Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaatti haleellaa haaraa tibbana humna goolessituu/finxaaleyyii Amaaraan raawwatameen lammiileen Oromoo 12 ajjeesamuu BBCn qondaala bulchiinsa naannoo sanii waabeffachuun gabaaseera.
๐๐ข๐๐๐๐ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ง๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐๐๐๐ซ๐๐ ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐๐๐ง ๐๐๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐๐ ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐ฌ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐ง ๐๐๐๐๐๐ฌ๐.
Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaatti haleellaa haaraa tibbana humna goolessituu/finxaaleyyii Amaaraan raawwatameen lammiileen Oromoo 12 ajjeesamuu BBCn qondaala bulchiinsa naannoo sanii waabeffachuun gabaaseera.
Haleellaan kun kan raawwatame erga torban lamaan dura waraanni mootummaa naannoo sana seenanii as taโuu BBCn hubachiiseera.
Haleellaan kun gandoota sadii Ona Kiiramuu daangessanitti Kibxata darbe raawwatamuu qondaala onichaa waabeffachuun kan gabaase BBCn, haleellaa kanas kan raawwate hidhattoota Amaaraa finxaaleyyii/goolessitoota faannoo taโuu qondaalli kun himuu ifoomseera.
Gama biraan waraanni mootummaa naannoo kanatti sochoosame jedhamu nageenya lammiilee Oromoo eeguun hafnaan ofiifuu maqaa โShaneeโ jedhuun namoota nagaa manaa gadi baasee ajjeesaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.
Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jedhamanis Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa kan hin baโin jiran taโuu fi inumaayyuu caalaatti humna isaanii jabeeffataa, Onootaa fi gandoota adda addaa keessa facaโanii balaa dhaqqabsiisaa, humni dabalataas Bulchiinsa Naannoo Amaaraa irraa itti ergamaa akka jiru kanneen keessa beekan hubachiisaniiru.
Weerara humni waloo finxaaleyyiin Amaaraa fi waraanni mootummaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irratti adeemsisaniin lammiileen Oromoo dhibbootaan ajjeesamuu, kumoota dhibbaan qeโee irraa buqqaโanii dirree irratti facaโuu fi qabeenyi ummata kanaa tilmaamuun hin salphanne mancaโuun ni beekama.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *