nageenyaa kutaalee Oromiyaa bal’aa keessatti mudatanii hamma yoonaa furmaata hin argatin jiran, gargaarsi feesisu ummata akka hin dhaqqabne taasisuu ifa godha.

Walumaagalatti bara 2022tti Lixaa fi Kibba Oromiyaatti gargaarsa namoomaaf deebii laatuudhaaf dandeettiin jiru dhibbeentaa 50n hir’aatee jiraachuu kan hubachiise OCHAn, kunis maallaqni ramadamu daangeffamaa tahuu fi qabeenyichi rakkoolee biroof akka oolfamuuf dursi kennamuu irraa kan ka’e ta’uu ibse.

Gargaarsa nyaataa barbaachisuuf deebiin jiru baay’inaa fi qulqullina isaatiin gahaa akka hin taane kan ibse waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa, kanaafis dhimmootni akka dhabamuu nageenyaa fi akkaataan dhiyeessii (loojistikii) balaadhaaf saaxilamuu akkasumas, hanqinni nyaataa sadarkaa yeroo muddamaatii ol dabaluun sababoota ijoo tahuu addeessa. Michoonni sababa nageenya dhabuu, daangeffama qaqqabummaa fi hanqina maallaqaatiin dandeettiin isaanii daangeffamuu irraa kan ka’e, deebii silaa laachuudhaaf malan ol guddisuu hin dandeenye.

Lixa Oromiyaatti bal’innii fi sadarkaan wal waraansaa bara 2022 keessa cimuudhaan naannoolee haaraa kan akka Horroo Guduruu Wallaggaa fi Godina Iluu Abaa Booraatti akkasumas Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa fi Kibba-Lixaa (Giddugaleessa Oromiyaa)tti babal’ate. Dhababuu nageenyaa kana irraa kan ka’es michoonni gargaarsaa hojii lubbuu baraaruu dhaabuu, sochiin isaanii danqamuu fi iddoowwan hojii dirreef bahanitti ugguramuuf dirqamanii jiru jechuun lammiilee gargaarsa barbaadan dhaqqabuuf rakkoo mudate ibsa OCHAn.

Jeequmsi mudate meeshaalee gargaarsaa karaa Finfinne -Amboo-Naqamtee geejjibuuf dabrees gara Asoosaa geessu irratti dhiibbaa kan uume yoo ta’u, kanneen qayee isaanii irraa buqqa’anii fi baqattoota kuma dhibbaan lakkaawaman dhaqqabuuf tattaaffii taasifamu irratti dhiibbaa uumeera.

Yeroo gabaasni kun qophaa’utti, naannoon bal’aan haala michoonni gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuu hin dandeenye keessa jira. Fakkeenyaaf, meeshaaleen gargaarsaa nyaataa hin taane kumaatamaan lakkaa’aman Naqamtee fi Finfinnee keessatti kuufamaniituma jiru.

Godina Horroo Gudruu Wallaggaatti, michoonni buqqaatota kuma 100 ol ta’an dhaqqabuuf akka rakkatanitti jiru. Wallagga Lixaatti buqqaatonni kumaatamaan lakkaa’aman waggoota lamaaf nyaata kan hin arganne yoo ta’u, Wallagga Bahaatti ammoo qamadiin gara naannolee baadiyyaatti raabsamuuf yaadame baay’inaan magaalaa Naqamtee keessatti akkuma kuufametti jiraachuu addeessa gabaasaan Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa kun.

Gogiinsaan kan hin miidhamne ta’us, madaalliin soorataa naannoolee hedduutti gaggeeffame akka agarsiisutti, hanqinni nyaataa daa’imman, haadholii ulfaa fi harma hoosisan biratti dabalee jira. Kana malees, rooba cimaa hordofuun haala daandii gaarii hin taane waliin walqabatee rakkoo mudateen geejjibni dhiyeessii gargaarsaa gara baadiyyaatti geessuuf qormaata ta’eera. Kibba Oromiyaa keessatti lakkoofsi namoota gargaarsa namoomaa barbaadanii akkaan dabalaa dhufuu kan hubachiisu OCHAn, wal waraansaa fi jeequmsi hammmataa deeme naannolee gogiinsaan miidhaman kanneen keessatti deebii kennuu irratti dhiibbaa uumee jira jedha.

Madaalliin waqtii Birraa yeroo as dhiyootti gaggeeffame akka agarsiisutti, naannoolee kanneenitti namoonni waggaa tokko dura gargaarsa nyaataa barbaadan miliyoona 1.9 yoo turan, amma ammoo gara Miliyoona 4tti ol dabalanii jiru. Gama kaaniin, nageenyi dhabamuu irraa cufamuun daandiilee gurguddoo irratti uumame naannolee Ummatoota, Saboota fi Sab-lammoota Kibbaa fi Somaaleetiif gargaarsa lubbuu baraaruu fi sochii dhiyeessii gargaarsaa gufachiiseera. Lolli gareelee wal waraanaa jiran jidduutti Godina Gujii Bahaa fi Gujii Lixaa keessatti uumame michootni gargaarsaa naannoo bal’aa akka hin dhaqqabne taasiseera. Naannichatti iddoowwan baay’een bara 2019 irraa eegalee hamma yoonaatti gargaarsa namoomaan hawaasa dhaqqabuuf rakkisaa ta’anii jiru. Ummanni rakkoo kanaan miidhame uggura sochii irraa kan ka’e tajaajila bu’uuraa fi gargaarsa namoomaa argachuu hin daneenye.

Kana malees, sababaa gogiinsaatiin walqabatee hanqinni qabeenyaa mudate hawaasa tikfattootaa naannoo Somaalee ollaa isaanii jiran waliin waldhabdee hamaa keessa seensisuu taatee godina Baalee akka fakkeenyaatti kaasuun ibsa OCHAn. Godina Baalee Ona Gurraadhaamolee keessaa namoonni 34,000 sababa waldhibdee kanaan buqqa’anii jiru.

Namoota gargaarsi isaan barbaachisu 434,500 adda baafaman keessaa 23% qofti bara 2022 gargaarsa nyaataa argachuu ibsuun, ammayyuu lammiileen kumaatamaan lakkaawaman gargaarsa dhabuudhaan rakkoo hamtuu keessatti akka argaman ibsa.

Dhaabbileen fayyaa, waajjiraaleen mootummaa sadarkaa gandaa ykn manneen barnootaa dhibbaan lakkaa’aman miidhamaniiru ykn barbadaa’aniiru kan jedhu gabaasni kun, Gujii qofatti dhaabbileen fayyaa 70 fi manneen barnootaa 91 sababa miidhaa fi saamichaan hojiin ala taasifamuu addeessa. Hojjettoonni gargaarsaa guutummaa Oromiyaa keessaa haala rakkisaa fi balaa hamaa qabu keessatti hojjechaa jiraachuu kan eere gabaasichi, hojjeettoonni kunneenis yeroo baay’ee bakkoota lolaa fi waldhibdeen deemu gidduutti qabamu jedha. Dabaluunis akkaataa seera bu’uuraa sadarkaa idil addunyaatti irratti waliigalame kan namoomaa, jiddu-galeessa tahuu, hin-baabsummaa fi walabummaa hojiitiin namoota rakkatan bira gahuu hin dandeenye jechuudhaan komata.

Maayii irrattis, bara 2022 keessa naannolee Kibbaa fi Lixa Oromiyaa wal waraansi itti deemaa jiru keessatti sochiin tajaajila waldhaansaa fi hojiin gargaarsaa akkaan danqaan mudatee jiraachuu ibsee, konkolaattonnii fi meeshaaleen tajaajila fayyaa fi gargaarsa namoomaaf ooluuf yaadaman baay’inaan butamanii fudhatamuu akkasumas hojjettoonnis ukkaamfamuu, reebamuu fi miidhaan bifa adda addaa akka mudate addeessee jira gabaasni waajjira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA)n.

OCHAn Guutummaa Oromiyaa keessatti lolli deemaa jiruu fi hoongeen mudatee furmaata waakkatame, lammiilee gargaarsa nyaataa fi wantoota bu’uuraa barbaadan miliyoonaan lakkaawaman balaa caaluuf affeera sodaa jedhu qabaachuun akeekee jira.

Wayta Kaaba biyyattiitti lolli deemaa ture dhaabbatee, gareeleen wal lolaa turan araara buusuu irraa, yeroo dheeraa booda si’a jalqabaatiif ummanni naannichaa gargaarsa namoomaan dhaqqabamaa jiru kanatti, haalli Oromiyaa keessaa faallaa isaaatti daranuu hammaataa jira. Mootummaan diroonii fi jettii lolaa qilleensa irraan bobbaase dabalatee haleellaa gaggeessaa jiruun lubbuun lammiilee Oromoo hedduun galaafatamaa jira. Ummanni bahee galuu sarbamee jireenya guyyuu gaggeeffatuu fi sossohuuf iyyuu yaaddoo ulfaataa keessa jira.

Waliigalatti, hawaasni qayee isaa keessatti lola irratti banameen rakkatu, qayee irraa buqqa’ees gargaarsa akka hin arganne taasifamu akkasumas hongee isa mudateef akka hin dhaqqabamne godhamu, waliigalatti ummanni fuula hedduun rakkataa jiru xiyyeeffannaa cimaa barbaada.

Kanaafis mootummaa dabalatee kanneen wal waraansatti jiran hundi ummata lubbuun gaaga’amaa jiru lubbuu baraaruuf tattaaffii dhaabbileen namoomaa fi michoonni gargaarsaa taasisan milkeessuuf qooda isaanii gumaachuun dirqama namummaa fi lammummaa ti.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO